1Iyyo'aaqeem Yihuudaa irratti mooyee woggaa sadeesso'ootitti Nabukadanatsoor mootiin Baabiloonii Yerusaalemiin dhaqee marse.Mot. 2ffaa 24:1; Sen. 2ffaa 36:5-7
2Rabbi mootii Yihuuda'aa Iyyo'aaqeemiif meeshaa woyyuu mana woyyuu keessaa garii Nabukadanatsoorii dabarsee kenne; mootichi qabeenna woyyuu sanniin fuudhee mana qabeenni waaqoleen tolfamaan isaa taa'u keessa fidee kaaye.
3Achiin maayessa mootiin Nabukadanatsoor bulchaa hojjattoota mana mooti'ii ka Ashfanaaz jedhamuun worra Israa'elii ka booji'aman keessaa maatii worra moototaatii fi dargaggeeyyii ilmaan moototaa keessaa namoota hagoo waamee akka fidu isa ajaje.
4Ka'imman filataman sunniin worra mana mootumma'aa keessatti akka hojjachuu danda'an worra babbareeddan, ogeeyyii'i, worra hubannaa qaban, worra waa maraa dafanii hubatuu danda'anii fi worra qaama guutu'uu ta'uu isaan barbaachisa; akkasuma akka inni afaan worra Baabilooniitii fi akkaataa barreeffamni itti barreeffamu akka isaan barsiisu isaan ajaje.Mot. 2ffaa 20:17-18; 24:10-16; Sen. 2ffaa 36:10; Isa. 39:7-8
5Mootichi nyaata ufii nyaatuu fi ka ufii dhugu irraa akka isaanii kennamu ajaje; akkaataa kanaan woggaa sadihiif haga leenji'aniin maayessa mooticha afoo dhiyaatanii hujii mana mootumma'aa akka hojjachuu jalqaban murtaaye.
6Worra filataman keessaa worra gofti isaanii gosa Yihuuda'aa ta'e Daani'eel, Hanaaniyaa, Misaa'elii fi Azaariyaa fa'a.
7Bulchaan hojjattoota mootichaa maqaa isaanii jijjiiree Daani'eeliin Bilxaasoori, Hanaaniyaa Sidiraaq, Misaa'eliin Misaaq, Azaariyaa ammo Abdinaagoo jedhee isaanitti baase.
8Daani'eel nyaata mootichaa nyaachu'uu fi daadhii woyinii isaa dhugee akka hin battoofne kutate; Ashfanaaz akka maarre isaa jedhu kadhateen,
9Rabbi Daani'eelii namicha baallii qabu san afo'otti gaachena kennee garaa isaa laaffise.
10Ashfanaaz ammo waan mooticha sodaateef Daani'eeliin «Ka waan isin nyaattanii fi dhuddan ajaje mooticha; isin yoo ka'imman kaawwan caalaa huqqattanii bifaa fi biifa dhabdaniirtan isin arge, gooftaan kiyya mootichi na ajjeessinnaa sodaadha» jedheen.
11Achiin maayessa Daani'eel nama Ashfanaaz akka isaa fi goshoota isaa Hanaaniyaa, Misaa'elii fi Azaariyaa fa'a eegu ramadame bira dhaqee,
12«Akka nu'u biqiltuu gara garaa nyaata'aa bisaanillee dhuga'aa nu'u hojjattoonni tee guyyaa kudhaniif akka turru nu laali.
13Achiin maayessa akkaataa jireenna keennaa ka'imman nyaata mana mootichaa nyaatanii fi nu'u wol bira qabdee nu laalta; waan argitee hubatteen nu'u tajaajiltoota tee akkaataa itti nu argiteen waan barbaadde goota» jedheen.
14Ka isaan eegullee yaada isaanii fudhatee guyyaa kudhaniif isaan qore.
15Haga guyyaan kudhanii sun dhumeen maayessa isaan ka'imman nyaata mana mootichaa nyaatan maraa caalaa fuulli isaanii bareedee, nafti isaaniillee furdatee isaan arge.
16Hennaa san irraa jalqabee ka isaan eegu nyaata misha'aa fi daadhii woyini'ii ka mana mootichaatii isaanii ergamu hambisee nyaata biqiltuu gara garaa isaanii kennisiisuu jalqabe.
17Rabbi ka'imman arfan kanniinii ogummaa maraa, haala barreeffamaa, beekkumsaa fi hubannaa kenne; Daani'eel ammo isaan keessaa dandeettii mudhata argu'uutii fi eebjuu hiiku'uu qaba.
18Woggaa sadiin mootichi murteesse sunniin haga raawwate Ashfanaaz ka'imman sanniin maraa fuudhee mooticha afoo isaan fide.
19Mootichi hennaa isaan maraa qaassu isaan maraa keessaa namni Daani'eeliin, Hanaaniyaa, Misaa'elii fi Azaariyaa caalu hin argamne; kanaafuu akka isaan mooticha afo'otti tajaajilaaf filataman.
20Gaafii mootichi waan ogumma'aatii fi waan hubanna'aa worra moruu fi worra asmaa hojjatu ka bulchiinsa isaa keessa jiran maraa keessaa isaan worra harka kudhaniin caalan ta'anii argaman.
21Akkaataa kanaan Daani'eel Qiroos mooyee haga woggaa tokkoo mana mootumma'aa keessatti tajaajile.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.