1Guyyaa tokko Saamsoon gara qachaa Gaaza'aa dhaqe; qachaa sanitti dubartii seebartuu takka argee gara isi'ii seene;
2namoonni Gaaza'aa akka Saamsoon gara qachatti'ii seene dhagayanii qachattii marsanii halkan guutuu marsanii riphanii «Ganama yoo lafti bariite hin ajjeefna» jedhanii dhokatanii eega'aa bulan.
3Saamsoon haga halkan wodhakka'aa rafee ka'ee balbala qachatti'ii gamaa fi gamana qabatee loosama balbala cufaniin woliin balbala buqqisee gurmu'utti baatee gaara Keebroonii gubbaa baasee gate.
Saamsoonii fi Daliilaa4Kanaan maayessa Saamsoon intala takka ta Daliilaa jedhamtu ta dhooqa Sooreeqii keessa jiraattu jaalate.
5Worri jajjabaan baallii qaban ka worra Filisxeemii isii bira dhaqanii, «Isa sobii, hunni guddaan isa irra jiru kun maal akka ta'e, nullee isa mooyannee akka isa hidhuu dandeennu hunni isaa guddaan maal akka ta'e beeki, yoo san nu marti keennaa nama tokko tokkoon saqilii kuma tokkoo fi dhibba tokko, kuma tokkoo fi dhibba tokko sii kenninaa» isi'iin jedhan.
6Kanaaf Daliilaan Saamsooniin, «Hunni kee guddaan maal akka ta'e, akka ati yoo hidhamte itti dadhabdu yabo'oo natti himi» jetteen.
7Saamsoonillee, «Fe'umaa jiidhaa torbaan yoo na hidhan dadhabee akka namoota kaawwanii ta'a» isi'iin jedhe.
8Kanaan maayessa worri baallii qaban fe'umaa torbaa jiidhaa hin gonne fidaniif isiin fe'umaa saniin isa hiite.
9Hennaa san gola isi'ii keessatti namoonni dhokataniiran; isiin Saamsooniin, «Saamsoon! worri Filisxeemii sitti dhufan» jetteen; innillee fe'umaa san akkuma hennaa jirbii ibiddi tuqe ta'uutitti kukkute, hunni isaa maal akka ta'e hin beekkamne.
10Daliilaan Saamsooniin, «Na sobde, wonti ati natti himte soba; wonti ati hidhamtuun maal akka ta'e yabo'oo natti himi» jetteen.
11Innillee, «Haada haarawa ittiin hin hojjanneen yoo na hidhan, dadhabee akka namoota kaawwanii ta'a» isi'iin jedhe.
12Daliilaan haada san fuutee isaan hiite; hennaa san gola isi'ii keessa namoota dhokatantu jira; isiin Saamsooniin, «Saamsoon! worri Filisxeemii sitti dhufan» jetteen; inni haada san akkuma jirbi'iititti kukkute.
13Daliilaan Saamsooniin «Ati haga ammaa na sobde, wonti natti himte maruu soba, wonti ati hidhamtuun maal akka ta'e yabo'oo natti himi» jetteen.
Innillee, «Rifeensa mataa kiyyaa kukkubbitee xiribba'aan yoo lafatti gad na dhoofte ani hin dadhaba, akkuma namoota kaawwanii ta'a» jedheen.
14Achiin maayessa haga Saamsoon rafe Daliilaan rifeensa isaa dhaddoo torbaa margaan wolitti miseensitee xiribba'aan lafaan wolitti hodhitee, «Saamsoon! worri Filisxeemii sitti dhufan!» jetteen; inni hirribaa dammaqee xiribbaa san rifeensa ufiitii fi waan rifeensi isaa itti miseensamellee buqqise.
15Isiin, «Si jaaladha! maaf naan jetta? garaan kee na woliin hin jiru; ati amma harka sadihi na sobde, hunni kee guddaan maal akka ta'e natti hin himne» jetteen.
