1 Efe. 5:22; Qol. 3:18; Tit. 2:5 Akkasuma isinillee haawwota manaa! Abboota manaa keessanii ajajamaa'a; akka kanaan gariin worra hin amannee fi worra dubbii Rabbiitii hin ajajame yoo ta'anillee sababaa jireenna haadha manaa ufiitiin booji'amanii dubbii Rabbiitii ajajamuu danda'anii.
2Isaanillee qulqullinnaa fi sodaa jireenna keessan keessatti Rabbiif qabdan arganii akkasuma godhan.
3Xim. 1ffaa 2:9 Bareenni keessan waan gubbanaan mudhatu, mataa dhayachu'uun, worqii godhachu'uu fi uffata babbareedaa uffachu'uun hin ta'in.
4Haa ta'uu ammo Rabbiin afo'otti ka gatii guddaa qabu Ayyaana gara laafessaa fi lashii qabu ka hennaa maraa hin banne sun, namummaa keessan ka keessaa haa ta'uu.
5Dubartoonni woyyuun durii worri Rabbiin abdatan sun akkasuma abbaa manaa isaaniitii ajajamu'uun waan badhaafamaniiraniif.
6Akkasuma Saaraan Abrahaamiin, «Gooftaa kiyya» jettee waama'aa isaa ajajamte; isinillee ammo waan nama naasisu tokko uduu hin sodaanne waan mishaa yoo gootan ijoollee isi'iiti.
7 Efe. 5:25; Qol. 3:19 Akkasuma isinillee Abboonni manaa! Uumama dadhabaa waan ta'aaniif haadha manaa teessanii beeka'aafii woliin jiraadhaa'a. Rabbiin kadhachuun keessan akka isin jalaa hin qabamne akkasuma akka worra jireenna Ayyaanaa dhaaluutitti isaan kabajjaa'a.
Waan Mishaa Hujju'uuf Rakkachuu'u8 Filph. 2:2-3 Waa maraanuu isin martinuu yaadaan tokko ta'aa'a. Rakkoon nama biraa akka waan keessan ta'eetitti laakkayaa'a. Akka obboleewwaniititti wol jaaladhaa'a, gara laafeyyi'ii fi kasoo ta'aa'a.
92:23; Mat. 5:44; Tas. 1ffaa 5:15; Rom. 12:14,17 Hamaa hama'aan yookaan nama isin arrabse arrabaan hin deebisinaa'a; bikka san isaan eebbisaa'a; eebba dhaalu'uuf waan waamamtaniirtaniif.
10Far. 34:12-16; Yaq. 1:26 Akkuma Kitaabni Woyyuun jedhu,
«Namni jireenna barbaaduu fi
ka bara mishaa arguu fedhu,
arraba ufii hamtuu dubbachuu irraa,
hidhii ufiitiin dhara dubbachuu irraa uf haa eeguu.
11Inni hamaa irraa haa fagaatuu;
waan mishaa haa hojjatuu,
soqatee faanaa haa deemu,
12Ijji Goofta'aa gara worra qajeellotaa laalti;
gurri isaallee kadhaa isaanii waan dhagayuuf;
fuulli isaa ka aari'ii, gara worra waan hamaa hojjatuuti.»
13Waan mishaa godhu'uuf yoo hinaaftan, ka isin rakkisu eennu?
142:20; Mat. 5:10; Isa. 8:12-13 Haa ta'uu ammo waan mishaa hojjata'aa yoo rakkoon isin irra gaye isin eebbifamtoota sodaachisaa isaanii hin sodaatinaa'a; hin raafaminalle'e.
15Haa ta'uu ammo Gooftaa keessan Kiristoosiin onnee keessan keessatti woyyoomsaa'a. Waan abdii keessanii worra isin gaafatu maraafuu deebii kennu'uuf hennaa maraa qophaayaa'a. Haa ta'uu ammo gara laafumma'aa fi soda'aan haa ta'u.
16Jireenna keessan mishaa isin Yesuus Kiristoosiin keessaan qabdan akka waan isin waan hamaa gootaniititti namoonni isin hamatan akka saalfatan isin yaada mishaa qabaadhaa'a.
17Fedhiin Rabbii eega akkana ta'e, hamaa hojjachu'uun rakkachu'uu mannaa mishaa gootanii rakkachuu woyya.
182:21-24; Rom. 6:10 Kiristoos akkasuma gara Rabbii nu dhiyeessu'uuf jedhe, inni qajeela'a; haa ta'uu ammo nu worra qajeellummaa hin qabneef sababa cubbuu keennaatiif du'eera. Ayyaanaan ammo jiraataa ta'e.
19Inni Ayyaanuma saniin deemee lubbuu mana hidha'aa keessa jiranitti Dubbii Nagayaa hime.
20Ser. Uma. 6:1-22; 7:1-24; Phex. 2ffaa 2:5 Namoonni hagoon sun lubbuu nama saddeetii badii bisaanii ka hennaa Noohi markaba qopheesse badii jalaa bayan. Hennaa obsa Rabbii ka bara Noohii san kuuwwan ammo hin ajajamne.
21Ibr. 10:22; Efe. 5:26 Bisaan kun fakkeenna cuupha'aa ta'ee amma nu fayyisa. Cuuphaan kunillee cuuphaa xurii nafaa dhiqachu'uu uduu hin taane waadaa namni yaada qulqullu'uun Rabbiin kadhatu. Kunillee du'aa ka'iinsa Yesuus Kiristoosiiti.
22Efe. 1:20-21 Kiristoos amma gara sami'ii ol bayee mirga Aabba'aa taa'eera. Maleekkonni worri baallii qabaniif hunna qabeeyyiin martinuu baallii isaa jala jiran.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.