Seera Bayu'uu 18 - Kitaaba Woyyuu

Yootoor Muusee Tooyate

1Gadichi worra Miidiyaamii soddaan Muuse'ee Yootoor waan Rabbi Muuse'ee fi banii Israa'eliitii godhe maraa akka Rabbi banii Israa'elii biyya Misiriitii isaan baase dhagaye.

2Hennaa san soddaan Muuse'ee Yootoor, haadha manaa Muuse'ee Siiphaaraa ta inni hennaa gara biyya Misirii dhaqe isa biratti dhiise ijoollee isi'ii woliin fideef. ture; Rabbi Waandhi abbaa kiyyaa na gargaaree guraadee Fari'oonii jalaa waan na oolcheef jedhe.

5Soddaan Muuse'ee Yootoor haadha manaa ufiitii fi ijoollee ufii qabatee gara gaara Rabbii bira lafa gammoojjii Muuseen fa'a itti quphataniiranii dhaqe.

6Muuseen soddaa ufiititti gad bayee reebbatee dhungatee nagaya wol gaafatanii gara daase'ee seenan;

7Ani soddaan kee haadha manaa teetii fi ijoollee tee lamaan woliin gara kee dhufneerra jedheen.

8Muuseen waan Rabbi Fari'oonii fi banii biyya Misirii maraa irratti waan Israa'eliitiif jedhee godhe, waan kara'atti isaan irra gaye maraa, Rabbi attamitti akka isaan hambise soddaa ufiititti hime.

9Yootoorillee mishummaa Rabbi banii Israa'eliitii godheef biyya Misirii jalaa waan isaan baaseef gammadee,

10«Waan harka Fari'ooniitii fi banii biyya Misirii jalaa isaan oolcheef Rabbiin galanni haa gawu,

11Rabbi worra uf jajan irratti waan akkanaa godhe waaqolee maraa akka caalu amma beeke» jedhe.

12Kanaan maayessa soddaan Muuse'ee Yootoor ciincaa ciincawuu fi ciincaa waan biraallee Rabbiif dhiyeesse; jaarsonni Israa'eliitii fi Aaroon soddaa Muuse'ee woliin dhiyana nyaachu'uuf Rabbiin afoo taa'an.

Abboonni Murti'ii Muudaman(Kes. Deb. 1:9-18)

13Haga bariite Muuseen bani'ii murtii kennu'uuf taa'e; baniin Muusee afoo ganamaa haga galgalaa dhaabatan.

14Soddaan Muuse'ee waan Muuseen banii irratti godhe maraa argee, «Wonti ati bani'ii gootu kun maali'i? baniin maruu ganama irraa haga galgalaa si marsanii dhaabataniiran; ati maaf hojja kee teetta?» Jedheen.

15Muuseenillee soddaa ufiitiin «Baniin fedha Rabbii beeku'uuf gara kiyya dhufa'aaran.

16Namni rakkinna qabu gara kiyya dhufa; namni lamaa wol dhabee yoo gara kiyya dhufe ka dhugaa qabuuf dhugaa kenna; ka balleessaa qabu ammo itti mura; seera Rabbiillee isaanitti hima» jedheen.

17Kanaan maayessa soddaan Muuse'ee deebisee, «Wonti ati gootu kun misha'aa miti.

18Kun sitti ulfaata atii fi baniin si woliin jirullee hin dadhabdan; ati hojja kee hojjachuu hin dandeettu.

19Amma ani si gorsaa gorsa kiyya dhagayi; Rabbillee si woliin ta'aa; ati banii bakka bu'ii Rabbiin afoo taa'i; waan isaanii Rabbitti dhiyeessi;

20seeraa fi ajaja, karaa isaan deemanii fi waan godhan maraa isaanitti mudhisi barsiisille'e.

21Ati banii maraa keessaa beettota, worra Rabbiin sodaatan, worra amanamanii fi worra waan dharaa jibban fili; bulchaa kumaa, bulchaa dhibbaa, bulchaa shantamaatii fi bulchaa kudhanii isaan irratti muudi;

22isaan hennaa maraa bani'ii haa murteessanii; waan ijoo ta'e maraa gara kee haa fidanii; waan didiqqoo garuu isaanuu haa murteessanii; isaan si woliin ba'aa kana haa baadhatanii; siillee hin salphataa.

23Yoo waan kana goote, akkuma Rabbi si ajajetti jiraachuu dandeetta; akkasuma baniin kun maruu nagayaan gara mana ufii deebi'a» jedheen.

24Muuseenillee gorsa soddaa ufii fudhatee waan inni jedheen maraa godhe.

25Muuseen banii Israa'elii maraa keessaa beettota filee banii irratti tokko bulchaa kumaa, bulchaa dhibbaa, bulchaa shantamaatii fi bulchaa kudhanii godhee muude.

26Isaan hennaa maraa banii irratti murteessa'aa waan isaanitti ulfaate gara Muuse'ee fidan; waan didiqqaa maraa ammo ufii muran.

27Muuseen soddaa ufii geegessee nagayaan gara biyya ufii deebi'e.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help