16Guyya guyya'aan dubbi'iin woraana'aa haga inni du'a dharra'utti isa rakkifte;
17inni, «Hennaa dhaladhe irraa jalqabee ani nama Rabbiif fooyame waan ta'eef mataa na haadanii hin beekan; yoo mataa na haadan, hunni kiyya na irraa deema ani dadhabee akka namoota kaawwanii ta'a» jedhee waan garaa ufii maraa isi'itti hime.
18Daliilaan akka inni waan garaa ufii mara isi'itti hime haga argite, «Waan garaa ufii maraa waan natti himeef koottaa jettee bulchoota worra Filisxeemiititti ergitee waamte; bulchoonni worra Filisxeemiillee saqilii isi'ii kennu'uuf waadaa galan san qabatanii dhufan.
19Daliilaan gudeeda ufii irra isa ciibsitee nama tokko ufitti waamtee inni kukkubbaa torban isaa san irraa haade; hunni isaa waan isa irraa deemeef isiin isa salphisuu jalqabde.
20Achiin maayessa isiin Saamsooniin, «Worri Filisxeemii sitti dhufan» jetteen; innillee hirribaa ka'ee akkuma duraanii godha jedhe; garuu Rabbi akka isa irraa fooyame hin beenne.
21Worri Filisxeemii isa qabanii ija isaa keessaa baasanii gara qachaa Gaaza'aa isa fidanii haada sibiilaatiin isa hidhan; akkuma hidhame sanitti midhaan daassisiisaniin.
22Mataa isaa haga isa irraa haadaniin maayessa mataan isaa guddachuu jalqabe.
Akkaataa Saamsoon Itti Du'e23Worri baallii qaban ka worra Filisxeemii, «Waandhi keenna diina keenna Saamsooniin dabarsee nuu kenne» jedha'aa waaqa isaanii daagoonii ciincaa guddaa ciinceessu'uu fi guddisanii gammadu'uuf wol gayan;
24baniin maruu haga isa argan, «Nama biyya keenna balleesse, namoota baay'ee ka nu keessaa ajjeese diina keenna waandhi keenna nu jala oolche» jedha'aa waaqa ufii galatoonfatan.
25Isaan guddisanii haga gammadaniin maayessa, «Saamsoon nu afo'otti haa sirbuu isa as waamaa'a» jedhan; Saamsooniin mana isa itti hidhanii waamanii inni isaan afo'otti sirbe; itti balda'aa, utubaa lamaan jidduu isa dhaabsisan.
26Saamsoon mucaa harka isaa qabee isa masakkuun, «Yabo'oo utubaa mana utubee qabeeru na qabachiisi; ani itti irkadhee dhaabadhaa» jedheen.
27Mana san keessa dhiiraa fi dubartii baay'e'etu jira ture; worri baallii qaban ka worra Filisxeemiillee achi jiran; Saamsoon hennaa mana manaan gubba'aatitti taphatu namoonni argan dhiiraa fi dubartii haga kuma sadihiiti.
28Kanaan maayessa Saamsoon, «Rabbii jiraataa'a! waan ija tiyya lamaaniitiif worra Filisxeemii akka haluu bawu yabo'oo na yaadadhu, Waandhana, ani akka waan kana godhu hunna kee naa kennii na jabeessi!» jedhee Rabbiin kadhate.
29Kanaaf Saamsoon utubaa lamaan mana utubanii qaban hiixatee tokko harka mirgaatiin, tokko garuu harka bita'aatiin qabatee isaanitti dhiyaate.
30Saamsoon, «Ani worra Filisxeemii woliin du'a!» jedhee gad jedhee utubaa hunna ufii maraan dhiibee, manni worra baallii qaban ka mana keessa jiran maraa fi banii maraa irratti jige; worri inni hennaa ufii du'a'aaru ajjeese, ka hennaa uduu lubbu'uun jiru ajjeese caala.
31Obboloowwan isaa, maatiin worra abbaa isaa maruu dhaqanii reeffa fudhatanii awwaala Maanuhee abbaa isaa ka Tsoor'a'aa fi Eeshtaa'oliin wodhakkaa jiru biratti awwaalan; Saamsoon worra Israa'elii woggaa diddama bulche.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.