Kitaaba Faaru'uu 63 - Kitaaba Woyyuu

Rabbiin Soquu'uFaaruu Daawitii ka hennaa inni gammoojjii Yihuuda'aa jiruu

1Yaa Rabbi! ati Waaqa kiyya;

ani garamaan si barbaada;

hulee bisaan hin jirretti;

lafa qulla'aa fi gogaa irratti;

lubbuun tiyya si dheebotte;

foon kiyya si yaade.

2Kanaafuu mana woyyuu keessatti si arge;

hunna keetii fi ulfinna keellee hin laale.

3Jaalalli kee ka bara baraa waan jireenna caaluuf;

afaan kiyya si galatoonfata.

4Eeganaa bara jireenna kiyyaa si galatoonfadha;

maqaa keetiin harka kiyya ol kaasa.

5Lubbuun tiyya akkuma nama dhadha'aa fi coomaan dheebuu bayuutitti;

dheebuu baati.

6Hulee ciisutti si yaadadha;

halkan guutuu waan kee dhudhuma.

7Ati gargaaraa kiyya waan taateef

koola kee jalatti quphadhee

gammachu'uun faarfadha.

8Lubbuun tiyya sitti rarraate;

harki kee ka mirgaa irkisee na qabe.

9Worri lubbuu tiyya balleessuu barbaadan ammo;

gara lafa jalaa gad bu'an.

10Isaan guraadee afaan bu'an;

dhiyana jeedallanii ta'an.

11Mootichi ammo Rabbitti gammada;

worri maqaa Rabbiitiin waadaa galan maruu

hin kabajjaman;

afaan worra sobuu hin cufama.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help