1Bara mootichi Hisqiyaas biyya Yihuuda'aa irratti mooye woggaa kudha arfeesso'ootitti mootiin Asoorii Sanaakireem lolee qachoota Yihuuda'aa ka dallaya dhaga'aa qaban qabate.
2Achiin maayessa mootichi Asoorii akka mootichi Hisqiyaas harka kennatu akka isa gaafatan ajajaa loltootaa loltoota baay'ee woliin Laakishii gara Yerusaalemii erge; inni deemee gara haroo ol aantuutiin karaa bisaan boyii keessa yaa'u hulee uffata itti miicatan bira dhaabate.
3Hennaa san ajajaan manaa Eeliyaaqeem ilmi Kelqiyaasii barreessaan Saaminaas, galmeessaan seena'aa Yoo'aas ilmi Asaafii gara isaa dhaqan.
4Raafaasiqiis akkana isaaniin jedhe «Hisqiyaasitti akkana jedha'aa himaa'a; mootiin guddaan Asoorii akkana jedha, ‹Wonti ati hedattu kun maali'i?
5Dubbiin duwwaan mala lolaatiif hunna naa ta'a jettee yaaddaa? ati sirimaa eennuun hedattee natti kaate? maal laataa ati biyyi Misirii na gargaarti jettee hedatteerta ta'a; garuu isii hedachuun akka nama ulee leemmaniititti irkatee akka ta'e beeki.
6Biyyi Misirii akka ulee leemmanii caccabaa ka yoo itti irkatan baqaqee harka nama woraanuu malee womaa hin fayyanneeti; hireen nama mootii biyya Misirii hedatuullee akkanuma.› »
7Ammallee bulchaan mootota biyya Asoorii «‹Ani Rabbii Waaqa Israa'elii abdadha› jetta ta'a, eeganaa baniin biyya Yihuuda'aatii fi baniin biyya Yerusaalemii hulee ciinca'aa tokkicha kana akka waaqeffatan godhan ka feetee hulee ciincaa Rabbii itti godhanii Rabbiin itti waaqeffatan diige Hisqiyaas si'ii mii!
8Ati eeganaa mootii gooftaa kiyya! biyya Asooriitiin wol morki; yoo ka namoota farda yaabbachuu danda'an argattu ta'e, ani faradoo kuma lamaa sii kenna.
9Faradoo keetii fi konkolaataa fardaa kee ka lolaa hedattee biyya Misirii waan mooyattu seetu, nama diqqaa garboota gooftaa kiyyaa keessaa nama tokkollee attamitti mormitee isa afoo dhaabachuu dandeetta?
10Ani amma dhugamaan ajaja Rabbii malee biyya kana balleessu'uuf bayee? Rabbi biyya tana dhaqii balleessi naan jedhe.
11Eeliyaaqeem, Saaminaas, Yoo'aasii fi Raafiis nu afaan biyya Sooriya'aa hin dhageennaa nu garboota teetitti dubbadhu malee afaan banii Ibrootaa ka dallaya dhaga'aa irra taa'aniiraniitiin nutti hin dubbatin» jedhaniin.
12Bulchaan worra biyya Asoorii «Mootiin biyya Asoorii gooftaan kiyya, waan kana maraa isinii fi mootii keessan calla'atti akka dubbadhu waan na erge seetanii? sirimaa akkasii miti, banii akkuma keessan udaan ufii nyaatanii fi fincaan ufii dhuganitti laagaa kiyya ol qabadhee baniin dallaya irra jiran maruu akka dhagayaniif dubbadha» jedhe.
13Kanaafuu Raafqiis dhaabatee laagaa ufii ol qabatee afaan worra Ibrootaatiin «Dubbii mooticha guddaa biyya Asoorii dhagayaa'a!
14Mootichi akkana jedha, «Hisqiyaas waan isin hambisuu hin dandeenneef isaan hin sobaminaa'a.
15Dubbii inni ‹Rabbiin abdadha; inni nu oolcha qachattiin teenna akka loltoota biyya Asoorii jala hin taane nu irraa dhoogga» jedha'aa isin sobu hin dhagayinaa'a.
16Isin waan Hisqiyaas isiniin jedhu hin dhagayinaa'a, mootichi biyya Asoorii gara kiyya kootta'aa naan wol ta'aa'a; yoo kana gootan isin maruu hurbuu muka woyini'ii keessaniitii fi daraaraa muka hurbu'uu keessan nyaattan, bisaan boolla keessaniillee hin dhuddan.
17Wonti kun ka ta'u haga mootiin keessan gara biyya teessan fakkaattuu isin fidee hara isin baafachiisuuf, biyya san keessa muka woyini'ii ka daadhiin woyini'ii irraa hojjatamuu fi lafa qonnaa badhaa midhaan buddeenaa irraa argamutu jira.
18Kanaafuu Hisqiyaas Rabbi isin hambisa jedha'aa isin dogoggorsa'aa akka isin hin sobne, amma dhugamaan waaqolee tolfamaa banii maraa keessaa tokkollee ka mootii biyya Asoorii jalaa biyya ufii hambisuu danda'e jiraa?
19Eeganaa yoo akkana ta'e, waaqoleen tolfamaan Haamaatiitii fi Arfaadii eessa jiran? waaqoleen tolfamaan safarwaayimii eessa gayan? dhugamaan isaan keessaa biyya Samaariya'aa na harkaa baasuu danda'e jiraa?
20Waaqoleen tolfamaan biyya kanniin maraatuu hennaan isaan biyya ufii harka kiyyaa hambisuu danda'an jiraa? Eeganaa isin maaf Rabbi Yerusaalemiin hin oolcha jedha'aa yaaddan» jedhee laagaa ol qabatee dubbate.
21Baniin garuu akkuma mootichi Hisqiyaas isaan ajajetti womaa dubbachuu didanii cadhisan.
22Achiin maayessa ajajaan mana mootichaa Eeliyaaqeem ilmi Kelqiya'aa, barreessaan Saamnaasii fi galmeessaan seena'aa Yoo'aasii ilma Asaafii gaddanii uffata ufii tarsaasanii gara mooticha Hisqiyaasii dhaqanii waan bulchaan biyya Asoorii dubbate maraa itti himan.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.