Ergaa Yaaqoob 1 - Kitaaba Woyyuu

1 Mat. 13:55; Mar. 6:3; Hu. Er. 15:13; Gal. 1:19; Yihu. 1; Phex. 1ffaa 1:1 Yaaqoobii garbicha Rabbiitii fi Gooftaa Yesuus Kiristoosii irraa, gosoota kudha lama worra bittinnooftaniif nageenni isiniif haa ta'u.

Amanti'ii fi Ogummaa

2 Rom. 5:3-5; Mat. 5:11-12 Obboleeyyan tiyya! Amantii keessan ataabamuun obsa akka isinii ta'u beeka'aa.

3Ataabeen adda addaa yoo isin irra gaye, akka gammachuu guutu'uutitti laakkayaa'a.

4Mat. 5:48 Isin worra ciniinnattan, worra obsi keessan bilchaatee fi worra guutuu ta'e, worra dhidhinna hin qabne akka taatan isin taasisa.

5 Mam. 2:3-6; Mat. 7:7 Isin keessaa namni ogummaa hin qabne, uduu hin komatin Rabbii arjumma'aan maraafuu kennu haa kadhatuu. Isaa hin kennamaa.

6Mar. 11:24; Xim. 1ffaa 2:8 Isin keessaa eennullee womaa uduu hin mamne amanti'iin haa kadhatuu. Namni shakku nama bubbee dambalii galaanaatiin dhiibamee socho'u fakkaata.

7Namni yaada lamaa qabu, ka karaa isaa marattuu dhaaba hin qabne,

8Namni sun Gooftaa biraa waan tokkollee waan argatu isatti hin fakkaatin.

Hiyyumma'aa Fi Durummaa

9 2:5 Obboleessi gad uf qabu ammo waan Rabbi ol isa qabuuf haa boonuu.

10Phex. 1ffaa 1:24; Far. 90:5-6; Isa. 40:6-7 Dureessi yoo gad uf qabe haa boonuu; Qabeennillee akka daraaraa margaa waan lufuuf.

11Aduun oo'a woliin baati. Marga hin quursiti, daraaraan hin harca'a. Bareenni bifa isaallee hin bada. Akkasuma dureessillee jireennaaf uduu huji'iif raantayu bada.

Ataabee Nama Irra Gayu

12 5:11; Iyyo. 5:17-19; Xim. 2ffaa 4:8; Mudh. Yoh. 2:10 Namni ataabee keessatti ciniinnatu eebbifama'a. Inni hennaa ataabameen maayessa gatii jireennaa yookaan badhaasa Rabbi worra isa jaalatuuf waadaa gale san hin argata.

13Eennullee hennaa ataabame, «Rabbiin ataabame» hin jedhin; Rabbi hamtu'uun waan nama hin ataabneef, Inni ufiif eennuunillee hin ataabu.

14Rom. 7:7-8 Haa ta'uu ammo namni hawwii ufiitiin yoo harkifamee fi sobame hin ataabama.

15Ser. Uma. 3:6; Rom. 7:10; 6:23 Achiin maayessa dharraan yoo ulfoofte, cubbuu dhalti. Cubbuun sun haga guddatteen maayii du'a dhalti.

16Obboleeyyan jaalatamtoota! hin sobaminaa'a.

17Mat. 7:11; Yoh. 3:27; Rom. 11:29; Yoh. 1ffaa 1:5 Kennaan mishaan, eebbii guutuun maruu olii dhufa. Kennaan mishaan, kennaan mudaa hin qabne cuftinuu abbaa ifaa akka gaaddidduu hin jijjiiramne san biraa gubba'aa gad bu'a.

18Yoh. 1:13; Phex. 1ffaa 1:23 Nu uumama maraaf hangafa akka taanu dubbii dhuga'aatiin yaadee nu uume.

19Mam. 17:27; 29:20; Lal. 5:1-2; 7:9-10 Kanaafuu obboleeyyan jaalatamtan, namni maruu dhagayu'uuf ariifataa'a, dubbatu'uuf suuta, worra aari'iifillee hin ariifanne ta'aa'a.

20Mam. 29:22; Efe. 4:26 Aariin namaa qajeellummaa Rabbii hin hojjatu.

21Qol. 3:8; Phex. 1ffaa 2:1; Ibr. 13:22 Kanaafuu battummaa maraaf hammeenna baay'ee uf keessaa balleessa'aatii dubbii Rabbii ka keessa keessanitti dhaabamee lubbuu keessan fayyisuu danda'u fayyaalumma'aan fudhadhaa'a.

222:14; Mat. 7:21,26; Rom. 2:13 Worra dubbii Rabbii raawwattan ta'aa malee worra uf dogoggorsa'aa dubbii callaa dhageettan hin ta'inaa'a.

23Ka dubbii Rabbii dhagayee hujii irra hin oolchine yoo jiraate, nama fuula ufii uf arga'aan laallatu fakkaata.

24Inni fuula ufii argee hin deema. Yoma san fuulli isaa maal akka fakkaatu hin irraanfata.

252:12; Rom. 8:2; Yoh. 13:17 Haa ta'uu ammo seera wolaba isa baasu laalee huji'itti jabaatee ka hojjatu malee, dhagayee ka hin irraanfanne yoo ta'e huji'iin ka eebbifame ta'a.

263:2; Phex. 1ffaa 3:10; Far. 34:13 Namni arraba ufii uduu hin eenne onnee ufiitiin dogoggora'aa waan Rabbiin waaqeffatu fakkaatu eennullee yoo jiraate, waaqeffannaan isaa duwwa'a.

27Isa. 1:17 Waaqeffannaan qulqulluu ta'e, Rabbii Abbaa biratti ka mudaa hin qabne kana. Ijoollee abba'aa haadha hin qabnee fi dubartoota abbaan manaa irraa du'e gargaara'aa hamaa biyya lafaa irraa uf eeggachu'u.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help