Raajii Ermiyaasii 16 - Kitaaba Woyyuu

Fedha Rabbii Waan Jireenna Ermiyaasiitiif

1Rabbi ammallee akkana naan jedhe,

2«Ati hulee kanatti intala fuutee ijoollee hin uumatin.

3Ijoollee asitti dhalatanii fi waan maatii ijoollee tana uumatan irra gawu sitti hima.

4Isaan maruu dhukkuba hama'aan dhuman; ka isaanii booyuu fi ka isaan awwaalu sirima hin jiru; reeffa isaanii akkuma kosi'ii raasa'atti tuulan; woraanaa fi beelaan dhuman; reeffi isaanii nyaata allaattii samii irra bararuu fi busaaya'aa ta'a.

5«Mana booyaa hin seenin; eennuufillee hin gaddin; ammaa achi ani banii kiyyaa nagaya kennu'uun hin eebbisu; jaalalaa fi araara daangaa hin qabne isaanitti hin mudhisu.

6Dureeyyiinii fi hiyyeeyyiin biyya tana keessa jiran maruu hin dhuman; worra booya'aa isaan awwaalu hin argatan; isaanii gaddee ka fuula ufii taraaruu fi ka mataa ufii haadatu hin jiru.

7Namni jaalalloon du'ee buddeena qabatee dhaqee ka isa woliin nyaatee dhugee isa jajjabeessu hin jiru; ka biraa dhiisiitii nama abba'aa fi haati jalaa du'an namni jajjabeessu hin jiru.

8«Gara mana affeerra'aa ka namni wol gayee itti gammaduullee hin dhaqin; isaan woliin nyaattee dhugu'uuf hin taa'in.

9Waan ani Waandhi banii maraa Gooftaan Israa'elii siin jedhu dhagayi; bara ufii jirtu kana keessatti laagaan gammachu'uutii fi ka burraaqu'uu, laagaan cidhaatii fi ka cidhaa akka hin dhagayamne godha.

10«Hennaa ati waan kana maraa isaanitti himtu ‹nu maal balleessinaan Rabbi adabbii guddaa hagana gawu nutti murteesse? maal balleessine? cubbuun nu Rabbii Waaqa keenna afo'otti hojjanne maali'i?› jedhanii si gaafatan.

11Hennaa san Rabbi akkana isiniin jedha isaaniin jedhi, ‹Abboonni teessan ta durii na irraa fooyamanii waaqolee tolfamaa sobaa waaqeffata'aa tajaajilan; ana hin dhiisan; seera kiyyallee hin raawwanne.

12Isin garuu waan hamaa abboonni teessan ta durii hojjatan caalu hojjattan; isin maruu worra morkatuu fi worra didu taatan; anaa hin ajajamne.

13Kanaafuu biyya tanaa isin baasee gara biyya isinii fi abboonni teessan ta durii hin beennetti isin gata; achitti halkanii fi guyyaa waaqolee tolfamaa sobaa waaqeffattan; ani sirima isinii hin araaramu.› »

Baniin Israa'elii Hulee Itti Booji'amee Deebi'e

14Rabbi akkana jedha, «‹Barri isaan Rabbii jiraataa banii Israa'elii biyya Misiriitii baase› jedhanii hin kakanne hin dhufa.

15Bikka san ‹Rabbii jiraataa banii Israa'elii biyya kaabaatii fi biyya biraa ka hulee isaan itti facaase maraa isaan deebise› jedha'aa kakatan; gara biyya isaaniitii fi gara biyya abboota isaanii ta duriitii kennee isaan deebisa; ani Rabbi waan kana dubbadheera.»

Adabbii Dhufu

16Rabbi akkana jedha, «Ani namoota banii kana akka qurxummi'iititti isaan qabuu fi akka bineensaa isaan dhadhoolu isaanitti erga; isaan gaarranii fi tulloota, holqa dhaga'aa keessa deema'aa dhadhoola'aa isaan qaban.

17Ani waan isaan godhan maraa hin arga; wonti na jalaa dhokatu tokkollee hin jiru; cubbuun isaanii maruu na jalaa hin dhokanne.

18Isaan akka waan du'ee waaqolee tolfamaa lubbuu hin qabneen lafa kiyya waan batteessanii fi waaqolee tolfamaa sobaa biyyattii keessa waan guutaniif, waan cubbu'uu fi hammeenna isaaniitiif dachaa isaan adaba.»

Faatee Ermiyaasii

19Yaa Rabbi! ka na eeguu fi ka na jabeessu si'i; ati hennaa rakko'oollee irkoo kiyya; baniin daangaa lafaatii sitti dhufanii akkana siin jedhan; «Abboonni teenna ta durii waaqolee tolfamaa sobaa malee womaa hin qaban; waaqoleen tolfamaan isaanii maruu duwwa'a; womaa hin fayyadan.

20Dhugamaan namni Waaqa ufiif hojjachuu hin danda'aa? ee, garuu Waaqa dhuga'aatii miti.

21«Kanaafuu baniin maruu hunna kiyyaa fi guddinna kiyya akka lamuu hin irraanfannetti akka beekan isaan taasisa; akka ani Rabbiin ta'ellee hin hubatan.»

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help