Raajii Ermiyaasii 4 - Kitaaba Woyyuu

Waamsa Aagi'ii

1Rabbi akkana jedhe, «Isin banii Israa'elii! yoo gara kiyya deebi'uu barbaaddan, waaqolee tolfamaa jibbaman sanniin balleessitanii yoo anuma calla'aa amanamtoota taatan;

2Dhuga'aa fi qajeellumma'aanillee ‹Rabbii jiraata'aan› yoo kakattan;

baniin maruu hin eebbifaman; kanaanillee ulfinna argatan.»

3Rabbi banii Yihuuda'aatii fi banii Yerusaalemiitiin akkana jedha, «Lafa bule qotaa'a; sanyii keessan qoree keessatti hin facaasinaa'a!Hose. 10:12

4Isin baniin Yihuuda'aatii fi worri Yerusaalemiin keessa jiraattan! Badooma garaa keessanii baasa'aatii sammuu qulqulleeffadha'aa namummaa keessan maraanuu Rabbitti bulaa'a; yoo waan kana godhuu baattan garuu sababaa hujii hamaa keessaniitiif lolli kiyya akkuma ibiddaa isinitti bobaya; lolli kiyya yoo akka ibiddaa bobaye eennullee dhaamsuu hin danda'u.»

Dhaaduu Diinni Biyya Yihuuda'aa Qabatu'uuf Dhaadatu

5Biyyattii san maraa keessatti xurumbaa afuufaa'a!

laagaa keessan ol qabadha'aa iyyaa'a!

baniin Yihuuda'aatii fi ka Yerusaalemii gara qachoota dallawa qabduu akka dheessan isaanitti himaa'a.

6Tsiyoonitti karaa mudhisaa'a!

uduu hin turre gara hulee dheessitanii jalaa bayuu dandeettanii baqadhaa'a!

Rabbi gara kaabaatii bala'aa fi badii guddaa waan fiduuf.

7Akkuma leenci bosona itti dhokate keessaa bawu,

wonti banii maraa balleessu hin ka'a;

inni biyya Yihuuda'aa balleessu'uuf dhufa;

qachoonni biyya Yihuuda'aa hin diiggaman;

namni isii keessa jiraatu hin argamu.

8Lolli Rabbii jabaan biyya Yihuuda'aa irraa waan hin fooyamneef

uffata gaddaa uffadha'aatii banne jedha'aa booyaa'a.

9Rabbi akkana jedha,

«Guyyaa san mooti'ii fi worri isa jala hojjatan guddisanii nayan; gadoonni hin hollatan; raattonnillee hin nayan.»

10Anillee, «Rabbi Gooftaa kiyya! ati banii Yerusaalemiitiin ‹nagaya argattan› jettee maaf isaan sobde? amma garuu isaan guraade'een dhumata'aaran» jedhe.

11Hennaa san banii Yerusaalemii tanatti akkana jedhamee himama; «Banii kiyyatti qilleensi nama gubu tulloota gammoojjii jiran irraa ka'ee isaanitti bubbisa; qilleensi kun qilleensa qulqulleessu yookaan ka adda baasuu miti.

12Qilleensi kun qilleensa ajaja Rabbiitiin dhufu waan ta'eef maraa caalaa jaba'a; murtii kana ka bani'itti murteessu Rabbi.»

Yihuudaan Diinaan Marfamte

13«Loltoonni diinaa akka duumessaa marseera; konkolaataan lolaa akka haboonbolatti'ii ariifata; faradoon allaattii bajja jedhamu caalaa bararan; kanaafuu waan bada'aarruuf nu hobbaas!

14Yaa Yerusaalem! yoo fayyuu barbaadde hammeenna garaa keetii maraa uf keessaa baasii balleessi; yaanni cubbu'uu sammuu kee keessaa haga yoomii baduu dida?

