1Daawiti guyyaa Saa'olii fi diintota isaa jalaa Rabbi isa hambise faaruu kana Rabbii faarfate.
2akkana jedhe,
Rabbi hunna kiyyaa fi dawoo kiyya.
3Rabbi Tissee kiyya waan ta'eef isa abdadha;
Rabbi wontee kiyyaa fi gargaaraa kiyya;
irkoo kiyyaa fi hulee ani itti dhokadhu;
fayyisaa kiyya;
ati hammeenna jalaa na oolchita.
4Rabbii galanni barbaachisuuf waamadha;
Inni diintota kiyya jalaa na oolcha.
5Ciniinsuun du'aa na qabe,
lolaan dharaallee na sodaachise;
6Ibiddi asaabaa na marsee;
Siiboo du'aallee natti ijaaran;
7Hennaa rakkadhe Rabbiin waamadhe;
Akka na gargaaruuf Waaqa kiyyallee kadhadhe;
Innillee mana woyyuu ufii keessa taa'ee laagaa kiyya dhagaye;
iyya kiyyallee naa dhagaye;
8Lafti sochootee raafamte,
utubaan Sami'iillee hin socho'e,
Rabbi waan loleef sodaatanii hollatan.
9Lola inni loleen aarri lolaa isa keessaa baye,
afaan isaa keessaa barbadaa ibiddaa ka nama gubutu baya;
woramaxatu isa irraa ife.
10Samiiwwan baqassee gad bu'e,
Luka isaa jala dukkanatu jira.
11Maleekkaa Kiruubeel jedhamuun bararee
qilleensa keessa ol lixe.
12Huleen inni itti dhokate dukkana,
duumessi jimiin isa marse,
duumessa keessa jiru bisaan godhe.
13Sababaa ifa isa afoo jiruutiin gubatan.
14Rabbi samiiwwan irraa gigisse,
Rabbiin jiraataan jecha ufii kenne.
15Rabbi eboo ufiitiin darbatee isaan bittinneesse;
bakakkaa ergee,
isaan raase,
16Lola Rabbiitiin
Hafuura ibiddaa ka afaan isaatii bawuun galaanni yaa'u mudhate,
bu'uurran adunya'aallee hin mudhatan.
17Rabbi hiixatee harka na qabe,
Qilee galaanaa keessaallee butee na baase.
18Diintota kiyya ka jabaatan jalaa na baase,
worra na jibban jalaa na hambise,
waan natti jabaatanii turaniif.
19Hennaa ani rakkadhe natti ka'an;
Rabbi garuu irkoo naa ta'e.
20Waan na jaalateef na fayyise,
Gara raasaa badha'aa na baase.
21Rabbi akka qajeellummaa kiyya laalee naa kaffala,
akka qulqullummaa harka kiyyaatitti naa deebisa.
22Ani seera Rabbii eegeera,
Waaqa kiyya hin dhibne.
23Ani seera Rabbii maraa hin raawwadha;
Seera Rabbii kabajjuu hin dhiifne.
24Ani isa afo'otti qajeelaa ture;
cubbuu irraa uf eege.
25Rabbi akka qajeellummaa kiyyaa,
akka qulqullummaa harka kiyyaatitti gatii naa deebise
26Yaa Rabbii kiyya! Nama arja'aaf hin arjoomta,
Nama qajeela'aaf ati qajeela'a.
27Nama qulqullu'uuf ati qulqullu'u.
Nama hama'aaf ammo gatii hammeenna isaa kennitaaf.
28Ati banii miidhame hin fayyifta,
Worra uf tuulan garuu hin salphifta.
29Rabbii kiyya! Ati ifa kiyya,
Rabbi dukkana kiyya hin ibsa.
30Hunna keetiin diintota kiyya injifadha,
Ati Waandhi kiyya akka dallawa utaalu na taasifta.
31Karaan Rabbii qulqullu'u,
Dubbiin isaa adda,
Worra isa amanatan maraaf inni wonte'e.
32Rabbiin malee Waandhi eennu?
Waaqa keenna malee ka dawoo namaa ta'u eennu?
33Ka hunna naa kennu,
ka karaa naa qajeelchu Rabbi.
34Luka kiyya akka luka kuruphe'eetitti jabeessa
Rabbitu gaara irra na dhaaba.
35Harka kiyya lolaaf leenjisa;
harka kiyya akka buundhee lolaa harkisuu danda'utti jabeessa.
36Ati wontee fayyinnaa kee naa kennite,
Hunni kee na jabeessa.
37Deemsa kiyya hin midhaassite,
Lutti kiyyallee hin mucucaanne.
38Diintota kiyya ari'ee balleessa,
Uduu isaan hin balleessine uf irra hin deebi'u.
39Akka lafaa hin kaanetti isaan dhaya;
isaanillee na jalatti kufan.
40lolaaf hunna naa kennita,
worra na caalan na jalatti gad deebifta.
41Akka diintonni kiyya dheessanii duubatti dacha'an goote;
worra na jibban maraa hin balleessite.
42Isaan hin iyyan,
ka isaan gargaaru hin argamne,
Rabbitti iyyatanii,
Rabbillee isaan hin dhageenne.
43Akka daara'aatitti isaan bulleesse
Akka duduba karaa keessaatitti isaan dhiite
44Mormii bani'ii jalaa na hambifte
worra Yihuudota hin taane irratti na muudde
baniin ani hin beenne na jalatti bula
45Waaqoleen tolfamaan naa sagadan,
Gurra kiyya dhagayanii na jalatti bulan
46Worri waaqa tolfamaa waaqeffatan hin badan;
hulee itti dhokatanii dafanii hollata'aa dhufan.
47Rabbi jiraata'a,
tissee kiyya eebbifama'a.
Waandhi tisseen kiyya ka na fayyise haa kabajjamu
48Waandhi haluu naa baasu
worra Yihuudota hin taane ka na jalatti bulchu
49Diintota kiyya jalaa ka na oolchu isa
worra naa ol ta'an irra na aansita,
nama hamaa jalaallee na oolchita.
50Gooftaa kiyya! Kanaafuu banii jiddu'utti si galatoonfadha,
maqaa keetiifillee hin faarfadha.
51Mootii ufii moosisee mootee kennaaf;
ka ufii muude jaalala bara baraa itti mudhisa;
Daawitii fi fiixaa isaatiif baraa haga bara baraa kana godha.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.