1Bara abboonni murti'ii Israa'eliin bulchan biyya irratti beelli ture. Sababaa kanaan biyya Yihuuda'aa Beeteliheemiin keessaa namni tokko haadha manaa ufiitii fi ijoollee dhiiraa lamaan ufii woliin taa'u'uuf gara biyya Moo'aabii deeme.
2Maqaan namichaa Abemelek, maqaan haadha manaa isaa Nuhaamiin, maqaan ijoollee isaa lamaanii Mahaloonii fi Kelewoon jedhaman ture. Inni dhalootaan nama Efraata'aa ta'e qachaa Beeteliheemii keessa jiraata ture, maatii ufii woliin gara biyya Moo'aabii dhaqee achi jiraate.
3Abbaan manaa ka Nuhaamiinii Abemelek hin du'e; isiin ijoollee ufii lamaan woliin hojja hafte.
4Ijoolleen isi'ii durba Moo'aaboota keessaa Oorfa'aa fi Ruutiin fuudhanii biyya san keessa haga woggaa kudhanii jiraatan.
5Mahaloonii fi Kelewoon lachuu hin du'an; Nuhaamiin abbaa manaa ufiitii fi ijoollee ufii lamaan haga ajjeefatte hojja hafte.
Nuhaamiin Biyya Fago'oo Gara Beeteliheemii Deebite6Nuhaamiin uduu biyya Moo'aabii keessa jirtu, akka Rabbi banii Israa'eliitii araara godhee fi akka midhaan isaanii kenne haga dhageette, intallan ilmaan ufii lamaan woliin biyya Moo'aabiitii gara biyya Israa'elii deebi'uuf kaate.
7Hulee jiraata'aa turte san dhiiftee uduu gara biyya Yihuuda'aa woliin deeman,
8Nuhaamiin, intallan ilmaan ufiitiin akkana jette; «Deemaa'a, gara mana haawwota teessaniititti deebi'aa'a; akkuma isin anaa fi ijoollee tiyya ta du'aniif waan mishaa gootan, akkasuma Rabbi waan mishaa isinii haa godhu.
9Mana abbaa manaa keessan ka biraatitti Rabbi hara isin haa baafachiisu» jettee isaan dhungattee isaan biraa deemu'uuf taanaan isaan ammo laagaa ufii ol qabatanii booyan,
10Achiin maayessa isaan «Hin ta'u! sima woliin gara banii keetii deemna» jedhaniin.
11Nuhaamiin akkana isaaniin jette, «Ijoollee tiyya! yabo'oo deebi'aa'a; na woliin wonti deemuu barbaaddaniif maali'i? ammaa achillee ani ijoollee abbaa worraa isinii ta'an; waan dawuu danda'u isinitti fakkaataa?
12Ijoollee tiyya na biraa deebi'aa'a; akka hin heerumne jaareera; ani uduu abdii heerumee dawu'uu qabaadhee, edanuma heerumee uduu ijoollee dayeeyyuu,
13haga isaan guddataniif ima eeddanii? uduu hin heerumne isaan eegu'uuf teettanii? ijoollee tiyya wonti kun waan hin taane; ana Rabbi naan lole; waan isin irra gayeefillee baay'ee mararameera» isaaniin jette.
14Ammallee deebi'anii laagaa ol qabanii booyan; Oorfaan soddaatii ufii dhungattee biraa lixxe; Ruuti ammo soddaatii ufiitiin ani si irraa hin fooyamu jettee itti maramte.
15Kanaafuu Nuhaamiin Ruutiin «Intalti obboleessa abbaa manaa keetii gara banii ufiitii fi gara waaqolee ufii deebiteertii atillee isii woliin deebi'i» isi'iin jette.
16Ruuti ammo akkana isi'iin jette; «Giddi'iin uf biraa na hin deemsisin; gara ati deemtu maraa si woliin deema; hulee ati jiraattu si woliin taa'a; baniin kee banii kiyya, Waandhi kee Waaqa kiyya ta'a.
17Hulee ati duututti du'a, hulee ati itti awwaalamtuttillee hin awwaalama, du'aa achitti wonti si irraa na fooyu yoo jiraate Rabbi waan hamaa natti haa fidu!» jette.
18Nuhaamiin akka Ruuti isii woliin deemu'uuf kutatte haga argite, deebitee womaa isi'itti hin dubbanne.
19Achii isaan lamaanuu gara Beeteliheemii deeman; haga qachaa Beeteliheemii gayan, namoonni achi keessa jiran maruu haga isaan argan maalalfatanii «Tun Nuhaamiinii?» jedha'aa wocan.
20Isiin ammo «Waandhi maraa danda'u jireenna kiyya waan hadheesseef, ‹Maaraa› naan jedhaa malee ‹Nuhaamiin› jettanii na hin waaminaa'a;
21Hennaa biyya kanaa bayu waan baay'ee qaba; amma ammo Rabbi duwwaa na deebise; Rabbiin maraa danda'u na salphisee waan na rakkiseef ‹Nuhaamiin› maaf naan jettan?» isaaniin jette.
22Akka kanaan Nuhaamiin intala ilma ufii Ruutiin woliin biyya Moo'aabiitii deebi'an; hennaan isaan deebi'an sun hennaa garbuun haamamuu jalqabe.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.