1Yaa Rabbi! rakkoo Daawiti obse maraa yaadadhu;
2Akka inni Rabbii kakate,
akka inni Waaqa Yaaqoobiitii akkana jedhee woreega qabe,
3Dhugamaan gara mana kiyyaa hin galu;
siree tiyya irra hin bayu.
4Ija tiyya hirribni hin qabu;
ija tiyyallee wolitti hin qabadhu.
5«Haga Waaqa Yaaqoobiitii mana ijaarutti hara hin baafadhu» jedhe.
6Laagaa kakuu isaa Efraata'atti dhageenne;
biyya Qiriyaati'aarimii keessatti argine.
7Kanaan maayessa akkana jenne, «Koottaa gara mana Rabbii haa deemnuu;
luka isaa jalatti haa sagannuu.»
8Yaa Rabbi! ka'i;
Saanduuqa waada'aa ka hunna kee mudhisu woliin
gara mana woyyumma'aa ka ati hara itti baafattuu seeni.
9Gadoonni tee hujii balchumma'aa haa hojjatanii;
woyyoonni tee haa ililfatanii!
10Hojjataa kee Daawitiif jedhii
ka filattee muudde hin dhiisin.
11Rabbi Daawitii dhugamaan kakate,
«Ijoollee tee keessaa nama tokko mootii taasisa jedhee
waadaa hin diiggamne galeef.
12Yoo ijoolleen tee waada'aa fi
ajaja ani kennuuf eedde,
ijoolleen isaanii ka siin maayessaa
baraa haga bara baraa mooyan.»
13Rabbi Tsiyooniin filateera;
hulee jireenna ufii taasifatuu barbaada.
14Huleen tun baraa haga bara baraa hulee ani hara itti baafadhu;
waan filadheef hulee jireennaa godhadheera.
15Waan Tsiyoon nyaattu hin guddisaaf;
hiyyeeyyiin isi'iillee haga quufanitti isaan nyaachisa.
16Gadoota isaanii fayyinna itti uwwisa;
woyyoonni isi'ii gammachu'uun faarfatan.
17Kanaan Daawitii hunna keenna;
ka muudellee ifa qopheessa.
18Diintota isaa akka salphinna uffatan taasisa;
inni ammo gulloo ulfinnaa ka ifu godhata.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.