Seera Leewwotaa 21 - Kitaaba Woyyuu

Seera Gadootatti Kenname

1Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Ijoollee Aaroonii gadootatti akkana jedhii himi, gadichi tokko hennaa firri isaa du'e,

2haadha, Abbaa'a, obboleessa akkasuma obboleettii isaa ta hin heerumne, ta mana isaanii keessatti dhalatte reeffa isaanii yoo ta'e malee reeffa nama biraa tuqu'uun uf hin batteessin;

3yookaan ta fira dhiyo'oo ta heerumtee hin jirre ta isa bira jirtu tuquu hin danda'a;

4bulchaan bani'ii uf dhiphisu'uun uf hin batteessin.

5«Gadoonni akka mataa hin haadanne, areeda ufiillee akka hin haadanne, nafa ufiillee hin butatin.Ser. Lew. 19:27-28; Kes. Deb. 14:1

6Waaqa isaaniitiif woyyoota haa ta'anii; maqaa Waaqa ufii akka hin xureessine; buddeenaa fi kennaa ciincaa ibiddaan dhiyaatuu waan Rabbii Waaqa isaaniitii dhiyeessaniif woyyoota haa ta'anii.

7Waan nama Goofta'aaf woyyoome ta'eef, gursummeettii akka hin fuune yookaan ta abbaa worraa hiitte hin fuudhin.

8Waan buddeena Waaqaa dhiyeessuuf hin woyyoomsitaan; anillee Waandhi kee waan woyyuu ta'eef inni woyyuu sii haa ta'uu.

9Intalti yookaan mucattiin gadichaa yoo seebaru'uun uf xureessite, waan abbaa ufiillee xureessituuf, ibiddaan gubattee haa duutuu.

10«Gadichi obboleewwan ufii keessaa hangafa ta'e, ka mataa isaa irratti dhadhaa ejersaa buufate, uffata uf irraa akka hin mulqine, uffata ufiillee akka hin biinxine.

11Gara mana reeffi jiruu hin seenin; yoo haadhaa fi abbaallee ta'e seenee akka uf hin batteessine.

12Waan gadummaan kiyya ka Waaqa isaa woyyuun isa irra jiruuf; mana woyyuu keessaa akka hin baane, hulee woyyuu Waaqa ufiillee hin xureessin; ani Rabbiin waan ta'eef.

13Inni durba haa fuudhuu.

14Ta abbaa worraa jalaa baate, ta abbaan manaa irraa du'e, yookaan ta adaba hin qabne hin fuudhin; durba haa fuudhuu.

15Ani Waaqa woyyoomsu waan ta'eef, sanyii isaa keessaa banii wodhakka'atti fiixaa ufii hin batteessin.

16Rabbi Muuse'een akkana jedhe,

17«Ati Aarooniin ‹fiixaa kee keessaa namni mudaa qabu maruu buddeena Waaqa ufiitii kennu'uuf akka hin dhiyaanne.

18Ballaan, hokkolaan, nama funyaan baxxe'ee, nama qaama irratti qaama eda'ame qabu,

19Nama luka cabe, ka harka cabe,

20Nama dudda goorro'oo, farra, nama ija mooca'aa, cittaayaa'a, baccarroo, ka uumamaan qaama uumatuun hin qabnee fi namni shingaaye maruu hin dhiyaatin.

21Fiixaa gadicha Aaroonii keessaa namni mudaa qabu ciincaa gubamu Waaqaaf akka hin dhiyeessine waan mudaa qabuuf buddeena Waaqa ufiitii dhiyeessu'uuf akka hin dhiyaanne.

22Buddeena Waaqa woyyu'uutii fi ka woyyuu woyyootaa haa nyaatuu;

23garuu waan mudaa qabuuf akka mana woyyuu kiyya hin xureessine gara woyyittii woyyootaa akka hin seenne, gara hulee ciincaa itti dhiyeessaniillee akka hin dhiyaanne; ani Waaqa isaan woyyoomsu waan ta'eef› jedhii himi» jedheen.

24Muuseen waan kana maraa Aarooniin, ijoollee Aarooniitii fi ijoollee Israa'elii marattuu hime.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help