1Baniin maaf guunguman?
namoonnillee maaf waan duwwaa dhudhuman?
2Mootonni biyya lafaa ka'an;
bulchoonnillee Rabbii fi Masihii irratti,
mari'achu'uuf wol gayan
3«Haada sibiilaa isaanii haa kunnuu;
sibiila lukaa ka isaaniillee
uf irraa baafnee haa gannuu» jedhan.
4Ka sami'itti teessoo irra taa'e
isaanitti kolfa;
Gooftaanillee isaanitti balda;
5Achii lola ufiitiin isaanitti dubbata;
balaa ufiitiin isaan naasisa.
6Itti aansee, «Ani garuu gaara kiyya ka woyyoome
Tsiyooniin irratti mootii kiyya muude» isaaniin jedha.
7«Ani seera Rabbii labsa;
Innillee akkana naan jedhe,
‹Ati ilma kiyya;
ani adha si uumadhe;
8Na kadhadhu;
mootota kee akka ta'an taasisee,
daangaan lafaallee akka tee taatu sii kennaa.
9Ati ulee sibiilaatiin isaan butuchita;
akka meeshaa faaraatitti isaan bulleessita »
10Kanaafuu isin mootonni qalbifadhaa'a;
isinillee worri biyya bulchitan uf eegaa'a.
11Soda'aan Rabbiin tajaajilaa'a;
isaa hollachuunillee isin haa gammachiisuu.
12Akka inni hin lollee fi akka karaa kanaan isin hin balleessine;
gad jedha'aa ilma isaa dhungadhaa'a;
lolli isaa waan dafee bobayuuf.
Worri isa irkoo godhatan maruu worra eebbaati.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.