1Biyya Efreemii ka gaaraatitti nama Mikkaa jedhamutu ture.
2Inni haadha ufiitiin, «Horii kee kuma tokkoo fi dhibba tokkoo ka waan namni si jalaa fudhate seetee nama abaarsifte ka dhuftee natti himte sun na bira jira natu fudhate!» isi'iin jedhe; haati isaa, «Ilma kiyya Rabbi si haa eebbisu» jetteen.
3Horii kuma tokkoo fi dhibba tokkoo san hin deebiseef; isiinillee, «Ani saqilii kana sababaa ilma kiyyaatiif Rabbiif adda baasa, waaqa tolfamaa muka irraa hojjatamee saqili'iin marame ittiin hojjatama; kanaafuu horii kana deebisee simatti kenna» jetteen.
4Hennaa inni horii san haadha ufiitii deebise, isiin birrii dhibba lamaa fuutee nama sibiila bassutti kennite; innillee yoma san sibiila bassee fakii hojjate; fakii san mana Mikka'aa kaayan.
5Mikkaan kun mana waaqa ufii itti waaqeffatu qaba; waaqolee tolfamaa baay'ee hojjatee tokko Efuudi'ii fi Taraafiimiin tolchee ijoollee ufii keessaa nama tokko gadicha godhee muude.
6Bara san worri Israa'elii mootii hin qaban ture; namni maruu woma isatti mishaa fakkaate godha ture.
7Hennaa san qachaa Beetaliheemii bulchiinsa Yihuuda'aa keessa ka'imticha gosa Leewwi'ii tokkotu ture.
8Namni kun bakka keessa jiraatu argachu'uuf Beetaliheemii ka'ee deeme; uduu deema'aaru, biyya gaaraa ka Efreemiititti mana Mikka'aa dhufe.
9Mikkaan, «Eessaa dhufte?» jedheen.
Innillee deebisee, «Ani nama gosa Leewwi'ii ka qachaa Beetaliheemii Yihuudaa keessaatitti hulee jiraadhu soqata'aaru» jedheen.
10Mikkaan, «Na bira taa'i, gadichaa fi abbaa naa ta'i, anillee wogga wogga'aan uffata, dhiyanaa fi saqilii kudhanii sii kennaa» jedheen; namichi gosa Leewwi'iillee hin seene.
11Namichi gosa Leewwi'ii sun namicha san woliin jiraachuu barbaade, ka'imtichi akkuma ijoollee isaa ta'eef.
12Mikkaan namicha gosa Leewwi'ii san hin woyyoomse, Ka'imtichillee gadicha ta'eef, wonti kun mana Mikka'aa keessatti ta'e.
13Mikkaan, «Namni gosa Leewwi'ii waan gadicha naa ta'eef, Rabbi waan mishaa akka naa raawwatu amma beekeera» jedhe.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.