1Minaaseen hennaa biyya Yihuuda'aa irratti mooyu mucaa woggaa kudha lamaati; Yerusaalemiin keessa jiraata'aa woggaa shantamii shanii bulche.
2Waan hamaa worri ormaa hojjata'aa turan ka Rabbi banii Israa'elii afo'oo balleesse san Rabbiin afo'otti hojjate.Erm. 15:4
3Inni hulee itti sagadan ka gaarran gubba'aa ka abbaan isaa Hisqiyaas diige deebisee ijaare; hulee ciinca'aa ka waaqa tolfamaa Ba'aaliillee hin ijaare; muka jala taa'anii waaqeffatanillee hin dhaabe; urjiiwwan sami'iitiillee sagada'aa waaqeffate.
4Hulee ciinca'aa ka waaqa tolfama'aa mana Rabbii ka Yerusaalemiin jiru ka Rabbi maqaan kiyya itti waamama jedhe keessatti hojjate.Sen. 2ffaa 6:6
5Mana Rabbii keessatti hulee itti gad bayan lamaanittuu hulee ciinca'aa ka waandhi tolfamaan urji'ii itti waaqeffamu hojjate.
6Ijoollee uufii ta dhiiraa dhooqa Heenoomii keessatti ciincesse; inni nama moruu fi ka moora laalu ta'ee nama asma'aa fi worra hafuura worra du'anii waamu gorsa gaafata'aa ture; cubbuu akkanaa guddaa kanniin Rabbiin afo'otti hojjatee Rabbiin aarse.
7Mootichi Minaaseen mana Rabbii ka Rabbi Daawitii fi ilma isaa Solomooniin «Mana Yerusaalemiin keessatti dhaabe ka banii Israa'elii maraa keessaa filadhe keessatti maqaan kiyya baraa haga bara baraa itti waamama;
8baniin Israa'elii waan ani isaan ajaje maraa, seeraa fi ajaja Muuse'etti kenname eeganii yoo murtii qajeelaa murteessan lafa ani abboota isaaniitii kenne keessaa isaan hin fageessu» jedhe keessatti fakii waaqa tolfama'aa hojjatee keessa dhaabe.Mot. 1ffaa 9:3-5; Sen. 2ffaa 7:12-18
9Minaaseen waaqa tolfamaa worra ormaa ka Rabbi banii Israa'elii afo'oo balleesse caalaa baniin biyya Yihuuda'aatii fi baniin biyya Yerusaalemii akka waan hamaa hojjataniif isaan dogoggorsiise»
Minaaseen Cubbuu Hojjateef Gaabbe10Rabbi Minaase'ee fi bani'itti dubbate; isaan garuu isa hin dhageenne.
11Kanaaf Rabbi bulchoota duultota biyya Asoorii isaanitti fidee isaan Minaasee qabanii filaa funyaanitti godhanii haada sibiilaatiin isa hidhanii gara biyya Baabiloonii isa fidan.
12Inni hennaa guddisee rakkate Waaqa abboota ufii afo'otti guddisee uf salphise.
13Inni Rabbiin kadhate; Rabbillee kadhaa isaa dhagayee gara mootummaa ufii Yerusaalemitti isa deebise; Minaaseen Rabbi Waaqa dhuga'aa akka ta'e beeke.
14Kanaan maayessa Minaaseen qachaa Daawitii dudda duubaan dhooqa Giyoonii ka gara dhiya adu'uutiin haga seensa balbala qurxummi'iititti dallawa ijaaree ijaarsa san haga Oofeelii irra naannessee ol fageessee ijaare; qachoota biyya Yihuuda'aa ta ijaaramte maraa keessa bulchoota duultotaa kaaye.
15Minaaseen waaqa tolfamaa worra ormaatii fi fakii waaqa tolfama'aa ka ufii hojjate maraa mana Rabbii keessaa balleesse; hulee ciinca'aa ka waaqa tolfama'aa mana woyyuu Rabbii ka gaara gubba'aa keessa jiruu fi ka Yerusaalemiin keessatti hojjate maraa qacha'aan ala baasee gate.
16Hulee ciinca'aa ka Rabbii deebi'ee haarawoomsee ciincaa fayyumma'aatii fi ciincaa galataa itti ciincessee baniin biyya Yihuuda'aa Rabbii Waaqa Israa'elii akka waaqeffatan ajaje.
17Baniin garuu hulee itti sagadan ka gaarran gubba'aa irratti ciincaa ciincessanillee Rabbii Waaqa ufiitii ciincessan.
Dhuma Bara Bulchiinsa Mooticha Minaase'ee(Mot. 2ffaa 21:17-18)18Wonti Minaaseen hojjate, kadhaan inni Waaqa ufii kadhate, dubbiin raattotaa ka maqaa Rabbiitiin isatti dubbatame kitaaba seenaa mootota Israa'elii keessatti barreeffameera.
19Akkasuma faateen isaa, Rabbi kadhaa isaa akka dhagayeef, uduu Rabbiif gad uf hin deebifne hulee itti sagadan ka gaarran gubba'aa, fakiin inni hojjate, huleen mukkiin jala taa'anii waaqeffatan ka inni dhaabe kitaaba seenaa raattotaa keessatti barreeffameera.
20Minaaseen du'ee hulee abboonni isaa itti awwaalaman mana mootumma'aa biratti isa awwaalan; bikka isaa ilma isaa Amootsitu mooye.
Amootsii Mootii Biyya Yihuuda'aa(Mot. 2ffaa 21:19-26)21Amootsi hennaa mooyu dargaggeessa woggaa diddamii lamaati; Yerusaalemitti woggaa lama bulche.
22Inni akkuma abbaan isaa Minaaseen Rabbiin afo'otti waan hamaa godhe innillee waan hamaa hojjate; fakii waaqa tolfama'aa ka abbaan isaa Minaaseen hojjateef ciincaa ciincessee isaan waaqeffate.
23Akka abbaan isaa Minaaseen Rabbiin afo'otti gad uf deebise inni gad uf hin deebifne; guddisee cubbuu hojjate.
24Goshoonni Amootsii worri baallii qaban worri isa woliin hojjatan wol ta'anii isatti ka'anii mana mootumma'aa keessatti isa ajjeesan.
25Baniin biyya Yihuuda'aa worra isatti ka'anii isa ajjeesan sanniin ajjeesanii bikka isaa ilma isaa Iyyoosiyaasiin moosisan.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.