15Qachoota Daaniitii fi tulloota Efreemii keessaa laagaa nama waan hamaa labsuutitu dhagayama;

16worri nama marsee qabu Yihuudaa irratti lola labsa'aa biyya fago'ootii akka dhufa'aaran banii maraa fi banii Israa'eliititti himaa'a!

17Baniin Yerusaalemii waan hammaatanii didaniif akka nama midhaan eeguutitti diinni isii marsa;» ka waan kana dubbate ana Rabbi.

18Yihuudaa'a! sababaan wonti kunniin maruu si irra gayeef waan jireenna kee bada'aatii fi waan hujii kee hama'aatiif; wonti rakkoon hadhaayaan kun marti si irra gayeef sababaa cubbuu keetiitiif waan ta'eef nafa kee kutee seenee garaa kee madeesseera.

Ermiyaas Bani'ii Gadde

19Attamitti rakkinna kana maraa obsuu danda'a!

hayi rakkinna!

dhayannaan onnee tiyyaa attamitti ariifate?

hayi onnee tiyya!

laagaa xurumba'aatii fi ka lolaa uduu dhagayu

obsee cadhisuu hin danda'u.

20Balaan balaa irratti eda'ama;

biyyattiin maruu diiggamtee ona taateerti;

daaseewwan keenna maruu dimmaa badan;

golgi isaanii maruu haga limsuu ijaatitti biinxaman.

21Malkanni alaabaa lolaa ka raafamu;

hirphi laagaa lolaa ka dhagayamu;

laagaan xurumba'aallee

ka dhagayamu haga yoomiiti?

22Rabbi akkana jedha,

«Baniin kiyya gowwoota na hin beenne ta'aniiran;

waan hubannaa hin qabneef akkuma daa'immanii sobaman;

isaan worra waan hamaa hojjachu'uuf ogooman;

sirima waan mishaa hojjachuun isaanii hin ta'u.»

Ermiyaas Badii Dhufu'uuf Ta'u Arge

23Yoo lafa laalu,

lafti duwwa'a;

yoo samii laalu,

ifti irra hin jiru.

24Yoo gaarran laalu,

isaanillee hin hollata'aaran;

yoo tulloota laalu,

isaanillee olii gad socho'aaran.

25Akka baniin irra hin jirre arge;

allaattiiwwanillee bararanii badan.

26Lafti laliftuun gara lafa gammoojji'ii jijjiiramteerti;

Rabbi waan guddisee loleef

qachoonni isi'ii maruu diiggamaniiran.

27Rabbi lafti akka gara lafa gammoojji'iititti jijjiiramtu haga dhumaa garuu akka isii hin balleessine dubbateera.

28Ardiin hin bootti;

samiinillee dukkanaan golgama;

waan kana Rabbitu dubbate;

yaanni isaa hin jijjiiramu;

murtii hin jijjiiramne murteeffateera;

uf duuba hin deebi'u.

29Sababaa dhaaduu worra farado'ootii fi worra ebo'oon darbataniif,

baniin qachaa keessa jiru maruu hin baqata;

gariin gara bosonaa dheessa;

worri hafan dhagaa gubbaa yaa'an;

qachaan maruu ona namni keessa hin jiraanne ta'a;

ka isii keessa jiraatu hin argamu.

30Ati qachaan Yerusaalemii ta badde! si hobbaas!

wonti uffata diimaa uffatteef maali'i?

wonti faaya gara garaatiin qandhaftuu fi

wonti ija kee kuulii dibatteef maali'i?

worri mata gala sitti galan waan si jibbanii si ajjeesu'uuf ta'aniif

uf bareechisuun kee duwwa'a.

31Ani laagaa akka dubartiin ciniinsifattu dhageessiftuu dhagaye;

ani laagaa akka dubartiin hennaa goromummaa deettu

dhageessiftuu dhagaye;

laagaan kun laagaa Yerusaalem hafuurri isi'ii addaan citee

harka ufii badhiftee «na hobbaas! ani bada'aaraa!

na ajjeesu'uuf natti dhufa'aaran!» jedha'aa dhageessiftu ture.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help