Dubbii Nagayaa Ka Maarqoosii 3 - Kitaaba Woyyuu

Yesuus Nama Harka Naafaa Fayyise(Mat. 12:9-14; Luq. 6:6-11)

1Yesuus hennaa biraa gara mana sagada Yihuudotaa seene; achi namicha harki isaa naafate tokkotu ture.

2Namoonni Yesuusiin himachuu barbaadanii guyyaa Sambataatiin akka inni isa fayyisu gaadanillee achi turan.

3Yesuus namicha harki isaa naafate saniin, «Ol ka'ii afoo nama maraatitti dhaabadhu» jedheen.

4Luq. 14:3 Achiin maayii inni isaaniin, «Guyyaa Sambataatiin waan mishaa godhu'u moo waan badaa godhu'utu Seeraan kennameera? Lubbuu fayyisu'u moo ajjeessu'u?» jedhe. Isaan ammo hin cadhisan.

56:52; Yoh. 12:40; Rom. 11:25; Efe. 4:18 Inni gar jabeenna isaaniititti akka malee gaddee aari'iin gara galee isaan laalee namicha naafata'aan, «Harka kee diriirsi» jedheen. Namichi harka ufii diriirse; harki isaallee hin fayye.

612:13; Mat. 22:16; Yoh. 5:18 Achiin maayii Fariisonni gad bayanii yoma san attamitti akka isa ajjeesan miiltota Heroodisii woliin mari'atan.

Gumiin Guddaan Yesuusiin Faanaa Deeman(Mat. 12:15-21; Luq. 6:17-19)

7 Mat. 4:25 Yesuus darasoota woliin gara Galaanaa siiqe. Worri Galiila'aa dhufan namoonni hedduu isa faanaa deeman;

8Namoonni hedduu waan guddaa Inni godhe dhagayanii biyya Yihuuda'aa, qachaa Yerusaalemii, biyya Eeloomiyoosii, biyya laga Yoordaanosiin gamaatii fi naannoo qachoota Xiroosii fi Siidoonaa irraa gara isaa dhufan.

94:1; Luq. 5:1-3 Inni waan namoonni guddisanii baay'ataniif dhiibamee akka hin kufne yabala akka isaa qopheessan darasoota ajaje.

10Mar. 4:1; Luq. 5:1-3 Namoota heddu waan fayyiseef worri rakkoo qaban martinuu harkaan isa qabu'uuf gara isaa wol dhidhiiban.

111:34; Luq. 4:41 Ayyaannan battiin hennaa isa argan maraa afoo isaatitti kufanii, «Ati Ilma Rabbiiti» jedha'aa iyyan.

12Yesuus ayyaanonni battiin sun Inni eennuun akka ta'e akka isa hin himneef jabeessee isaan ajaje.

Yesuus Ergamtoota Kudha Lamaa Filate(Mat. 10:1-4; Luq. 6:12-17)

13Yesuus gara gaaraa bayee worra barbaade gara ufii waame. Isaan gara isaa dhaqan.

14Isaan isa woliin akka jiraatanii fi lallabaaf akka ergaman,

15worra dhibaman akka fayyisanii fi jinniillee akka baasan baallii akka qabaatan namoota kudha lama filatee, «Ergamtoota» jedhee moggaase.

16Mat. 16:17-18; Yoh. 1:42 Simooniinillee, «Pheexroos» jedhee maqaa moggaase.

17Luq. 9:54 Ilmaan Zebdewoosiillee Yaaqoobii fi obboleessa isaa Yohaannisiin, «Bo'anergees» jedhee moggaase; akkas jechuun, «Ilmaan gigissa'aa» jechu'u.

18Indiriyaas, Filiphoos, Bartolomewoos, Maatewoos, Toomaas, Yaaqoobii ilma Ilfiyoosii, Taadewoos, Simoonii hinaaftichaa fi

19Yihuudaa nama qachaa Keeriyootii ka Yesuusiin dabarsee kenne.

Yesuusii Fi Bi'el Zebul(Mat. 12:22-32; Luq. 11:14-23; 12:10)

20Achiin maayessa gara manaa hennaa dhufan, baniin hedduu waan wol gayaniiraniif Inninii fi darasoonni isaa hurbaata nyaachuu dadhaban.

21Namoonni, «Inni maraateera» waan jedhaniif firtoonni isaa kana dhagayanii isa qabu'uuf dhufan.

22Mat. 9:34; 10:25 Barsiisonni Seera Muuse'ee worri Yerusaalemii dhufan ammo, «Bi'el Zebul isa keessa jira! Inni hunna mootii jinnootaatiin jinnii baasa» Yesuusiin jedhan.

23Inni gara ufii isaan waamee mammaakaan akkana isaaniin jedhe, «Seexanni attamitti seexana baasuu danda'a?

24Mootummaan tokko yoo ufii wol qoqqoode mootummaan sun dhaabachuu hin danda'u.

25Maatiin mana tokko keessatti yoo ufii wol qoqqoode maatiin sun dhaabachuu hin danda'u.

26Seexanni ufii wol mormee yoo gar gar baye sun badii isaa ta'a malee dhaabachuu hin danda'u.

27Eennullee duraan dursee nama jabaa uduu hin hiine mana nama jabaa sanii seenee mi'a isaa saamuu hin danda'u; Yoo hidheen maayii mana isaa san seenee saamuu danda'a.

28«Ani dhuga'aan isiniin jedha cubbuun marti, nama arrabsuunillee dhiifamsa qaba.

29Luq. 12:10 Nama Ayyaana Woyyuu arrabsu kamiifuu ammo, gatii cubbuu bara baraa itti ta'a malee sirima dhiifamsa hin argatu»

30Yoh. 10:20 Yesuus sababa namoonni, «Inni ayyaana hamaa qaba» jedhaniif kana isaaniin jedhe.

Haadhaa Fi Obboleeyyan Yesuusii(Mat. 12:46-50; Luq. 8:19-21)

31Achiin maayessa haati Yesuusiitii fi obboleeyyan isaa dhufanii diida dhaabatanii nama gara isaa erganii waamsisaniin.

32Gumiin isa marsitee teetteertu Yesuusiin, «Kunoo, haati teetii fi obboleeyyan tee si soqaa dhufanii diida dhaabataniiran» jedhaniin.

33Inni deebisee, «Haati tiyya eennu? Obboleeyyan tiyya eennu fa'a?» isaaniin jedhe.

34Inni gara worra isa marsanii taa'aniiranii midhatee, «Haati tiyyaa fi obboleeyyan tiyyallee kunooti.

35Namni fedhii Rabbii raawwatu maruu obboleessa kiyya, obboleettii tiyyaa fi haadha tiyya» jedhe.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help