Seera Uumamaa 39 - Kitaaba Woyyuu

Yooseefii Fi Haadha Manaa Phiixifaara'aa

1Yooseef gara biyya Misirii gad bu'e; Phiixifaaraan namni biyya Misirii hojjattoota Fari'oonii keessaa tokko, bulchaan eeddotaa, Ismaa'eloota Yooseefiin gara biyya Misirii fidan irraa Yooseefiin bitate.

2Rabbi waan Yooseefiin woliin jiruuf hujiin harka isaa maruu hin qajeelaaf; Inni mana mootii biyya Misirii keessa ture;Hu. Er. 7:9

3gooftaan Yooseefii akka Rabbi isa woliin jiru, waan inni hojjate maraa akka Rabbi qajeelcheef arge.

4Yooseef gooftaa ufii afo'otti gaachena argate; inni isaa hojjata'aa ture; mana ufii irratti isa muudee waan qabu maraa itti kenne.

5Haga mana ufiitii fi waan qabu maraa irratti isa muudeen maayessa Rabbi mana nama biyya Misirii san sababaa Yooseefiitiif eebbise; eebbi Rabbii waan inni alaa manaa qabu maraa irratti ta'e.

6Phiixifaaraan waan qabu maraa Yooseefitti gad dhiise; Yooseef waan nyaatee dhuguu achi waan biraa womaa hin beeku;

Yooseef nama bareeda hojjaa misha'aa ture.

7Kanaan maayessa haati manaa gooftaa isaa isa jaalattee Yooseefiin «Natti ooli» jetteen.

8Inni ammo didee isi'iin, «Gooftaan kiyya mana ufii keessatti wonti inni beeku hin jiru; waan qabu maraa natti gad dhiiseera;

9Mana kanaaf namni na caalu hin jiru; si'ii haadha manaa isaa malee wonti inni natti hin kennine hin jiru; attamitti waan hamaa guddaa kana godha? attamitti Rabbiin afo'otti cubbuu hojjadha?» jedheen.

10Isiin ammo waan kana gaaf maraa Yooseefiin jetti; inni ammo isi'itti ooluu dide.

11Gaaf tokko isaa hujii hojjachu'uuf mana seeneeru namni waan mana keessa hin jirreef akka inni isi'itti oolu barbaaddee,

12«Natti ooli» jetteenii uffata isaa harkatti marattee qabdeen; inni ammo uffata ufii san isi'itti mulqatee dheessee diida baye.

13Isiin haga akka inni uffata ufii isi'itti mulqatee dheessee diida baye argite;

14namoota mana ufii itti waamtee «Laalaa'a wonti inni nama Ibrootaa kana natti galcheef akka inni nutti balduuf; inni natti oolu'uuf mana natti seennaan ani laagaa ol qabadhee guddisee iyyinaan,

15akka ani iyye argee uffata ufii na irratti gatee dheessee na biraa baye» jette.

16Haga gooftaan isaa galuuf uffata isaa san uf bira keette.

17Isiin abbaa manaa ufiititti «Garbichi Ibrootaa ka ati nutti galchite na salphisu'uuf mana natti seene;

18ani laagaa kiyya ol qabadhee guddisee iyyinaan inni uffata ufii na irratti gatee dheessee diida baye» jetteen.

19Haati manaa isaa «Waan garbichi kee na godhe argi» jettee itti himte; Inni haga waan kana dhagaye guddisee aaree,

20Yooseefiin fuudhee mana hidha'aatitti gate. Yooseef mana hidha'aa keessa taa'e.

21Rabbi ammo Yooseefiin woliin ta'ee waan mishaa godheef; bulchaa mana hidha'aa afo'otti gaachena kenneef.Hu. Er. 7:9

22Bulchaan mana hidha'aa worri mana hidha'aa keessa jiran maruu akka Yooseefiin jalatti bulan godhe; waan duraan ufii hojjatu akka Yooseef hojjatu godhe.

23Bulchaan mana hidha'aa waan wontoota Yooseefitti kennee sanniin maraa hin yaadu ture; waan Rabbi isa woliin jiruuf wonti inni godhu maruu hin qajeelaaf ture.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help