Kitaaba Faaru'uu 142 - Kitaaba Woyyuu

Kadhaa Gargaarsa Rabbii Argachu'uuf Kadhatan

1Laagaa kiyya ol qabadhee

Rabbitti iyyadha;

akka naa araaramu isa kadhadha.

2Kadhaa kiyya isa afo'otti dhangalaasa;

rakkoo kiyyallee isatti himadha.

3Yoo abdii kutachu'uuf hennaan diqqoon na hafu;

maal godhuu akka na barbaachisu inni hin beeka;

diintonni tiyya karaa ani deemu irratti siiboo kaayan.

4Gara mirgaa laalee ka na beeku dhabe;

hulee itti dhokadhu hin qabu;

ka waan lubbuu tiyyaa yaadu hin jiru.

5Yaa Rabbi! akka na gargaartuuf gara kee iyya'aara;

Yaa Rabbi eeddoon kiyya si'i;

biyya jiraattotaa keessatti hireen kiyya si'i.

6Ani guddisee nama abdii kutate waan ta'eef;

akka na gargaartuuf hennaa sitti iyyadhu naa dhagayi;

guddisanii waan natti hammaataniiraniif diintota tiyya irraa na hambisi.

7Akka si galatoonfadhu hidha'aa na baasi;

hujii araaraa ka ati naa goote hennaa argan

balchoonni kee naannaya kiyyatti wol gayan.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help