1Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Balballi gara baya biiftu'uutiin bayima itti bayan ka keessaa fidu guyyaa huji'ii jahanuu cufaa ta'uu isaan barbaachisa; guyyaa Sambataatii fi guyyaa jalqaba ji'aa ammo hin banama.
2Ilmi mooti'ii kutaa seensaatiin gara bayima itti bayan ka keessaa seenee qasatoo balbala dallawaa bira dhaabata; gadoonni ammo ciincaa ciincawuu fi ciincaa fayyumma'aa ka inni qopheesse dhiyeessan; ilmi mooti'ii hulema dhaabatan irra uduma jiru achumatti sagada; achiin maayessa hin baya; balballi dallawaa ammo haga halkanii hin cufamu.
3Sambata maraa fi jalqaba ji'aa marattuu baniin maruu kolba balbala seensa baya biiftu'uu jirutti Rabbii haa sagadanii.
4Ilmi mooti'ii guyyaa Sambataa maraa ciincaa ciincawuu fi ilmoolee hoola'aatii fi korbeeyyii hoola'aa ka mudaa woyiituu hin qabne jaha Rabbiif haa dhiyeessuu.
5Korbeeyyii hoola'aa maraa woliin midhaan ganaa tokko haa fiduu; akkasuma ilmoolee hoola'aa woliin haga barbaade haa fiduu; ciincaa ganaa tokkoo ka dhiyaatu maraa woliin sayitii ejersaa liitirii sadihii haa fiduu.
6Guyyaa jalqaba ayyaanaa marattuu jibicha tokko, ilmoolee hoolotaa jahaa fi korbeessa hoola'aa tokko ka mudaa hin qabne haa fiduu.
7Korommii maraa fi korbeeyyii hoola'aa maraa woliin kennaa midhaanii ganaa tokko tokko haa fiduu; akkasuma kennaan ilmoolee hoola'aa maraa woliin dhiyaatu ilmi mooti'ii haguma ufii kennuu barbaade haa kennuu; daakuu ganaa tokkoo maraa woliin sayitiin ejersaa liitirii sadihii woliin haa dhiyaatuu.
8Ilmi mooti'ii karama ol seene saniin haa bayuu.
9Baniin guyyaa ayyaanaa kamuu hennaa Rabbii sagadu'uuf dhufan worri balbala dallawa gara kaabaatiin seenan balbala dallawa gara kibbaatiin haa bayanii; worri balbala dallawa gara kibbaatiin seenan balbala dallawa gara kaabaatiin haa bayanii; namni kamuu balbala seeneen hin bayin; ammo balbala biraa ka kolba balbala seeneetiin afoo jiruun bayuu isa barbaachisa.
10Ilmi mooti'ii hennaa baniin seenu seenee hennaa isaan bayan haa bayuu.
11Guyyaa ayyaannan gugurda'aa fi didiqqa'aallee kennaan midhaanii ka korommi'ii fi korbeeyyii hoola'aa maraa woliin dhiyaatu ganaa tokko haa ta'uu; namni Rabbii sagadu maruu ilmoo hoola'aa maraa woliin haguma ufii barbaade haa dhiyeessuu; kennaa ganaa tokkoo maraa woliin haa dhiyaatuu.
12Ilmi mooti'ii tokko ka baallii qabu hennaa ciincaa ciincawuu fi ciincaa fayyumma'aa fedha ufiitiin Rabbii dhiyeessuu barbaade balballi gara baya biiftu'uutiin bayima itti bayan ka keessaa fidu haa banamuufii; kennaan inni dhiyeessullee akka kennaa Sambataa itti raawwataniititti haa raawwatamuu; inni haga bayee deemeen maayessa balballi haa cufamuu.»
Ciincaa Guyya Guyya'aan Dhiyaatu13Rabbi akkana jedha, «Ilmi mooti'ii ganama maraa ciincaa ciincawu ka Rabbiif dhiyaatu ilmoo hoola'aa ka mudaa hin qabne ka woggaa tokkoo qopheessuu isa barbaachisa.
14Isa woliin ganama maraa uduu wol irraa hin kunne kennaa midhaanii kiiloo lamaa fi sayitii ejersaa liitira tokko ka daakuu misha'aan sukkuumu qopheessa; kun seera hennaa maraa ta'u.
15Ilmoon hoola'aa, kennaa midhaaniitii fi ciincaan akkataa kanaan ganama ganama dhiyaata.»
Ilma Mooti'iitii Fi Lafa Inni Qabate16Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Ilmi mooti'ii ka baallii qabu gayee ufii qoodee ijoollee ufii keessaa nama tokkoo yoo kenne gayeen sun ka isaatii fi ka maatii isaa ta'a.
17Ilmi mooti'ii ka baallii qabu ammo gayee ufii qoodee hojjattoota ufii keessaa nama tokkoo yoo kenne ayyaana Iyyoobeeliyyu'uu ka woggaa shantameesso'ootti naannayee dhufutti ilma mooti'ii sanii haa deebi'uu; lafti sun ka isaa waan ta'eef baraa haga bara baraa ka isaatii fi ka ijoollee isaa ta'uu barbaachisa.Ser. Lew. 25:10
18Ilmi mooti'ii ka baallii qabu gayee bani'ii hunnaan fudhatuu isa hin barbaachisu; lafti inni ijoollee ufiitiif qoodee kennu lafuma isaaf qoodamee kenname callaa ta'uu barbaachisa; akkaataa kanaan gayee banii kiyyaa hunnaan fudhata'aa banii kiyya hin miidhin.»
Kutaa Addaa Ka Ciincaan Itti Dhiyaatu19Achiin maayessa namichi sun kolba balbala seensaatiin kutaawwan gadoota woyyuu maxxana gara kaabaatiin na fide; kutaawwan san keessa gara dhuma dhiya adu'uutiin hulee tokko arge.
20Inni akkana naan jedhe, «Huleen kun kutaa worri gadootaa foon ciincaa dhiifamsa cubbu'uu itti affeelanii fi buddeena ciinca'aa itti godhan; akkaataa kanaan akka baniin hin miidhamneef ciincaa woyyoome maraa keessaa ciincaan tokkollee gara bayima itti bayanii hin bawu.»
21Achiin maayessa namichi sun gara bayima itti bayan ka diidaa na fidee roga arfan irra na naannesse; ronni maruu bayima itti bayan tokko qaba.
22Bayimni itti bayan didiqqaan roga arfan irra jiru maruu wol qixa; isaan maruu dheerinna ciqilee afurtamaatii fi dalga ciqilee soddomaa qaban.
23Naannofni bayima itti bayan arfanuu gara keessatiin ijaarsa dhaga'aa gaggabaabaa qaban; ijaarsa dhaga'aa sanniin jala girgiraa ibiddaatitu jira.
24Namichi sun, «Kunniin maruu kutaawwan tajaajiltoonni mana woyyu'uu ciincaa baniin dhiyeessuu itti bilcheessan.» naan jedhe.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.