1Waaqa ani galata sii galchu,
yabo'oo natti hin cadhisin.
2Worri hammeeyyiinii fi
worri soba dubbatan natti ka'anii waan sobaa na irratti dubbatan.
3Dubbii jibbaatiin na marsan;
sababaa tokko malee balaa na irra geessan.
4Deebiin isaan jaalala kiyyaaf deebisan himanna'a;
ani ammo Waaqa isaaniif kadhadha;
5Bikka waan misha'aa waan hamaa,
bikka ani isaan jaaladhe hammeennaan natti deebi'an.
6Abbaa murti'ii hamaa isa irratti murteessu isa irratti muudi;
nama isa himatu isaa qopheessi.
7Yoo mormatu'uuf seene mooyatamee haa bayuu;
kadhaan isaa cubbuu isatti haa taatuu.
8Barri isaa haa gabaabbatu,
baallii isaa namni biraa haa fudhatu.
9Ijoolleen isaa ijoollee haadhaa fi abbaa hin qabne haa ta'an;
haati manaa isaa haadha hiyyeessaa haa taatu.
10Ijoolleen isaa yaantaree mana itti galan hin qabnee fi kadhattuu haa ta'an;
manuma isaanii ka diiggame keessaayyuu haa ari'aman.
11Qabeenna isaa worri liqaa isa irraa qabu maruu isa haa saamuu
worri ormaa waan inni itti xaare jalaa haa fudhatanii.
12Nama garaa laafuuf haa dhabuu,
ijoolleen isaa ta abba'aa fi haadha hin qabne
nama garaa isaanii laafu haa dhabanii.
13Ijoolleen isaa fooyamanii haa badanii;
maqaan isaa dhaloota tokko bira hin lufin.
14Cubbuun abboota isaa Rabbiin biratti hin irraanfatamin;
cubbuun haadha isaa hin dhiifaminiif.
15Hennaa maraa Rabbiin bira isaanii haa teettu;
yaadannoon isaanii lafa irraa haa badu.
16Inni waan nama mishaa hin taaneef,
rakkata'aa fi dhaba'aa nama garaan isaa gadde ajjeesu'uuf ari'e;
waan garaa hin laafneef.
17Abaarsa jaalate isiinillee gara isaa dhufte;
eebba hin filanne isiinillee isa irraa dheessite.
18Abaarsa akka uffataatitti uffate;
isiinillee akka bisaanii gara nafa isaa keessa,
akka dhadha'aa lafee keessa seente.
19Abaarsi akka uffata uffatuutii fi
akka hidhata hennaa maraa hidhatuu haa ta'uuf.
20Yaa Rabbi!
diintota tiyya ta hennaa maraa dhara akkanaa kana na irratti raawwatan
akka kanatti isaan adabi.
21Yaa Rabbi! Gooftaa'a!
ati ammo maqaa keetiif jedhii naa araarami;
jaalalli kee mishaa waan ta'eef na oolchi.
22Ani rakkata'aa fi dhabaa waan ta'eef
rakkoon na irra gaye keessa kiyya madeesse.
23Akka gaaddisa galgalaa badu'uuf qophaayeera;
akka korophiisaatitti qilleensaan oofame.
24Jilbi kiyya soomaan dadhabe;
foon kiyya dhadhaa dhabee huqqate.
25Ani isaan biratti hin salphadhe;
hennaa na argan mataa natti raasan.
26Yaa Rabbi! Waaqa kiyya! na gargaari;
akkuma jaalala keetiitiin na hambisi.
27Harki kee akka tana taate;
kanallee akka ati goote haa beekanii.
28Isaan na abaaran; ati ammo na eebbisi;
worri natti ka'an haa saalfatanii
ati ammo ana garbicha kee gammachiisi.
29Worri wol nu lolchiisan haa saalfatanii;
salphinna akka kaabba'aatitti haa uffatanii.
30Afaan kiyyaan guddisee Rabbiin galatoonfadha;
banii baay'ee keessatti isa galatoonfadha.
31Worra lubbuu isaanii ari'an jalaa isaan oolchu'uuf
mirga hiyyeessaa dhaabateera.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.