Raajii Hisqeelii 28 - Kitaaba Woyyuu

Raaga Mootii Xiroosiititti Raagame

1Rabbi akkana jedhee natti dubbate,

2«Ati ilma namaa! Rabbiin maraa olii mootii Xiroosiititti akkana jedhii himi; ‹ati waan guddiftee uf jajjeef galaana keessa teessoo waaqolee tolfama'aa irra taa'an jetteerta; ati yoma yaada keetiin ani Waaqa ufiin jettellee ati nama malee Waaqaa miti.

3Ati Daani'eeliin caalaa ogeessa uf seeta; wonti tokkollee akka waan si jalaa hin dhokannee sitti fakkaata.

4Ati dhugamaan ogumma'aa fi mala keetiin qabeenna guddaa argatteerta; mana kee ka meeshaa kaayattu keessa birri'ii fi worqii tuulatteerta.

5Ati ogummaa daldala keetiin mudhifteen durummaa guddaa argatteerta; sababaa qabeenna kee gudda'aatiin uf jajjeerta›

6Eeganaa wonti ani Rabbiin maraa olii jedhu kana; ‹sababaa ati ani ogeessa akka Waaqaati jettee yaaddeef;

7Diintota gar jabeeyyii balaa sitti buusan sitti fida; isaan waan ati beekkumsaa fi ogumma'aan wolitti qabatte ka bareedu maraa si jalaa balleessan.

8Si garuu boolla keessatti gatan; galaana keessatti du'a badaa duuta.

9Eeganaa hennaa isaan si ajjeesu'uuf sitti dhufan ati ammallee akka Waaqaatitti uf laaltaa? ati hennaa harka worra si ajjeesuutitti kufte ati nama malee aka Waaqa hin taane uf beetta.

10Ati harka namoota biyya biraa ka Rabbitti hin amanneetiin duuta; ani Rabbii waan kana dubbadheera› » jedhee natti dubbate.

Akkaataa Mootiin Xiroosii Itti Kufe

11Rabbi ammallee akkana jedhee natti dubbate,

12«Ati ilma namaa! waan hamaa mootii Xiroosii irra gayuuf faaruu gaddaa faarfadhu waan ani Rabbiin maraa olii jedhu akkana jedhii isatti himi, ‹Ati waan ogeessaa fi bareedaa taateef fakkeenna mishaa namaa taatee turte.

13Ati Eedenii bakka biqiltuu Rabbii keessa jiraata'aa turte, ati uffata worqi'ii ka dhagaa gatii gudda'aa ka Sardiyoon, Almaazi, Biralee, Maraagidi, Iyyaasphiidi, Sanpeerii fi Baluur jedhamanii waamamaniin midhaaffame uffata'aa turte; ati hennaa dhalatte irraa jalqabdee kana maraa hin qabda.

14Ani si'i akka maleekkaa Kiruub jedhamu ka waa eeguutitti muudee achi si kaaye; gaara kiyya woyyuu irra jiraata'aa turte; dhagaa gugurdaa ka guddisee falaqqisu jidduu deema'aa turte.

15Urga dhalattee jalqabee haga hennaa waan hamaa hojjachuu jalqabdeetitti ati nama mudaa hin qabne turte.

16Ati waa bita'aa gurguru'uuf ariifatta; kun maruu gara hujii miidha'aatii fi gara cubbu'uu si geesse; sababaa kanaaf akka ati gaara kiyya woyyuu gad dhiiftee baatu si giddisiise; kanaaf maleekkaan Kiruub jedhamu dhagaa guddisee ifu ka gatii gugurda'aa keessaa ari'a'aa si baase.

17Ati bareeda keetiin guddiftee uf jajje; waan ulfinna barbaaddeef ogummaa kee salphifte; sababaa kanaaf gubba'aa gad si darbe; mootota biraatiifillee malkata adabbi'ii si taasise.

18Sababaa yakka waa bita'aa gurgurtuutiif huleen kee ka ati itti waaqeffattu maruu hin battaayan; kanaafuu ani qachatti'itti ibidda kaasee akka gubattu godhe; amma worri si laalan maruu akka ati daaraa taate argan.

19Ati baddeerta! baraa haga bara baraa hin argamtu biyyi si beekan maruu raafamaniiran; hireen badaan sirra gaye kun akka isaan irra hin geenneef guddisanii sodaataniiran» jedhee natti dubbate.

Raaga Siidoona'atti Raagame

20Rabbi akkana naan jedhe,Iyyu. 3:4-8; Zakk. 9:1-2; Mat. 11:21-22; Luq. 10:13-14

21«Ati ilma namaa! fuula kee gara Siidona'aa deebisi isi'itti raaga dubbadhu;

22Banii isi'iitiin Rabbiin maraa olii akkana jedha» jedhiin; ani isinitti ka'eera; waan ani isin irratti raawwadhuun baniin maruu na galatoonfatan; hennaa ani murtii qajeelaa murteessuu fi woyyummaa kiyya mudhisu akka ani Rabbiin ta'e beekan.

23Ani balaa kiyya isinitti fida; karaa maraa irrattuu akka dhiinni jigu godha; sababaa lola karaa gara garaatiin isinitti ka'uun isin keessaa namoonni hin dhuman; baniinillee akka ani Rabbiin ta'e beekan.

Eebba Israa'elii

24Rabbi akkana jedha, «Ammaa achi worra ija tuffi'iitiin isii laaluu fi biyya naannaya isi'ii jiran ka akka qore'ee fi qummuuddu'uu ta'ee Israa'eliin miidhu eennullee hin jiraatu; isaan akka ani Rabbii guddaa ta'e hin beekan.»

25Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Hennaa ani worra Israa'elii biyyoota gara garaa ka isaan itti bittinnaayan keessaa wolitti isaan qabuu fi hennaa uduu baniin maruu argan banii kiyya keessatti woyyummaa kiyya mudhisu isaan deebi'anii lafa ufii ka ani hojjataa kiyya Yaaqoobii kenne irra jiraatan.

26Isaan sodaa malee achi jiraatan manniin ijaaratan, woyinii dhaabatan, ani worra ija tuffi'iitiin isaan laalu ka ollaa isaanii maraa hin adaba; worri Israa'elii garuu sodaa tokko malee nagayaan jiraatan; hennaa san isaan akka ani Rabbi Waaqa isaanii ta'e beekan.»

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help