Raajii Ermiyaasii 3 - Kitaaba Woyyuu

Amanamuu Dhabuu Israa'elii

1Rabbi akkana jedha,

«Namni yoo haati manaa isaa jalaa baate;

yoo nama biraatitti heerumte;

abbaan manaa isi'ii nama itti heerumte san

jalaa baasee galfachuu danda'aa?

yoo ka gaalfatu ta'e kun fafaamii?

Israa'el! ati armaan dura

waaqolee tolfamaa baay'ee jaalattee turte;

amma garuu gara kiyya deebi'uu feeta.

2Mee ol jedhii gaarran gubbaa laali;

huleen ati waaqolee tolfama'aa itti hin saganne hin jiraa?

akka nama lafa gammoojji'ii keessa riphee waa saamu'uuf

olii fi gad deemuutii fi

akka dubartii nama isii jaalatu soqaa

karaa gara garaa deema'aa

hujii cubbuu seebara keetii

waaqeffata'aa lafa batteessite.

3Roobni gannaatii fi ka badheessaallee

wonti si irraa dhaabateef sababaa kanaaf;

ati saalfachuu dhiiftee

akka dubartii seebartuutitti salphatteerta.

4«Ati,

‹abbaa kiyya;

jaalalloo kiyya ka ijoollumma'aati›

jettee na hin waamnee?

5Ati ‹inni hennaa maraa lolaa?

lolli isaa jabaan hin dhaabatuu?› jettee dubbatteerta;

garuu ati hujii hamaa hojjachuu dandeettu maraa

ima hojjatta» jedha.

Biyyi Israa'eliitii Fi Ka Yihuuda'aa Akka Aagii Galan Isaanitti Himame

6Bara Iyyoosiyaas mooye Rabbi akkana naan jedhe, «Biyyi Israa'elii ta amantaa hin qabne maal akka goote argitee? isiin na dhiiftee gaarran gugurda'aa fi mukkiin lalise jalatti waaqolee tolfamaa waaqeffata'aa battummaa raawwatti.Mot. 2ffaa 22:1—23:30; Sen. 2ffaa 34:1—35:27

7Haga kana maraa raawwatteen maayessa waan gaabbitee gara kiyya deebitu seeye, isiin garuu hin deebine; obboleettiin isi'ii Yihuudaan hin amanamnellee waan kana argiteerti.

8Israa'el ana waaqeffatuu dhiiftee waaqolee tolfamaa faana deemte; akka ani waan isiin hojjata'aartu isi'ii dhiise Yihuudaan argiteerti; Yihuudaan obboleettiin Israa'elii ta hin amanamne hin sodaanne; isiinillee gara ufiitiin waaqa tolfamaa waaqeffatti.

9Isiin sirima hin saalfanne dhaga'aa fi muka waaqeffata'aa lafa batteessite.

10Haga waan kana maraa raawwatteen maayessa obboleettiin Israa'elii Yihuudaan akka waan gara kiyya deebituu taate gara'aan uduu hin taane afaanumaan; ka waan kana dubbate ana Rabbi.»

11Rabbi akkana naan jedhe, «Israa'el hagamillee yoo Rabbiin irraa fagaatte wonti isiin Yihuudaa hin amanamne irraa gar gar taatuun akka jiru»

12Kanaafuu wonti Rabbi

akka ani gara kaabaa deemee

Israa'elitti himuuf na ajaje kana;

«Ati Israa'elii hin amanamne!

Araarri kiyya guddaa waan ta'eef

hin loluu gara kiyya deebi'i;

lolli ani siin lolu haga bara baraatii miti.

13Atumti akka yakkamtuu taatee fi

Rabbii Waaqa kee akka didde amani;

ati mukkiin lalise jalatti

waaqolee tolfamaa worra ormaa akka waaqeffattee fi

akka battoofte,

seera kiyyaa ajajamuu diduu keellee himadhu;

ka waan kana dubbate ana Rabbi.

14Isin banii hin amanamne! waan banii kiyya taataniif deebi'aa'a; isin keessaa, qachoota gara garaa keessaa tokko tokko maatii gara garaa keessaallee lama lama filee gara gaara Tsiyoonii isin fida.

15Worri isin eegan ka naa ajajaman isinii kenna; isaan ogumma'aa fi hubanna'aan isin masakkan.

16Hennaa laakkobsi keessan ardii san irratti baay'atu worri waan saanduuqa waadaa kiyyaa dubbatan hin argaman; achiin maayessa waan isaa hin yaadan; hin qaabatanille'e; bu'aan isaa waan isaanitti hin mudhanneef deebi'anii waaqa tolfamaa biraa hojjachu'uuf hin badadan.

17Bara san garuu Yerusaalem ‹Teessoo Rabbii› jedhamtee waamamti; baniin maruu ana waaqeffatu'uuf achitti wol gayan; achiin maayessa isaan worra garaa jabaatuu fi worra yaada hamaa qaban hin ta'an.

18Israa'elii fi Yihuudaan tokko ta'an; isaan lamaanuu biyya gara kaabaatiin jiruu hulee booji'amanii deebi'an isaan gara lafa abboota isaanii ta duriitii lafa bara baraa godhee isaanii kenneetitti deebi'anii galan.»

waaqa Tolfamaa Baniin Rabbii Waaqeffate

19Rabbi akkana jedha,

«Yaa Israa'el! ani akka finna kiyyaatitti

Biyya adunya'aa keessaa lafa gabbattu'uu fi laliftuu guddiftee bareeddu sii kennuu barbaade;

Ati, «Abbaa» kiyya jettee akka na waamtuu fi akka deebitee na irraa hin fagaanne si eega'aa ture.

20Ati garuu akka haadha manaa ta abbaa manaa ufii ganteetitti anaaf amanamtuu hin taane;

ka waan kana dubbate ana Rabbi.»

21Tulloota gammoojjayaa irratti laagaan dhagayama;

laagaan kunillee laagaa baniin Israa'elii

Rabbii Waaqa ufii irraa fagaatanii

cubbuu hojjata'aa turanii amma gaabbanii

kadhata'aa booya'aa dhageessisan.

22Isin worri Rabbiin irraa fagaattanii turtan maruu deebi'aa'a;

inni isin oolchaa;

worra amanaman isin taasisa.

Isinillee akkana jettaniirtan, «Ee! Rabbi Waaqa keenna waan ta'eef gara isaa deebina;

23Isin tulloota gubba'atti waaqa tolfamaa duwwaa waaqeffatuun keenna womaa nu hin fayyanne; fayyinni Israa'elii Rabbii Waaqa keenna callaa biratti argama;

24garuu nu waaqa tolfamaa nama salphisuu sagaduun keenna hori'ii fi hoolota keenna maraa, ijoollee teenna ta dhiiraatii fi ta durbaa maraa fi qabeenna dur abboonni teenna dadhabanii argatan maraa akka dhabnu nu taasiseera.

25Nu'uu fi abboonni teenna ta durii deddeebinee cubbuu hojjannee Rabbii Waaqa keenna gaddisiifneerra; ajaja isaallee hin raawwanne; kanaafuu nu saalfannee kufnee salphinna akka uffataatitti uffanne.»

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help