1 10:1; His. 43:2 Kanaan maayii Maleekkaa biraa ka baallii guddaa qabu hennaa sami'ii bu'u arge. Sababaa ulfinna isaatiin lafti ifte.
2 14:8; Isa. 21:9; 34:11-15; 13:21; Erm. 50:39; 51:8 Laagaa gudda'aan,
«Baabilooniin guddittiin kufte! kufte!
hulee jinniin jiraatu taate; hulee ayyaanni batti'ii marti
itti irkatan ayyaanoonni hamaanii fi
ka simbirroonni jibbaman maruu
itti irkatan taate.
3 Isa. 23:17; Erm. 51:7 Worri Yihuudii hin taane maruu daadhii woyini'ii, sababaa
seebaruu isi'iitiif kufaniiran
mootonni biyya lafaa isii woliin seebaran;
daldaltoonni biyya lafaa sababaa hunna qananii isi'iitiin,
dureeyyii ta'an» jedhee iyye.
4 Isa. 48:20; Erm. 50:8; 51:6,45; Qor. 2ffaa 6:17 Sami'ii laagaa biraa ka akkana jedhu dhagaye;
Banii kiyya!
Cubbuu isi'iitiin wolii gala'aa,
balaa isi'ii akka hin fudhanne,
isii keessaa bayaa'a!
5 Ser. Uma. 18:20-21; Erm. 51:9 Cubbuun isi'ii haga sami'ii waan gayeef,
Rabbi hammeenna isi'ii yaade.
6 Far. 137:8; Erm. 50:15,29 Haguma isiin kenniteen gatii isi'ii deebisaaf,
Akkuma hujii isi'iitiin;
dachaa lamaa godha'aatii
mijuu isiin wolitti matte
dachaa lamaa godha'aatii bulbulaa'a!
7 Isa. 47:7-8 Haguma isiin uf kabajjitee fi haga uf boonsiteen
miidha'aa fi gadda isi'ii kennaa'a.
Onnee isi'ii keessatti, «Ani mootittii ta'ee jiraadha,
haadha hiyyeessaa hin ta'u,
horomaa hin gaddu» waan jetteef.
8Kanaafuu balaan hedduu,
duuti, gaddinii fi beelli,
guyyaa tokkoon isii irra gaya.
Waandhi Gooftaan isi'itti murteessu jabaa waan ta'eef,
ibiddaan gubatti.
9 17:2; His. 26:16-17 «Mootonni adunyaa tanaa ka isii woliin seebaranii fi isii woliin boonan, aara hennaa isiin gubattu aaru arganii waan isi'iitiif «banne! banne!» jedha'aa booyan.
10Ati Baabiloonii qachaa gudditti'ii jabduu si hobbaasi! murtiin kee sa'aatii tokko keessa waan si irra gayuuf» jedha'aa qaaqan.
11 His. 27:27-36 Fe'aa markaba isaanii ammaa achi namni bitu waan hin jirreef, daldaltoonni lafa irraa booya'aa gaddaniif.
12His. 27:12-24 Fe'aan sunillee worqi'ii fi birri'ii, dhagaa gatii gudda'aa, waan gatii gudda'aa, uffata fuutta'aa, diimaa dhiilgee, muka urgaayu maraa, mi'a ilkaan arbaa irraa hojjatame maraa, muka gatii gudda'aa sibiila diimaa, mi'a dhagaa adii irraa hojjatame mara,
13Qarafaa, urgooftuu, muka hurbu'uu, qumbii, hixaana, daadhii woyini'ii, dhadhaa ejersaa, daakuu qamadi'ii, loowwan, hoolota, faradoo, konkolaataa fardaa, garbootaa fi namoota biraallee.
14«Daraaraan ati dharraate si bira lufeera. Wonti si boonsuu fi ka si qandhafsiisu martuu si jalaa badeera; ammaa achi namoonnillee sirima isaan hin argatan»
15His. 27:31,36 Worri waan kanniin gurgura'aa durooman rakkinna isi'ii sodaatanii fagoo dhaabatan; isaan hin gaddan, hin booyan.
16Laagaa ufii ol qabatanii akkana jedhan, «Ta uffata talba'aa, diimaa dhiilgee uffattee, worqii, dhagaa gatii gudda'aatiin uf qandhafte, qachaa guddittii sanii hobbaasi! hobbaasi!»
17 Isa. 23:14; His. 27:26-30 Sun maruu sa'aatima tokko keessatti badan.
Worri markaba ajajan maruu
worri markabaan karaa deeman maruu,
worri markaba keessa hojjatan martinii fi
worri jireenna ufii galaana irratti hundeeffatan maruu,
fagoo dhaabatan.
18 His. 27:32 Hennaa isiin gubattu aara isi'ii arganii,
«Qachaan qachaa guddittii san fakkaatu eessa jira?»
jedha'aa iyyan.
19 His. 27:30-34 Daaraa uf irratti firfirsanii gaddanii booya'aa,
«Qachattii guddoo,
durummaa isi'iitiin worra galaana irraa,
markabaan dureeyyii gootee bille'e!, bille'e! sa'aatii tokkotti badde» jedha'aa iyyan.
20 12:12; Kes. Deb. 32:43; Erm. 51:48 «Samii'i! isi'itti gammadi;
woyyoota, ergamtoonninii fi raattonnillee gammadaa'a!
waan isiin isin irra geessiteef Rabbi waan isi'itti murteesseeruuf»
21 Erm. 51:63-64; His. 26:21 Maleekkaan jabaan tokko dhagaa guddaa haga baaburaa gawu ol fuudhee akkana jedhee,
gara galaanaa darbe;
«Qachaan Baabiloonii guddittiin akkanatti dhiibamtee kufti;
ammaa achi sirima hin argamtu.
22 Isa. 24:8; His. 26:13 Worri dibbee dhayanii fi laagaa faarfatu meeshaa laagaa adda addaa qabu;
laagaan finge'eetii fi xurumbaa afuufamu;
ammaa achi sirimaa si keessatti hin dhagayamu;
ogummaan harkaa marti, ogeessi tokkollee
ammaa achi si keessatti sirima hin argamu;
laagaan baaburaa,
ammaa achi si keessatti sirima hin dhagayamu;
23 Erm. 7:34; 25:10; Isa. 23:8 Ifti ibsa'aallee,
ammaa achi si keessatti sirima hin ifu;
Laagaan idaayya'aatii fi idaayyitti'ii
ammaa achi si keessatti sirima hin dhagayamu.
Daldaltoonni teellee'e,
bulchoota adunyaa tanaa waan ta'aniif,
asmaa keetiin worri Yihuudii hin taane maruu,
waan dogoggoraniiraniif.
24 17:6; Erm. 51:49; Mat. 23:35-37 Isii keessa dhiinni raattotaatii fi
woyyootaa,
dhiinni worra lafa irratti goorra'amee maruu,
isii keessatti argameera.»
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.