1 11:7; 12:3; 17:3,7-12; Dan. 7:3-7 Kanaan maayessa bineensi tokkollee uduu galaana keessaa bayu arge. Gaafa kudhanii fi mataa torba qaba. Gaafa isaa irra qoobii kudhanii fi mataa isaa torban irra maqaa arrabaatitu jira.
2Dan. 7:4-6; Luq. 4:6 Bineensi ani arge sun qeerransa fakkaata; lutti isaa akka luka Awwaaldiigessaati; afaan isaa akka afaan leencaati; Jawweenillee hunna ufii, teessoo ufiitii fi baallii ufii guddaa kenneef.
317:8 Mataa isaa torban keessaa tokko ka akka waan goorra'amee du'ee ta'e arge; madaa isa ajjeesu'uuf ta'u irraa hin fayye. Baniin lafa irraa maruu bineensa duukaa deema'aa maalalfatan.
4Jawwe'eellee hin sagadan; waan inni bineensaa baallii kenneeruuf, «Eentu bineensa kana fakkaata? isaanillee eentu wol loluu danda'a?» jedha'aa sagadaniif.
5 Dan. 7:8,11,25; 11:36; Mudh. Yoh. 11:2 Waan guddaa fi afaan ittiin arrabsutu kennameef; ji'a afurtamii lamaa akka hojjatu baalliin kennameef.
6Rabbiinillee arrabsu'uuf maqaa isaatii fi hulee bultii isaa ta sami'ii worra bulullee arrabsu'uuf afaan banate.
711:7; Dan. 7:21 Woyyoota woraanee mooyachuu gosaa fi firoota banii afaan gara garaa dubbatan maraa irratti baalliin kennameef.
817:8; 3:5; Far. 69:28; Dan. 12:1 Uumama adunya'aatii jalqabee worri maqaan isaanii kitaaba jireennaa ka hoolaa qalamee keessatti hin barreeffamne, worri lafa irra jiraatan maruu hin sagadaniif.
92:7 Ka gurra dhagayu qabu yoo jiraate haa dhagayuu.
10Erm. 15:2; 43:11; Mat. 26:52; Mudh. Yoh. 14:12 Eennullee ka booji'amuu barbaadu yoo jiraate gara booju'uu deema. Eennullee ka guraade'een nama ajjeesu yoo jiraate, inni guraade'een haa ajjeefamuu. Obsinii fi amantiin woyyootaa kanaan.
11 16:13; Mat. 7:15 Bineensi biraallee uduu lafaa bawu arge. Gaafa lamaa ka gaafa hoola'aa fakkaatu qaba. Akka Jawwe'eetitti qaaqa.
12Inni maqaa bineensa duraatiin baallii guutu'uun hojjata'aara. Laftinii fi worri lafa irra jiran maruu, bineensa duraa ka madaa ajjeeftu irraa fayyee akka sagadaniif godha.
13Mat. 24:11,24; Tas. 2ffaa 2:9-10 Samii irraa ibidda afoo namaatitti buusu'uun malkata gugurdaa godha.
1419:20 Malkata gugurdaa afoo bineensaatitti ta'u saniin worra lafa irra jiraatan hin dogoggorsa. Ka madaa guraade'ee qabuuf, worra lubbu'uun jiraatan fakii bineensa sanii akka godhatan worra lafa jiraatanitti dubbata.
15Hennaa fakiin bineensaa qaaqu, worra fakii bineensaatii hin saganne maraa ajjeesisu'uun fakii bineensaatii hafuurri akka kennamuuf taasifame.
1614:9-11 Didiqqa'aa fi gugurdaan, dureeyyi'ii fi hiyyeeyyiin, gooftotaa fi garboonni maruu harka isaanii ka mirgaatitti yookaan kallacha isaaniititti malkata godhatan.
17Maqaa bineensaa, yookaan ka malkata laakkobsa maqaa isaa hin qabne eennullee bituu yookaan gurguruu akka hin dandeenne godha.
18 17:9 Wonti kun ogummaa barbaada; ka sammuu qabu laakkobsa bineensaa haa laakkayuu. Laakkobsi laakkobsa namaa waan ta'eef, laakkobsillee dhibba jahaa fi jahaatamii jaha.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.