Kitaaba Moototaa ka 1ffaa 6 - Kitaaba Woyyuu

Solomoon Mana Woyyuu Ijaaruu Jalqabe

1Worri Israa'elii biyya Misiriitii bayanii woggaa dhibba afurii fi saddeettamaan maayessa Solomoon mooyee woggaa arfeesso'oo ji'a lammeesso'oo ka Ziif jedhamu keessa mana woyyuu Rabbii ijaaruu jalqabe;

2dheerinni mana woyyuu Rabbii ka Solomoon Rabbii ijaare ciqilee jahaatama; dalgi ciqilee diddama, hojjaan isaa ciqilee soddoma.

3Mana woyyuu afoo hulee hara itti baafatantu jira; dheerinni baya balbalaa akkuma dalga mana woyyu'uu ciqilee diddama; dalgeen isaa mana woyyuu irraa ka'ee ciqilee kudhan.

4Gamoon mana woyyu'uu gara keessaatiin badha'a; duubaan foddaa dhidhipha'atu jira.

5Gamoo mana woyyu'uu dhiyeessee woyyitti'ii fi naannaya woyyittii woyyootaa dachaa godhee keessatti gola ijaare.

6Badhinni mana jalaa dalgi isaa ciqilee shan; kutaan wodhakka'aa dalgi isaa jaha; kutaan sadeesso'oo garuu dalgi ciqilee torba; gaariin fardaa akka dallawa mana woyyu'uu hin seenne dallawa mana woyyu'uutiin alatti hulee isaan hara itti baafatan qopheesseef.

7Dhagaan manni woyyuun ittiin ijaarame hulema dhagaa san baasan sanitti bocanii midhaassan; kanaafuu hennaa manni woyyuun ijaaramu laagaan sibiila dhaga'aan baqassanii, ka dhaga'aan bocanii fi laagaan sibiila biraa hin dhagayamu.

8Balballi kutaa mana jalaa mana woyyuu mirga irraan jira; achiillee gara kutaa wodhakka'aatii gara sadeesso'oo dabarsa.

9Kanaan maayessa Solomoon mana ijaaree fixee loosaa birbirsaatii fi cufana'aan cufe.

10Naannaya mana woyyu'uutitti kutaa ciqilee shan shanii muka birbirsaatiin itti maxxansee ijaare.

11Rabbi Solomooniin akkana jedhe;

12«Yoo ati seera kiyyaa fi ajaja kiyya eedde, waadaa abbaa kee Daawitii gale sii raawwadha.

13Mana woyyuu ka ati ijaarte kana keessatti si'ii fi banii kiyya Israa'eliin jidduu jiraadha; sirima isaan irraa hin fagaadhu.»

14Akka kanaan Solomoon mana woyyuu ijaaree fixe.

Akkaataa Keessi Mana Woyyu'uu Itti Ijaarame(Sen. 2ffaa 3:8-14)

15Ijaarsa mana woyyu'uu gara keessaatiin lafa irraa haga ginnoo manaa cufanaa muka birbirsa Libaanosii irraa hojjatameen ijaare; baqassaan lafatti afame ka muka Libaanosii irraa hojjatame.

16Kutaa gara keessaa mana woyyittii woyyootaa jedhamu mana woyyuu duuba irraan diqqoo keessa seenee ciqilee diddama ijaaree muka birbirsaatiin golge.

23Hulee woyyittii woyyootaatii fi Kiruubeelii lamaa ka ciqilee kudhanii hojjate.

24Koolli Kiruubii tokkoo ciqilee shan; koolli Kiruubii lammeesso'oollee ciqilee shan; dheerinni qaccee koola Kiruubii duraatii jalqabee haga qaccee koola Kiruubii lammeesso'oo ciqilee kudhan.

25Kiruubiin lammeesso'oo ciqilee kudhan; bony'i Kiruubii duraatii fi ka lammeesso'oo wol fakkaata.

26Hojjaan Kiruubii tokkoo ciqilee kudhan; ka lammeesso'oollee ciqilee kudhan.

27Kiruubeelii lachuu mana keessa kaaye; koolli Kiruubeelii lamaaniituu badhatee koolli Kiruubii tokkoo gama tokkoon ijaarsa manaa tuqa; koolli Kiruubii lammeesso'oollee diriiree gama kaaniin ijaarsa manaa tuqa; koolli lamaaniituu mana keessatti wol tuqa.

28Kiruubeelii lachuu worqii itti maxxanse.

29Mana keessaaf waan fakii abaabo'ootiif muka meexxi'ii irratti kaase.

30Lafa mana keessaatii fi ka alaa worqii itti maxxanse.

31Balbala seensa woyyittii woyyootaa ejersa irraa hojjatee kortoo, qasatoo, ginnoo roga shaniin hojjate.

32Balbala lamaanuu muka ejersaa irraa hojjate, Kiruubeelii fi muka meexxi'ii fakii abaaboo dhooyee isaan irratti kaasee worqii itti maxxanse.

33Akkasuma balbala seensaa qasatoo roga afurii ka muka ejersaa irraa hojjatame itti godhe.

34Balbala lamaanuu muka hindheessaa irraa hojjate; balballi tokko cufanaa tokkocha ka gara lachiinuu banamu itti godhe; balbala lammeesso'oollee akkasuma godhe;

35Isaan irratti Kiruubeelii fi fakii muka meexxi'ii, abaaboo dhooyee irratti kaasee worqii itti maxxanse.

36Mana woyyuu afo'otti hulee itti gad bayan takka hojjate.

37Manni woyyuun Rabbii woggaa arfeesso'oo ji'a Ziif jedhamu keessatti ijaarame.

38Solomoon mooyee woggaa kudha tokkeesso'oo ji'a saddeetesso'oo ka Buul jedhamu keessa manni woyyuun Rabbii akkuma karoorfametti woggaa torbatti ijaaramee dhumate.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help