1Obboleeyyan tiyya! Waan hafeen Goofta'aan gammadaa'a; waan tokko deebisee isinii barreessuun na hin dhibu. Isiniif ammo nagaya.
2Mudh. Yoh. 22:15; Gal. 5:12; 6:12 Worra akka sare'ee foon namaa nyaatanii fi hojjattoota hammeeyyii irraa uf eegaa'a. Worra seera fooniitiin waan hin taaneen dhugamaan gadoomneerra jedha'aa soban irraa uf eegaa'a.
3Rom. 2:29; Gal. 6:14-16; Qol. 2:11 Nu worri Ayyaanaan Rabbiin waaqeffatuu, nu worra Yesuus Kiristoosiin dhaadannu, worra waan foonii hin hedanne, worra gadoomne waan taaneef.
4Qor. 2ffaa 11:18,21-23 Ani ammo fooniin waan hedadhu qaba. Namni biraa eennuunillee yoo ta'e, ka fooniin hedatu waan qabu yoo itti fakkaate natu taraan.
5Hu. Er. 23:6; 26:5; Rom. 11:1; Xim. 2ffaa 1:3 Ani ka guyyaa saddeetesso'ootitti gadoome; dhaloota Israa'elii keessaa ka gosa Biiniyaamii, Ibiroota keessaallee Ibiricha. Waan seeraa yoo na gaafattan ani nama gosa Faarisii ture.
6Hu. Er. 8:3; 22:3-5; 26:9-11; Gal. 1:13 Waan hinaaffa'aa yoo gaafattan, woldaa Kiristaanaa balleessu'uuf ari'a'aa ture. Waan qajeellummaa seeraan argamuu yoo na gaafattan mudaa malee ture.
7 Mat. 10:39; 13:44-46; 16:25 Haa ta'uu ammo waan bu'aa naaf qabaa maraa Kiristoosiif jedhee akka waan bu'aa hin qabneetitti laakkayeera.
8Rom. 3:22,25; Gal. 2:16,21 Gooftaa kiyya Yesuus Kiristoosiin beekuun waa mara waan caaluuf ani waa maraa akka waan bu'aa hin qabneetitti laakkayee, isaaf jedhee waa maraan miidhame.
9Akka kanaan ani ka Kiristoosii ta'ee argame. Maarre qajeellummaan tiyya ta seera eegu'uun argamte uduu hin taane, ta Kiristoositti amanu'uun argamte; qajeellummaan tun Rabbiin irraa dhufti; amantii irratti hundoofti.
10Rom. 6:3-5; 8:17; Qor. 2ffaa 4:10; Gal. 6:17 Isaa fi hunna du'aa ka'iinsa isaa akka beeku, rakkoo isaallee akka qoodamuuf.
11Gara worra du'aa ka'anii gayu'uuf uduu naa ta'ee, du'aanillee isa fakkaachuu hawwa.
Galma Gayu'uuf Fiiguu'u12 Qol. 1:29; Xim. 1ffaa 6:12; Hu. Er. 9:3-6 Kana maraa argeera; yookaan guutuu ta'eera jechu'uu miti. Haa ta'uu ammo waan Kiristoos ka ufii ittiin na taasifate san, anillee kiyya godhachu'uuf fiiga.
13Luq. 9:62 Obboleeyyan tiyya! Haga ammaallee akka waan harkaan gayadheetitti hin laakkayu. Haa ta'uu ammo waan tokko godha. Waan na duubatti hafe irraanfata'aa ka afoo kiyya jiru qabachu'uuf hiixadha.
14Qor. 1ffaa 9:24-25; Xim. 2ffaa 4:7-8 Gatii Rabbi karaa Kiristoos Yesuusiitiin ol na waame san argatu'uuf, gara galma sanii ariifadha.
15Eegasuu nu worri guutuu taane martinuu, kana haa yaannuu; waan tokko keessatti yaada addaa yoo qabaattan Rabbi akkasuma waan akkasii isinii ibsa.
161:27; Gal. 6:16 Ta'ullee woma duraan baranne callaa jabeessinee haa qabannuu.
17 4:9; Qor. 1ffaa 4:16; 11:1 Obboleeyyan tiyya! Worra na fakkaattan ta'aa'a. Akkuma nullee fakkeenna isinii taanu, akkasumma worra fakkeenna keennaan jiraatu laalaa'a.
18Qor. 1ffaa 1:23; Gal. 6:12 Hedduun isaanii fannoo Kiristoosiitiif diina ta'anii waan jiraataniif, waan isaanii akkana isiniin jedhee ammumaa booya'aa isinitti hima.
19Qor. 2ffaa 11:15; Rom. 16:18 Waandhi isaanii garaa isaaniiti, ulfinni isaanii shingaa isaaniiti; yaanni isaanillee woma lafaati; dhumti isaanii badi'i.
20Efe. 2:6; Ibr. 11:13-16; 12:22; 13:14; Tit. 2:13 Nu biyyi teenna samii waan ta'eef, achiillee ammo qorichi deebi'ee dhufa jennee eeggannu Gooftaa Yesuus Kiristoos.
21Qor. 1ffaa 15:43,49,52-53; Qor. 2ffaa 5:1; Yoh. 1ffaa 3:2 Innillee nafa keenna salphataa nafa isaa ka ulfinna qabu san akka fakkaatuuf hin jijjiira.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.