Raajii Hisqeelii 4 - Kitaaba Woyyuu

Hisqeel Akka Yerusaalem Diinaan Marfamtu Mammaakaan Hime

1Rabbi akkana jedhe, «Ilma namaa! faara dhoqqee irraa hojjatame baxxicha fuudhii uf afoo kaayii fakii qachaa Yerusaalemii irratti kaasi.

2Fakii san akka qachaa woyiititti laaliitii balaa itti buusu'uuf qophaayi; mi'a faaraa san qacce'ee haga qacce'eetitti biyyee tuulii hulee irra ol bayaniin tolchii fakii san akka waan loltoonni marsaniititti marsi; karaa maraanuu utubaa mukaa hojjadhuutii akka waan balbala dallawa qachatti'ii diidduu godhi.

3Ati eelee sibiilaa fuudhii si'ii fi qachattii jiddu'utti akka dallawaatitti dhaabi fuula kee gara qachatti'ii deebisii waan marfamte haa fakkaattuu; ka isii marsullee sima; kun banii Israa'eliitiif malkata ta'a.

4«Eeganaa ati cinaacha kee ka bita'aatiin ciisi; ati cubbuu worra Israa'elii baadhu; guyyaa cinaacha keetiin ciiftu maraa cubbuu isaanii baadhatta.

5Haga bara worri Israa'elii cubbuu hojjate baay'inna guyya'aa sii murteesseera; guyyaan tokko waan woggaa tokkooti jechu'u; kanaafuu ati guyyaa dhibba sadihii fi sagaltamaa cubbuu worra Israa'elii baadhatta.

6Haga waan kana gooteen maayessa cinaacha kee ka mirgaatitti gara galtee ciiftee haga guyyaa afurtamaa yakka worra Yihuuda'aallee hin baadhatta; kunillee adabbii ani wogga wogga'aan isaan adabuun wol qixa jechu'u.

7Gara Yerusaalemii marfamteertuu xiinxallii laali; harka kee ol kaasii raaga isii seeru'uu itti dubbadhu.

8Haga hennaan isiin itti marfamte sun raawwatutti akka ati cinaacha kaanii gara cinaacha biraatitti gara hin galle haadaan si hidha.

9Ati amma qamadii, garbuu, baaqelaa, Misira, Misinga'aa fi ajjaa fuudhii wolitti makii daassisii budeena godhadhu; kun nyaata guyyaa dhibba sadihii fi sagaltamaa hennaa cinaacha kee ka bita'aatiin ciiftu nyaattu.

10Ati nyaata guyyaa guyya'aan giraama dhibba lamaa fi soddomaa gayu nyaatta; nyaata kana guyyaa itti aanuufillee qusata'aa hennaa murtaayeef nyaatta.

11Bisaan ati dhuddu waan diqqoo ta'uu barbaachisuuf guyya'aan kobbee lama lama dhudda.

12Buddeena garbu'uu kobootuu udaan namaatiin bilcheeffattee nyaatta.» naan jedhe.

13Rabbi, «Wonti kun hennaa ani banii Israa'elii biyya ormaa maraa keessa isaan bittinneessu nyaata battaaye ka seerri isaan dhoogge akka nyaatan mudhisa» jedhe.

14Ani akkana jedhee deebiseef, «Rabbii maraa olii! kun sirimaa hin ta'in! ani waan battii sirima tuqee hin beeku; ani daa'immummaa kiyya irraa jalqabee waan battaaye yookaan foon horii bineensi ajjeessee hennaan nyaadhe hin jiru; nyaata nama jibbisiisullee nyaadhee hin beeku.»

15Rabbi akkana naan jedhe, «Misha'a; eeganaa bikka udaan namaa kobootuu hori'ii guurii buddeenaan bilcheeffadhuu nyaadhu!»

16Ammallee akkana naan jedhe, «Ilma namaa! nyaanni worra Yerusaalemiitii dhiyaatu akka dhaabatu godha; baniin achi jiraatan maruu sodaatanii shukula'aa waan nyaataniif waan dhugan qusata'aa akka nyaata'aa dhugan godha.

17Isaan buddeenaa fi bisaan dhugan dhaban; kanaafuu abdii kutatanii ija keessa wol laalan; sababaa yakki isaanitti guddatuuf nafti isaanii hin huqqata.»

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help