1Worri Filisxeemii gaara Gilbo'a'aa irratti worra Israa'eliitiin loluuf wol gayan; worri Israa'elii dheessanii gaara irratti du'an.
2Worri Filisxeemii ammo Saa'olii fi ilmaan isaa sadiin faanaa deemanii ari'anii Yonaataa, Aminaadaabii fi Melkisaa ajjeesan.
3Lolli kun Saa'oliin irratti hin jabaate; worri ebo'oon lolan Saa'oliin woraananii madeessan.
4Saa'ol namicha mi'a woraanaa isaa baatuun «Worri hin gadoomne dhufanii akka natti hin taphanne ati guraadee keetiin na ajjeesi» jedheen; namichi mi'a lolaa baatuuf guddisee waan sodaatee tureef kana godhuu dide; achii Saa'ol guraadee ufii fudhatee itti dirme.
5Namichi mi'a lolaa isaa baate sun akka Saa'ol du'e hennaa arge innillee guraadee ufiititti dirmee isa woliin du'e.
6Akkasitti Saa'ol ilmaan isaa sadiin, namichi mi'a lolaa baatuu fi akkasuma namoonni isaa maruu guyyama san dhuman.
7Worri Israa'elii ka dhooqa Yoordaanosiin irraa gara baya biiftu'uu jiranillee loltoonni isaanii akka baqatan Saa'olii fi ilmaan isaa akka dhuman hennaa argan isaanillee qachoota ufii dhiisanii baqatan; worri Filisxeemii ammo dhufanii qachoota san qabatan.
8Bariisaa worri Filisxeemii worra ajjeesan san irraa mi'a yaafachu'uuf dhaqanii reeffa Saa'oliitii fi reeffa ilmaan isaa sadaniituu tulluu Gilbo'a'aa irratti argan.
9Mataa Saa'olii irraa muranii mi'a lolaa isa irraa yaafatanii galma waaqa tolfamaa ufii keessatti saba ufiititti oduu mishaa kana himu'uuf biyya Filisxeemii keessa naannessan.
10Achiin maayessa worri Filisxeemii woraana Saa'oliitii fi mi'a woraanaa fakii intalaa ta Astaarooti jedhamtee waamamtuu ta mana qulqulluu keessa jirtu keessa kaayan; reeffa Saa'olii ammo hulee Beetisaan jedhamtu dallawa irratti fannisan.
11Worri Yaabesh Gil'aad keessa jiraatan waan worri Filisxeemii Saa'oliin irratti hojjatan hennaa dhagayan,
12loltoonni isaanii worri jajjabaan ka'anii halkan guutuu deemanii reeffa Saa'oliitii fi reeffa ilmaan isaa sadiinii dallaya Beetisaanii irraa buusanii gara Yaabeshii dhufanii achitti isaan guban.
13Achiin maayessa lafee isaanii fuudhanii Yaabeshiin keessatti muka lafa udume'ee tokko jalatti awwaalanii guyyaa torbaa sooman.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.