Raajii Ermiyaasii 13 - Kitaaba Woyyuu

Sabbata Haanxa'aa Ka Talbaa Irraa Hojjatame

1Rabbi akkana naan jedhe, «Sabbata uffata quuncee talba'aa irraa hojjatame uffadhu; garuu bisaan hin tussiisin.»

2Kanaafuu ani akkuma Rabbi na ajajetti sabbata bitee hidhadhe.

3Rabbi ammallee akkana naan jedhe,

4«Gara laga Efraaxisii dhaqii sabbata kee holqa dhaga'aa keessatti dhossi.»

5Kanaafuu ani akkuma Rabbi na ajaje deemee laga Efraaxisii biratti sabbata kiyya dhosse.

6Guyyaa baay'e'een maayessa Rabbi, «Gara laga Efraaxisii deebi'iitii sabbata fudhu» naan jedhe.

7Ani deemee sabbata bakkuma itti dhosse sanitti argadhe; sabbata kiyya hennaa argu badee ka faayidaa hin qabne akka ta'e arge.

8Achiin maayessa Rabbi akkana naan jedhe,

9«Ani uf jajuu biyya Yihuuda'aatii fi uf tuuluu Yerusaalemiillee akkaataa kanaan balleessa.

10Baniin hamaan kunniin naa ajajamuu didaniiran; ta qaraa caalaa morkatanii waaqolee tolfamaa waaqeffata'aa isaan tajaajilan; sababaa kanaaf isaan akkuma sabbata sanii worra bu'aa hin qabne ta'an.

11Akkuma sabbanni yoo hidhatan mudhi'itti maxxanu baniin Yihuuda'aatii fi baniin Israa'eliillee akka natti maxxanan karoorsee ture; wonti ani waan kana godheef akka isaan banii kiyya ta'anii fi akka maqaa kiyyaaf galataa fi ulfinna kennaniif; isaan garuu na hin dhageenne.»

Ottee Daadhii Woyini'ii

12Rabbi Waandhi akkana naan jedhe, «Yaa Ermiyaas! ‹otteen maruu daadhii woyini'iitiin guuttama› jedhii banii Israa'eliitiititti himi; hennaa san isaan ‹nu akka ottee daadhii woyini'iitiin guutan waan hin beenne seetaa?› siin jedha.

13Kanaan maayessa Rabbi worra lafa tana irra jiraatan maraa daadhii woyini'ii obaasee akka isaan macheessu'uuf karoorfadhe isaanitti himi; hennaa san mootota, gadootaa fi raattota siree ulfinnaa ka Daawitii irra jiraatanii fi worra Yerusaalemiin keessa jiraatan maraa daadhii woyini'iitiin isaan macheessa.

14Hennaa san abbootaa fi ijoollee isaanii maraa akkuma otte'ee wolitti isaan buusa; gaddi, gara laafummaan araarallee yoo ta'e wonti kamuu isaan balleessuu na hin dhooggu.»

Akka Bandhi Dhufu Isaanitti Himame

15Rabbi waan dubbateef;

uf jajuu keessan balleessa'aatii isa dhagayaa'a;

seeraanillee isa jalaa caqasaa'a.

16Uduu inni dukkana isinitti fidee isin gaarran irratti hin gufanne;

ifa isin hedattan

gara dukkana jaama'aatii fi gara hurrii dukkanaa uduu hin jijjiirre,

Rabbii Waaqa keessan kabajjaa'a.

17Yoo dhagayuu diddan garuu

ani waan uf jajuu keessaniitiif dhokadhee booya;

baniin Rabbii booju'uun waan fudhatameef ani mararamee booya;

imimmaan kiyyallee hin qooru.

18Rabbi akkana naan jedhe, «Waan mootitti'ii fi haadha isaanii irraa kallachi ulfinnaa ka kabajja'aa mataa isaanii irraa bu'eef akka isaan teessoo ulfinnaa irraa bu'aniif isaanitti himi.

19Qachoonni biyya Yihuuda'aa ta gara kibbaa jiran waan diinni isaan marseef eennullee achi dhaquu hin danda'u; baniin biyya Yihuuda'aa maruu hin booji'aman.»

20Yaa Yerusaalem! gara kaabaatii akka diinni sitti dhufa'aaru laali; baniin ati kunuunsa'aa turtee fi baniin ati dhaadattuun eessa gayan?

21Worri ati jaalalloo kiyya jettee itti dhiyaatte yoo si ari'anii fi yoo si bulchan maal jetta? akka dubartii ciniinsifattuutitti si hin dhukkubuu?

22Wonti kun maruu maaf na irra gaye? wonti uffata kiyya tarsaasanii na salphisaniif maali'i? jettee yoo gaafatte wonti kun maruu si irra gayeef akka sababaa cubbuu kee gudda'aatii fi hama'aatiif ta'e beeki.

23Namni biyya Itoophiya'aa bifa ufii, Qeerransillee babarrinna ufii jijjiirachuu hin danda'an; isinillee akkasuma waan hamaa hojjachuu waan barattaniif waan mishaa hojjachuu hin dandeettan.

24Amma garuu Rabbi akkuma buraa qilleensi lafa gammoojji'ii haxaayee dabarsuutitti isin bittinneessa.

25Akka hireen keessan kana ta'e Rabbi dubbateera; isin isa irraanfattanii waaqolee tolfamaa sobaa waan hedattaniif inni waan kana isin irratti raawwachu'uuf murteesseera.

26Rabbi uffata keessan isin irraa mulqee akka qullaa haftanii saalfattan isin godha.

27Inni hennaa isin waan hamaa inni jibbu gootan argeera; isin akka nama haadha manaa goshoo ufiititti dhaqu'uuf hawwuutii fi akka fardi kormaan ganyaa soqaa olii gad deemuu isinillee waaqa tolfamaa worra ormaa gaarran, tullootaa fi lafa raasa'aa irra hennaa soqa'aa deemtan isin argeera; isin banii Yerusaalemii isin hobbaas; sirima yoom qulqullooftan?

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help