1Worri Leewwotaallee ka mana woyyuu Rabbii eegan worra gosa Qore'ee maatii Asaafii keessaa Meesulaamii ilma Qore'eeti.
2Meesulaam ijoollee dhiiraa torba qaba ture; ilmi isaa hangaftichi Zakkaariyaas, ka lammeesso'oo Yidi'eel, ka sadeesso'oo Yoozaabaati, ka arfeesso'oo Yatini'eeli,
3ka shaneesso'oo Eelaami, ka jaheesso'oo Yoohaanaan, ka torbeesso'oo Eelhoo'eenaayi.
4Obeedi'eedi Rabbi waan isa eebbiseef ijoollee dhiiraa saddeeti qaba ture; hangaftichi Shamaaya'a, ka lammeesso'oo Yoozaabaati, ka sadeesso'oo Iyyoo'aas, ka arfeesso'oo Saakar, ka shaneesso'oo Naatinaa'el
5Ka jaheesso'oo Ami'eel, ka torbeesso'oo Yisaakoorii fi ka saddeetesso'oo Piilaati.Sam. 2ffaa 6:11; Sen. 1ffaa 13:14
6Shamaayaan ilmi isaallee ijoollee dhiiraa uumate; isaan waan mana abbaa ufii keessatti leenji'aniif worra jajjaba'aa fi janna turan.
7Isaanillee Ootnii, Raafaa'eli, Oobeedi, Eelzaabaadi, Eelihu'uu fi Samakayaa fa'a.
8Kunniin maruu ijoollee Oobeedi'eedoomii turan; isaanii fi maatiin isaanii, firtoonni isaaniillee hujii hojjachu'uuf jajjabeenna qaban ture; ijoolleen Oobeedi'eedoomiitii fi ilmaan ilmaan isaa wolumatti qabaa namoota jahaatamii lama turan.
9Meesulaami ijoollee kudha saddeetii jajjabootaa fi worra hujii hojjachuu danda'an qaba ture.
10Ijoollee Meeraarii keessaa Hoosaan ijoollee afur qaba; ijoolleen isaa yoma hangafallee hin taane namni abbaan isaa bulchaa taasise Shimiri.
11Ka lammeesso'oo Keliqiyaas; ka sadeesso'oo Xibaaliya'a; ka arfeesso'oo Zakkaariyaasiin ture; ijoolleen Hoosa'aatii fi obboleewwan isaa worri mana woyyuu eegan wolumatti qabaa namoota kudha sadihi.
12Bulchoonni waardiyyoota mana woyyuu Rabbii eeganii worri taaba san akka mana woyyuu eeganiif ramadaman
13akkuma maatii gosa isaaniitiin hangafa irraa haga quxisu'uutitti hixaa wolii buusan.
14Gara baya biiftu'uutiin haa eegani'iif hixaan Selemiya'aaf baye; ilma ogeessaa fi qaroo Zakkaariyaasiifillee hixaa buusanii balbala gara kaabaa akka eeguuf hixaan isaa baye.
15Obeedi'eedoomii hixaan gara kibbaatiin isaa baye; ijoollee isaatiif garuu meeshaa mana keessaa haa eegani'iif hixaan bayeef.
16Safiinii fi Hoosa'aa balbala Shekeleetii gara goobaatiin jiru waardiyyootuma mana woyyuu marsanii eegan akka eeganiif hixaan bayeef.
17Gara baya biiftu'uutiin Leewwota jahatu jira; gara kaabaatiin guyyama guyya'aan namoota afur, gara kibbaatiin guyyama guyya'aan namoota afurii fi worri meeshaa mana woyyu'uu eegan namoota lama lama turan.
18Gara dhiya adu'uutiin karaa gara faarbariitiin namoota afurii karaa Faarbarii bira garuu namoota lama kaayan.
19Gayeen tajaajilaa ka ijoollee Qore'eetii fi ijoollee Meeraariitiif kennamee kana.
Tajaajila Mana Woyyu'uu Ka Hafe20Worra Leewwotaa keessaa Akiyaan meeshaa mana woyyu'uutii fi manniin meeshaa kennaa Rabbiitii dhiyeessan keessa kaayan irratti bulchaa ta'ee muudame.
21La'aadaan nama gosa Geedsoonii abbaa ijoollee Yihi'eelii ture; worri isa irraa dhalate maruu akkuma gosa ufiitiin worra maatii ufii bulchu turan.
22Ijoolleen Yihi'eelii lamaan Zeetoomiitii fi Iyyo'eel galmee meeshaa manniin mana woyyuu keessaatii fi meeshaa mana woyyuu keessaa ka adda addaa irratti muudaman.
23Gosa Ambaraamitiif, gosa Yisi'aara'aatiif, worra gosa Keebrooniitii fi worra gosa Uzaa'eliitiifillee qooda huji'iititu kennameef.
24Subaa'el ilmi Muusee gosa Geersaamii manniin mana woyyuu keessaatitti muudame.
25Inni karaa obboleessa Geersaamii karaa El'eezeriitiin Shaaloomitiif firooma qaba; El'eezer Raabiyaa uumate; Raabiyaan Yashaayaa uumate; Yashaayaan Iyyooraamiin uumate; Iyyooraam Zikiriin uumate; Zikiri Shaaloomiitiin uumate.
26Shaaloomiit, Obboleewwan isaa, mootichi Daawiti, bulchoonni manniin abboota isaanii worri ajajoota loltuu dhibbaatii fi kumaa, ajajoonni loltootaa meeshaa woyyuu manniin mana woyyuu keessa jiran maraa irrattuu muudaman.
27Meeshaa booji'an mana woyyuu ittiin midhaassu'uuf woyyoomsan.
28Saamu'eel abbaan mudhataa, Saa'ol ilmi Qiisii, Abaaneeri ilmi Neeriitii fi Iyyoo'aabi ilmi Xuuriya'aa Shaaloomii fi obboleewwan isaanii woliin worra meeshaa mana woyyuu ittiin woyyoomsan san tooyatan turan.
Hujii Biraa Ka Worri Leewwotaa Hojjatan29Worra gosa Yisi'aara'aa keessaa Kanaanii fi ijoolleen isaa hujii mana woyyu'uutiin alatti hujii mana mootumma'aa irratti muudamanii turan.
30Worra Keebroonii keessaa Hashaabii fi obboleewwan isaa namoonni jajjabaan kumni tokkoo fi dhibbi torbaa waan hujii Rabbiitii fi tajaajila mootumma'aa maraa irratti worra Israa'elii ka laga Yoordaanosiitiin gara lixa adu'uutiin jiru maraa irrattuu muudaman.
31Yisiyaan manniin abboota isaa keessaa bulchaa worra Keebroonii ture; Daawiti mooyee woggaa afurtameesso'ootitti galmee seena'aa keessa yoo barbaadan namoota jajjabaa Iyyaazeerii Gala'aadii keessaa galmee seena'aa san keessatti argan.
32Obboleewwan isaa worri jajjaboota ta'an bulchoota manniin abboota isaanii keessaa namoota kuma lamaa fi dhibba torba turan. Mootichi Daawiti worra laga Yoordaanosiitiin gara baya biiftu'uutiin jiran worra Roobeelii, worra Gaadiitii fi cinaa gosa Minaase'ee maraa hujii Hafuuraatii fi hujii mootumma'aa maraa akka hojjataniif isaan muude.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.