Kitaaba Saamu'eelii ka 2ffaa 16 - Kitaaba Woyyuu

Daawitii Fi Siibaa

1Akkuma Daawiti qaccee gaaraa gamaan diqqoo deemeen hojjataan Memfibooste'ee ka maqaan isaa Siibaa jedhamu dimmaa argeenii xoroshoo dhibba lamaa, xoroshoo haphii ka woyinii irraa hojjatame dhibba tokko, caccabsaa hidhaa dhibba tokkootii fi qalqala daadhii woyini'ii ka harriin lamatti fe'ame oofee isatti dhufe.

4Mootichi Siiba'aan, «Wonti Memfibooste'ee maruu kee haa ta'uu» jedheen.

Siibaan mootichaan «Mootii kiyya! ani hojjataa keeti hennaa maraa hujii si gammachiisu hojjachu'uuf xaara!» jedhee deebiseef.

Daawitii Fi Saamii

5Mootichi Daawiti gara biyya Biraaqii dhaqe; ilmi Geera'aa ka maatii Saa'olii ka maqaan isaa Saamii jedhamu Daawitiin abaara'aa itti deeme.

6Daawitii mootichaa fi garboota isaatittillee dhaga'aan darbata'aa ture; hennaa san bita'aa fi mirga mootichaatitti bani'ii fi worra jajjaba'atu ture.

7Saamiin Daawitiin, «Bada shufuroo'o! nama dhiigaa na biraa deemi!

8ati waan maatii Saa'olii fixxee mootummaa isaa fudhatteef Rabbi si adaba'aara; Rabbi mootummaa kee ilma kee Abeseloomiif dabarsee kenneera hennaan ati baddullee geetteerti.» jedhe.

9Hennaa kana ilmi Tsuuriya'aa Abiisaan mootichaan, «Namichi sareen du'aan kun si'i mootii gooftaa kiyya maaf abaara? Ani amma dhaqee morma isaa mura» jedheen.

10Mootichillee «Isin ijoollee Tsuuriya'aa kun isin hin galchu; yoo Rabbi isa ajajee na abaare ‹Maaf waan kana goota?› jedhee ka isa gaafachuu danda'u eennu?» isaaniin jedhe.

11Daawiti Abiisa'aa fi garboota isaa maraan, «Mucaan kiyya ka ani uumadheeyyuu na ajjeesuu barbaade waan ilma Biiniyaamii maaf maalalfattan? Rabbi waan isa ajajeef haa na abaaruu dhiisaa'a;

12maal laataa Rabbi rakkoo kiyya argee bikka abaarsa ilma Biiniyaamii Rabbi waan mishaa naa godha ta'a» isaaniin jedhe.

13Daawitii fi namoonni uduu karaa irra deeman Saamiin cinaa isaatiin gaara irra deema'aa isa abaara'aa dhaga'aan darbata'aa daaraa itti jissa'aa ture.

14Kanaan maayessa baniin isa woliin jiranii fi mootichi waan dadhabaniif achitti hara baafatan.

Abeseloom Yerusaalemiin Keessatti

15Abeseloom baniin Israa'eliitii fi Akixoofeelillee gara Yerusaalemii dhaqan.

16Goshoon Daawitii Kuusiin gosa Arka'aa hennaa gara Abeseloomii dhaqe «Mootichi woggaa kumaa haa mooyu» jedheen.

17Abeseloomillee Kuusiin, «Wonti mishaan ati goshoo keetii goote kanaa? Maaf goshoo kee woliin deemuu didde?» Jedheen.

18Kuusi Abeseloomiin, «Akkasii miti; ani nama Rabbi filatee fi banii Israa'elii woliin taa'a.

19Amma ani eennuu hojjadha? Ilma mootichaa afo'otti hojjadhaamii? Akkuma abbee afo'otti hojjata'aa ture akkasuma si afo'ottillee hin hojjadha» jedheen.

20Abeseloom Akixoofeeliin, «Akka maal goonu nu gorsita?» Jedheen.

21Akixoofeel deebisee Abeseloomiin «Gara dubartoota abbee mata gala itti galuu seeni akka ati abbee salphifte baniin Israa'elii maruu yoo dhagaye worri si woliin jiru maruu jabaatanii si woliin dhaabatan»

22Kanaaf mana manaan gubba'aa gamoo irratti Abeseloomii daasee dhaaban; innillee banii Israa'elii maraa afo'otti dubartoota abbaan isaa mata gala itti galutti seene.Sam. 2ffaa 12:11-12

23Hennaa san gorsa Akixoofeel nama gorsu maraa akkuma dubbii Rabbiititti jalaa dhagayan; dura Daawititu gorsa Akixoofeelii dhagaya amma ammo Abeseloomitu jalaa dhagaya.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help