1Hennaa gosa maraafuu gayee qoodan qoonni tokko ka Rabbii ta'a; dheerinni lafa sanii ciqilee kuma diddamii shaniiti; dalgi isaa ciqilee kuma diddama; naannoon isaa maruu ka woyyoome ta'a.
2Naannoo kana keessaa dheerinni roga maratuu ciqilee dhibba shanii ta'ee huleen tokko ka roga afurii qabu mana woyyu'uutiif ramadama; badhinni naannaya lafa kanaa hulee duwwaa ciqilee shantamaa qabu qabaata.
3Naannoon Rabbiif kalame dheerinna ciqilee kuma diddamii shanii, dalga ciqilee kuma kudhaniititu laakkayama; inni hulee kaawwan maraa caalaa filatame ka manni woyyuun itti ijaaramu ta'a.
4Kun lafa maraa keessaa kutaa woyyoome ta'ee lafa gadoota mana Rabbii keessatti isa tajaajilaniif ka kenname; huleen kun hulee worri gadootaa keessa jiraatanii fi ka manni woyyuun itti ijaaramu ta'a.
5Lafti hafe gariin ka dheerinni isaa ciqilee kuma diddamii shanii, ka dalgi isaa ciqilee kuma kudhanii ta'e ammo gayee worra leewwotaa ka mana woyyuu keessatti tajaajila gara garaa tajaajilaniif kennama; qachoonni isaan keessa jiraatanillee achumatti ijaaraman.
6Lafti hulee woyyoometti aanee jiru ka dheerinni isaa ciqilee kuma diddamii shaniitii fi ka dalgi isaa ciqilee kuma shanii qachoota gosa Israa'elii itti ijaaru'uuf itti kalama.
Qooda Ilma Mooti'ii Ka Hennaa Ristii Qoodanii7Qoonni bulchaa biyyatti'ii hulee woyyu'uu fi kaloo qachatti'iitti aanee gara lamaaniinuu jechuun gara dhiya adu'uutiin haga daangaa biyyatti'ii gaya; gara baya biiftu'uutiin lafa haga daangaa biyyatti'ii gawu kalan; dheerinni isaa gayee gosa tokkoo qoodan gaya.
8Naannoon kun ilma mooti'ii ka bulchaa Israa'elii ta'uu kennama; achiin maayessa bulchoonni maruu banii miidhuu isaan hin barbaachisu; lafa biyyattii keessatti hafe maraa ammo gosa Israa'eliitii dhiisuu isaan barbaachisa.
Seera Ilmi Mooti'ii Ittiin Bulchu9Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Isin bulchoota Israa'elii! hennaa hedduuf cubbuu hojjata'aa jiraattaniirtan; amma ammo dhiibba'aa fi nama hucuucuu dhiisaa'a! waan qajeela'aa fi waan dhuga'aa hojjadhaa'a! akka baniin kiyya ammallee lafa irraa buqqa'anii baqatan hin godhinaa'a! ka waan kana isinitti himu ana Rabbii maraa oliiti.
10Namni maruu madaalaa fi waan ittiin bikku ka dhuga'aa, akkasuma waan ittiin safaru ka wol qixaa haa qabaatuu.
11Ka meeshaa ittiin waa safaran maraa bikku goomoorii haa ta'uu; iifiin waan goga'aan bikkanii fi baatiin waan dhangala'uun bikkan maruu wol qixa ta'uu barbaachisa; akkaataa kanaan goomooriin tokko ganaa kudhanii fi waan dhangala'aan bikkan kudhan woliin wol qixa ta'a.
12«Wonti isaan bikkan
Geeraan diddamaa giraama tokko haa ta'uu
giraamiin jahaatamaa saqilii minaanii tokko haa ta'uu.
13Qamadiin goomoorii ka isin ciinca'aaf dhiyeessitan ganaa jahaa keessaa ganaa tokko garbuu goomoorii maraa ganaa jahaa keessaa ganaa tokko.
14Dhadhaa keessaallee dhadhaa meeshaa qoroos jedhamu maraa keessaa waan dhangala'uun bikkan kudhan keessaa tokko qoroos tokko, goomoorii tokkoo fi baatii kudhanii jechu'u.
15Akkasuma tika hoolota worra Israa'elii hoolota dhibba lamaa keessaa ka waan kanaaf ramadame hoolaa tokko; kun ka ciincaa dhiifamsa cubbuu isaaniitiif ka kennaa midhaanii woliin ciincawuu fi ka ciincaa fayyinnaa ta'ee dhiyaatu; ani Rabbiin maraa olii waan kana dubbadheera.
16Baniin biyyattii keessa jiraatan maruu waan kana maraa nama Israa'eliin bulchutti kennan.
17Ciincaa ciincawu, kennaa midhaaniitii fi kennaa waan dhuganii, aayyana jalqaba ji'aa, sambattan, ayyaannan banii Israa'elii keessatti ayyaanteffamuuf waan barbaachisu maraa qopheessuun gayee bulcha'aati; akka dhiifamsa cubbu'uu banii Israa'eliitiif ta'u ciincaa waan cubbu'uutiif dhiyaatu, kennaa midhaanii, ciincaa ciincawuu fi kennaa waan fayyumma'aa qopheessuu isaan barbaachisa.
Akkaataa Ayyaannan Itti Ayyaanteffatan(Ser. Ba'u. 12:1-22; Ser. Lew. 23:33-43)18Rabbiin maraa olii akkana jedhe, «Jiini jalqabaa seenee guyyaa duraatitti jibicha tokko ka mudaa hin qabne ciincessu'uun mana woyyuu qulqulleessita.
19Gadichi dhiiga diqqoo waan ciincaa cubbu'uutiif ciincaye kana fuudhee qasatoowwan mana woyyu'uu, kortoo hulee ciinca'aa, roga arfanii fi qasatoowwan balballan dallawaa ka gara bayima itti bayan ka keessaa diba.
20Cubbuu namni kamuu uduu hin yaannee fi uduu hin beenne hojjate maraafuu guyyaa torbeesso'ootitti akkasuma goota; akkaataa kanaan akka manni woyyuun woyyoomu goota.
21Jiini jalqabaa seenee guyyaa kudha arfeesso'ootitti ayyaanteffattan; hennaa ayyaana kana ayyaanteffattan haga guyyaa torbaa xoroshoo raacitii hin qabne nyaattan.
22Guyyaa ayyaanaa ilmi mooti'ii ka baallii qabu waan dhiifamsa cubbuu ufiitii fi ka bani'iitiif korma qopheessa.
23Guyyaa ayyaanaa torban ayyaanni itti ayyaanteffatamu maraafuu korommii torbaa ka mudaa hin qabnee fi korbeeyyii hoolotaa torba ka ciincaa Rabbiitiif dhiyeessan qopheessa; korbeessa re'e'ee tokko ka kanniin woliin dhiifamsa cubbu'uutiif ciincaa ta'u qopheessa.
24Hennaa kormi maraa fi korbeeyyiin ciincayan midhaan hammaaranii ganaa tokko tokkootii fi sayitii ejersaa liitirii sadihi sadihiititu kanniin maraa woliin dhiyaata.
25Ayyaana daasee keessatti ayyaanteffatan ka jiini torbeesso'oo seenee guyyaa kudha shaneesso'ootitti ayyaanteffamuuf ilmi mootii ejersaa guyyaa torbanittuu ciincaa ciincawuu fi ciincaa waan cubbu'uutiif dhiyaatu kama wol fakkaatu qopheessa; ciincaan midhaaniitii fi ka sayitii ejersaa akkaatama tokkoon dhiyaata.»
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.