Kitaaba Naahimiya'aa 8 - Kitaaba Woyyuu

Izraan Seera Rabbii Bani'ii Dubbise

1Baniin Israa'elii ji'a torbeesso'oo qachaa ufii keessa jiraachuu fixatan; ji'uma san keessa guyyaa jalqabaatitti baniin maruu Yerusaalemiin keessatti hulee itti gad bayan ka balbala bisaanii jedhamu afo'otti akka nama tokkootitti wol gayan. Isaan akka Izraan beekaan seeraa kitaaba seeraa ka Rabbi karaa Muuse'eetiin banii Israa'eliitii kenne haa isaanii fidu'uuf kadhataniin.

2Izraan gadichi ji'a torbeesso'oo guyyaa jalqabaatitti worra seera kana dhagayanii hubatuu danda'an dhiiraa fi dubartoota maratti fide.

3Balbala bisaanii ka hulee itti gad bayan jiru bira dhaabatee akka dhiirrinii fi dubartoonni dhagayuu danda'anitti ganama irraa jalqabee haga waare'ee kitaaba seeraa dubbise; baniinillee dubbii kitaaba seeraa dhagaya'aa turan.

4Izraan barreessaan muka irra dhaabatanii dubbatan ka waan kanaaf hojjatame irra dhaabatee ture hennaa san worri gara mirgaatiin dhaabatan Matiitiyaa, Shimaa'i, Aanaayaa, Ooriyoo, Keliqiyaas, Ma'iseeyaa; worri gara bita'aatiin dhaabatan Faddaayaa, Misaa'el, Malkiyaa, Hasuum, Hashibadaanaa, Zakkaariyaasii fi Meesulaam fa'a turan.

5Izraan bakka baniin maruu isa arguu danda'utti ol bayee dhaabatee, uduu baniin maruu isa argan kitaaba bane; hennaa inni bane, baniin maruu ka'ee dhaabate.

6Izraan Rabbii Waaqa guddaa eebbifnaan baniin maruu harka badhisee, «Amiin! Amiin!» jedha'aa deebisan. Mata'aan gad jedhanii kallachaanillee lafatti gad kufanii Rabbiif sagadan.

7Kanaan maayessa Iyyaasuu, Baanii, Sarraabiyaa, Yaamiin, Aquub, Saabaataayi, Hoodiyaa, Ma'iseeyaa, Qolixaas, Azaariyaas, Yoozaabaat, Haanaanii fi Feeliyaa, worri Leewwotaallee akka baniin seera hubatuuf banii barsiisa'aa turan. Baniin garuu bakkuma jiran dhaabata'aa turan.

8Isaanillee kitaaba seeraa ka Rabbii bani'ii dubbisa'aa turan; Izraanillee akka Rabbiin beekan isaan barsiisa'aa, isaan beessisa'aa waan tureef baniinillee waan inni dubbisu hin hubatan ture.

9Dubbii seeraa hennaa dhagayan baniin waan booyaniif bulchaan biyyaa Nahimiyaan, Izraan gadichi beekaan seeraatii fi Leewwonni banii barsiisa'aa turan, «Guyyaan kun Rabbii Waaqa keennaaf ka woyyoome waan ta'eef hin gaddinaa'a; hin booyinaa'a» isaaniin jedhan.

10Innillee, «Deema'aa dhiyana mishaa nyaadhaa'a, daadhii woyini'ii mi'aayaallee dhugaa'a, worra waa hin qabneefillee ergaa'a, adhi guyyaa Gooftaa keennaaf woyyoome; gammachuun Rabbii hunna keessan waan ta'eef hin gaddinaa'a» isaaniin jedhe.

11Worri Leewwotaallee, «Guyyaan adhaa kun woyyuu waan ta'eef, cadhisaa'a, hin gaddinaa'a» jedhanii banii akka cadhisan godhan.

12Baniin maruu dubbii isaanii dubbifame hiikkaa isaa waan hubataniif gara manniin ufii dhaqanii waan isaanii qophaaye nyaatanii dhuganii guddisanii gammadanii worra waa hin qabne kaawwaniifillee ergan.

Ayyana Daase'ee Ayyaanteeffatan

13Guyyaa lammeesso'oo bulchoonni, gadoonninii fi worri Leewwotaa, bulchoonni manniin abboota isaanii maruu akka Izraan dubbii seeraa isaanii hiiku isa biratti wol gayan.

14-15Ji'a torbeesso'ootitti ayyaana ayyaanteeffachu'uuf akka ijoolleen Israa'elii daasee keessa teettu, gara qachoota isaanii, gara Yerusaalemiitii fi gara gaaraa dhaqa'aatii dhadhaa ejersaa, damee ejersa gammoojji'ii, damee muka baarsaannati jedhamuu fi damee meexxi'ii ka lalise fidaa'a; akkuma barreeffametti daasee ijaaraa'a» jedha'aa labsa'aa akka himan ka jedhu kitaaba seeraa ka Rabbi Muuse'etti kenne keessatti ka barreeffameeru argan.

16Kanaafuu baniin yaa'ee muka fidee marti isaaniituu mana mana gubba'aa, hulee itti gad bayan keessatti, lafa raasa'aa ka mana Rabbii bira jiru keessatti, raasaa balbala bisaaniitii fi lafa raasa'aa ka Efreemiititti daasee ijaaran.

17Baniin bakka booju'uutii deebi'an maruu daasee ijaaratanii keessa jiraatan; bara ilma Nawwe'ee Iyyaasuu irraa jalqabee haga guyyaa sanii ijoolleen Israa'elii waan akkanaa kana hojjatanii hin beekan; isaan maruu guddisanii gammadan.

18Guyyaa jalqabaatii jalqabee haga guyyaa dhumaa guyyama guyya'aan kitaaba seera Rabbii dubbisa'aa ture. Haga guyyaa torbaa ayyaana ayyaanteeffatanii guyyaa saddeetesso'oo akkuma seera isaaniititti wol gayii woyyuu godhatan.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help