Raajii Ermiyaasii 18 - Kitaaba Woyyuu

Ermiyaas Mana Nama Faara Dhawuu Dhaqe

1Dubbiin Rabbiin biraa gara Ermiyaasii dhufe kana;

2«Ka'ii gara mana nama faara dhawuu dhaqi; achitti ergaa kiyya sitti himaa»

3Anillee ka'ee hennaa achi dhaqu inni gabatee dhaga'aa ka boolla adda addaa qabu keessatti ka faara dhawu arge;

4ka meeshaan faaraa inni dhawu sun isa harkatti badee deebi'ee meeshaa biraa hennaa hojjatu arge.

5Hennaa san Rabbi akkana naan jedhe,

6«Banii Israa'elii! akkuma namni faara dhawu meeshaa ufii dhawu san akka ufii fedhetti dhawu ani waan barbaade isin irratti godhuu hin danda'uu? akkuma meeshaan faaraa nama isa dhawu harka jiru isinillee na harka jirtan.

7Ani banii tokko yookaan mootummaa hennaa ‹si buqqisa yookaan caccabsee si balleessa› jedhee dubbadhe;

8Baniin sun gaabbee yoo ka hammeenna ufii irraa deebi'u ta'e waan hamaa isaanitti fida jedhee yaade san isaan irratti hin raawwadhu.

9Ani banii tokko yookaan mootummaa hennaa ‹si dhaaba yookaan si ijaara› jedhuun,

10baniin sun ka naa hin ajajamnee fi ka hammeenna ufii irraa hin deebine yoo ta'e waan mishaa isaanii godhu'uuf yaade san isaanii hin raawwadhu.

11Kanaafuu ani isaan adabu'uu fi waan hamaa isaan irratti raawwachuu akka danda'u banii Yihuuda'aatii fi banii Israa'eliititti himi; akka cubbuu hojjachuu dhiisan, jireenna ufiitii fi hujii ufii akka jijjiiran isaan gorsi.

12Isaan garuu ‹maaf waan kana goona? siri'ii waan dura karoorfanne maraa caalaa worra morkatuu fi worra didu ta'uu hin dandeenna› jedhanii sii deebisan.»

Banii Israa'elii Rabbiin Dhiise

13Kanaafuu Rabbi akkana jedha,

«Banii akkanaa kana keessatti yoo dhagayamee jiraate mee gaafadhaa'a;

baniin Israa'elii ka fooyame waan hamaa nama jibbisiisu hojjataniiran.

14Gaarran Libaanosii hennaan barada'aan hin uwwifamne hin jiraa?

burqaawwan bisaan qabbanaayaan gaarran kana irraa gad yaa'u gogee beekaa?

15Baniin kiyya na dhiiseera;

waaqolee tolfamaa duwwa'aaf hixaana aarsan;

waaqoleen tolfamaan kunniinillee akka isaan karaa hin beenneen deeman isaan godhaniiran;

gufatanii karaa duraan deeman san dhiisaniiran.

16Lafti isaanii baraa haga bara baraa gammoojjii mammaakaa taati;

worri ladda isi'ii lufan maruu balda'aa mataa ufii raasan.

17Akkuma qilleensi baya biiftu'uu daaraa bittinneessu;

Ani banii kiyya diintota isaanii afo'otti isaan bittinneessa;

Ani fuula kiyya isaan irraa gara galfadhee dudda kiyya isaanitti kenna;

hennaa badiin isaanitti galte ani sirima isaan hin gargaaru.»

Mura Ermiyaasitti Muratan

18Banii keessaa namoonni gari gariin, «Koottaa Ermiyaasiin irratti mura murannaa! gadoota seera Rabbii barsiisan, worra ogeeyyii nama gorsanii fi raattota hennaa maraa ergaa Rabbii himan hin argannaa; kanaafuu ammaa achi waan Ermiyaasii dhagayuu dinnee dubbima inni dubbatuun isa qabnee dubbima isaatiin isa haa himannuu» woliin jedhan.

19Kanaafuu ani akkana jedhee kadhadhe, «Yaa Rabbi! kadhaa kiyya naa dhagayi; waan hamaa diintonni tiyya na irratti dubbatan dhagayi.

20Eeganaa gatiin hujii misha'aa waan hamaa godhu'uu? ani akka ati isaaniin hin lolle isaanii fi si jidduu dhaabadhee si kadhadhe qaabadhu; isaan garuu boolla ani itti kufu naa qotan.

21Waandhana! amma ijoolleen isaanii akka beelaan dhuman, isaanillee akka woraana irratti kufan godhi; dubartoonni isaanii abbaa worraatii fi ijoollee hin argatin; dhiirti isaanii dhukkubaan, ka'imman isaaniillee woraanaan haa dhumanii.

22Dimmaa worra isaan miidhu isaanitti ergi; manni isaanii mana booyaa haa ta'u; isaan boolla ani itti kufu naa qotaniiran; qolaa naan qaban na jalatti darbaniiran.

23Waandhana! mura isaan na ajjeesu'uuf dharaan natti muratan ati hin beetta; kanaafuu yakka isaanii isaanii hin dhiisin; cubbuu isaaniillee isaanii hin araaramin; isaan si afo'otti akka mooyatamanii fi lola kee gudda'aan akka badan godhi.»

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help