1Daawiti garaa ufii keessatti akkana jedhee yaade; «Ani gaafa tokko harka Saa'oliititti du'uun kiyya waan hin oolleef dafee gara biyya Filisxeemii baqachuu naa woyya; yoo san Saa'ol abdii kutatee biyya Israa'elii maraa keessa na barbaaduu dhiisa; ani isa jalaa baya» jedhe.
2Kanaaf Daawitii fi namoonni isaa ka dhibba jaha ta'an ka'anii gara Ankusii ilma Ameehii mootii biyya Geetii bira dhaqan.
3Daawitii fi namoonni isaa maatii ufii woliin biyya Geetii taa'an; Daawiti haadha manaa ufii Akinaahoomii gosa Iyiziraa'eliitii fi haati manaa isaa Abigiyaan ta Naabaaliin biyya Qarmeloosii fuudhe haawwota manaa ta'aniif.
4Saa'ol akka Daawiti gara biyya Geetii baqatee gale haga dhagayeen maayessa Daawitiin soquu dhiise.
5Daawiti mooticha Ankusiin «Yoo na jaalatte qachattii diqqoo takka keessa akka jiraadhu na hoffolchi; gooftaa kiyya, ani si woliin qachaa keessa jiraachuun hin ta'u» jedheen.
6Achiin maayessa Ankus qachaa Tsiqilaagii kenneef; kanaafuu qachattiin sun guyyaa san irraa jalqabdee ta mootota Yihuuda'aa taate.
7Akka kanaan Daawiti biyya Filisxeemii keessa woggaa tokkoo fi ji'a afurii ta'e.
8Hennaa san keessa Daawitii fi namoonni isa woliin deeman Gashuurota, Gariizotaa fi Amaaleqootatti duulan; biyyoonni isaan keessa jiraatan kunniin Tele'oomiin irraa jalqabee Suurii haga biyyoota gara Misirii fidaniiti.
9Daawiti biyyatti'iin hennaa lole dhiiraa fi dubartii tokkollee hin hambifne; garuu hoolota, sangoota, harriin, gaallanii fi uffata booji'ee gara Ankusii dhufe.
10Ankus «Adha ammo eessatti duultee dhoofte?» jedhee Daawitiin gaafannaan inni ammo «Gara kibbaatiin daangaa Yihuuda'aa, daangaa worra Yiraahimi'elii, daangaa worra Qeenotaatiin itti duullee lolle» jedhe.
11Namoonni gara Geetii dhufan Daawiti waan kana nu irratti hojjate jedhanii odeessan jedhee waan yaadeef dhiira yookaan dubartii tokkollee hin hambifne inni biyya Filisxeemii keessa hennaa jiraate maraa akkasuma godha ture.
12Ankus, «Daawiti banii Israa'elii keessatti guddisee waan jibbameef baraa haga bara baraa hojjataa kiyya naa ta'a» jedhee amane.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.