Kitaaba Naahimiya'aa 4 - Kitaaba Woyyuu

Nahimiyaan Mormii Waan Ijaarsaatiif Itti Ka'e Maraa Danda'e

1Sanbalaaxi akka ijaarsa jalqabne haga dhagaye guddisee aaree lolee nu worra Ayihuudi'iititti balde.

2Obboleewwan ufiitii fi loltoota Samaariya'aa afo'otti «Wonti worri Ayihuudi'ii dadhabaan kunniin hojjata'aaran maali'i? qachattii deebisanii ijaaru'uuf karoorfataniiranii? ciincaa dhiyeessu'uun hujii guyyaa tokkotti waan fixan isaanitti fakkaataa? ijaarsa diiggame keessaa dhagaa ijaarsaaf ta'u baasuu danda'anii? » jedhee uf jaju'uun dubbate.

3Xoobbiyaan gosa Amoonii isa bira dhaabatee «Ka isaan dhaga'aan ijaaran kana uduu jeedalti kortee hin jiga!» jedhe.

4Anillee akkana jedhee kadhadhe «Waaqa keenna! nu tuffatamneerraa dhagayi; arraba isaanii isaanumatti deebisi, biyya booji'amanitti saamamaaf dabarsii isaan kenni.

5Waan hamaa isaan raawwataniif isaanii hin araaramin, cubbuun isaan hojjatan si afo'oo hin badin, isaan hojjattoota tee afo'otti waan si aarsaniif.»

6Nu ijaarsa deebifnee ijaarre; baniin maruu waan jabaatanii hojjataniif ijaarsi wodhakkaa gaye.

7Sanbalaax, Xoobbiyaa, worri Arabootaa, worri Amoonootaatii fi worri Ashdoodotaa akka ijaarsi Yerusaalemii ijaarama'aa deeme, ka diiggame ijaaruun akka jalqabame haga dhagayan guddisanii lolan.

8Kanaafuu isaan maruu wol ta'anii Yerusaalemiin lolanii raasu'uuf wolii kakatan.

9Nu garuu Waaqa keenna kadhanne; sababaa isaaniitiif kolba isaan nutti dhufaniin worra halkanii fi guyyaa eegu kaayanne.

10Hennaa kana namoonni Yihuuda'aa,

« Ba'aan huji'ii nu dadhabsiise,

wonti diiggame ka kaasuun nu barbaachisu gudda'a,

ijaarsa ijaarree hin dandeennu» jedhan.

11«Diintonni teenna waan nu godha'aarru uduu hin beennee fi uduu hin argine wodhakkaa isaaniititti argamnee isaan ajjeefnee hujii isaan hojjata'aaranillee dhaabsifna.» jedhan.

12Worri Ayihuudi'ii ka isaan bira jiran dhufanii «Hulema jiran maraayyuu nutti dhufan» jedhanii harka kudhanii nutti himan.

13Anillee ijaarsa duuba gara gadiitiin guraadee, woraanaa fi buundhee isaan qabsiisee akka gosa gosa isaaniitiin isaan dhaabsise.

14Anillee akka isaan sodaatan argee ka'e; worra jajjabootaa, worra muudamtootaatii fi banii hafeen «Isaan hin sodaatinaa'a, Gooftaa gudda'aa fi ka gaachenni isaa sodaachisu yaadaa'a, waan obboleewwan keessanii, waan ijoollee teessan ta dhiiraatii fi ta durbaa, waan haawwota manaa teessaniitii fi waan manniin keessaniitiifillee lolaa'a» isaaniin jedhe.

15Waan diintonni keenna nu irratti hojjachu'uuf wolii kakatan nu akka dhageennee fi isaanillee akka Rabbi marii isaanii duwwaa godhe hubatan. Nu marti keennaa gara ijaarsa keennaatii fi hujii keennaa deebine.

16Guyyaa san irraa jalqabee namoonni ani hiriirsise gariin cinaan huja'aa turan; cinaan garuu wontee, woraana, buundhee, sibiila lolaa ka mata'atti godhatan qabatanii turan. Worri bulchootaallee manniin worra Yihuuda'aa maraa duubaan dhaabata'aa turan.

17Worri ijaarsa ijaaranii fi worri waan ijaaraniin baadhatan harka tokkoon woraana qabatanii harka tokkoon hojjata'aa turan.

18Worri ijaarsa ijaaru maruu guraadee ufii mudhi'itti hidhatanii hojjata'aa turan; ka xurumbaa afuufullee na bira ture.

19Worra gugurda'aa fi worra muudamaniin, akkasuma banii hafaniin, «Hujiin gudda'aa fi badha'a, nu maruu ijaarsa irra facaaneerra, namni tokko nama kaan irraa fagaateera;

20Hulee laagaa xurumba'aa itti dhageettan gara keenna kanatti wol gayaa'a, Waandhi keenna nuu lolaa» isaaniin jedhe.

21Kanaafuu guyya guyya'aan ganama irraa jalqabnee haga galgalaa, haga urjiin baatutti namoonni gariin hennaa hojjatan, gari gariin garuu meeshaa woraanaa hidhatanii akka worra balbala eeguutitti eega'aa turan.

22Ani hennaa san bani'iin «Isin maruu ijoollee teessan woliin Yerusaalemiin bulaa'a, halkan nu eegaa'a, guyya guyyaa garuu hojjadhaa'a» isaaniin jedhe.

23Ani, obboleewwan tiyya, namoonni ani hiriirsisee fi worri eegan ka na duubaan jiranillee uffata keennaa uduu hin mulqanne bula'aa turre.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help