1Garbichi Rabbii Muuseen haga du'een maayessa Rabbi gargaaraa Muuse'ee ilma Nawwe'ee Iyyaasu'uun akkana jedhe,
2«Garbichi kiyya Muuseen du'eeraa ka'iitii atii fi baniin kun gara lafa ani ijoollee Israa'eliitii kennuu Yoordaanosiin gama ceeyaa'a.
3Akkuma Muuse'ee waadaa galetti lafa luka teessaniin ejjattan maraa isinii kenneeraa.
4Libaanosii kana irraa jalqabdanii haga lafa gammoojji'ii laga guddaa Efraaxisii lafti Keexotaa maruu haga dhiyaa, haga galaana gudda'aatitti daangaa keessan ta'a.
5Bara jireenna keetii maraa eennullee si hin danda'u; akkuma Muusee woliin ta'e si woliinillee hin ta'a; si hin gatu; si hin dhiisu.
16Isaanillee akkana jedhanii Iyyaasu'uu deebisan; «Waan ati nu ajaje maraa hin goona; gara ati nu ergitu maraa hin deemna.
17Akkuma waa maraanuu Muuse'ee ajajamne, siillee akkasuma hin ajajamnaa; garuu Rabbi Waandhi Muusee woliin ture sun akkasuma si woliinillee haa ta'u.
18Namni ajaja kee mormu maruu, ka waan ati ajajju hin dhageenne inni haa ajjeefamuu; ati garuu jabaadhu!»
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.