1Safaaxiyaan ilmi Maataanii, Gadaaliyaan ilmi Paashihuurii, Yoohakaal ilmi Shelemiya'aatii fi Paashihuur ilmi Malkiya'aa dubbii Rabbi natti dubbatee ani banii barsiise maraa dhagayan.
2Dubbiin ani dubbadhe kana; «Worri qachattii keessatti hafan maruu lola, beela yookaan bala'aan dhuman namni gara Baabiloonii dhaqee harka kennatu garuu hin du'u; inni lubbuu ufii oolfatu'uuf dheessee jalaa baya.»
3Dubbiin akka ani isaanitti himu deebi'ee Rabbi natti dubbate «Ani qachattii tana loltoota Baabilooniititti dabarsee kenna; isaan uf jala isii taasisan» jedha.
4Kanaan maayessa bulchoonni ajajoota loltootaa gara mootichaa dhaqanii akkana jedhaniin, «Namni kun du'uu barbaachisa inni dubbii akkanaa kana dubbata'aa akka loltoonni qachattii keessatti hafan waa hin uggine taasiseera; wonti inni qachattii keessatti namoota maraa irratti raawwatu kana; inni nama banii miidhu malee nama nama gargaaruu miti»
5Mootichi Sedeqiyaas, «Inni harka keessan jira waan barbaaddan yoo isa irratti gootan ani isin dhooggee hin danda'u» jedhee isaanii deebise.
6Kanaafuu isaan na qabanii boolla bisaanii ka Hilkiyaasii ilma mootichaa ka baya mana mootumma'aa afoo jiruu na fidanii haadaan na hidhanii boolla keessa na buusan; boolla keessa duduba malee bisaan hin jiru; achi keessatti dudubni na liqimse.
7Wonti kun maruu ta'ee namni Abemelek jedhamu namni Itoophiya'aa ka mana mootumma'aa keessa tajaajilu akka boolla keessatti na gatan dhagaye; hennaa san mootichi balbala dallawa Biiniyaamii bira yaa'ii murti'iitiif taa'eera.
8Kanaafuu Abemelek mooticha bira dhaqee akkana jedheen,
9«Mootii'i! namoonni kunniin balleessaa guddaa raawwataniiran; isaan Ermiyaasiin boollatti gatan; qachattii keessa waan wonti nyaatan hin jirreef inni achitti beelaan du'aara»
10Kanaan maayessa mootichi Abemelekii nama Itoophiya'aatiin «Nama soddomaa asii qabadhuu deemii Ermiyaas raattichi uduu hin duune boolla bisaanii keessaa baasaa'a» jedhee isa ajaje.
11Kanaaf Abemelek namoota qabatee deemee mana mootumma'aa hulee meeshaan keessa taa'u seenee carqii yabbu'uu fi uffata moofaa argee haadaan hidhee gad naa buuse.
12Akka haanni na hin miine akka carqii bobaa keessatti hidhadhu natti hime; anillee akkasuma godhe.
13Isaan haaduma saniin boolla keessaa harkisanii na baasanii kutaa worra balbala eeganii ka dallawa mana mootumma'aa keessatti argamu keessatti balbala natti cufan.
Sedeqiyaas Akka Ermiyaas Isa Gorsu Gaafate14Mootichi Sedeqiyaas nama natti ergee na waamee balbala mana woyyu'uu ka sadeesso'oo biratti «Ani gaafii tokko si gaafadhaa womaa uduu na hin dhossine akka natti himtu barbaada» naan jedhe.
15Anillee, «Yoo dhugaa sitti hime na ajjeeftuu? ani hennaa kamiinuu uduu si gorsee na dhagawuu hin barbaaddu» jedheen.
16Kanaaf mootichi Sedeqiyaas «Ani si hin ajjeesu; worra si ajjeesanittillee dabarsee akka si hin kennine maqaa Rabbii jiraataa jireenna nuu kenneetiin sii kakadha!» jedhee dhossa'aan waadaa naa gale.
17Kanaan maayessa waan Rabbi Gooftaan banii maraa Waandhi Israa'elii waan inni waan isaatiif naan jedhe maraa «Ati worra baallii qaban ka mootichi Baabiloonii ergetti yoo harka kennatte hin duutu; qachaan tunillee hin gubattu; atii fi maatiin kee maruu badii jalaa baatan.
18Yoo harka isaanitti kennachuu baatte garuu qachattiin tun worra Baabilooniititti dabarfamtee kennamti; isaanillee isii guban; atillee dheessitee jalaa bayuu hin dandeettu» jedhee isatti hime.
19Mootichi «Ani wonti sodaadhu namoota biyya keennaa ka nu gananii gara Baabiloonii galan yoo dabarsanii isaanitti na kennan isaan guddisanii na miidhan» jedhee naa deebise.
20Anillee akkana jedheen, «jabaadhu! isaanitti dabarsanii si hin kennanii; akka dubbii Rabbii dhageettu si kadhadha; waan misha'atu sii ta'a; badii jalaa baata.
21Yoo harka kennachuu didde garuu mudhata Rabbi natti mudhisetu jira.
22Kunillee dubartoonni mana mootummaa Yihuudotaa keessatti hafan maruu hennaa gara worra baallii qabanii ka Baabiloonii geessu'uuf fuudhanii deemaniin akkana siin jedhan,
‹Goshoonni tee ta dhiyo'oo si dogoggorsaniiran;
isaan si irratti mooyaniiran;
amma garuu waan lutti tee duduba keessa seenteertuuf si gatanii deemaniiran› siin jedhan» jedheen.
23Deebi'ee akkana jedheen, «Haawwota manaa teetii fi ijoollee tee maraa gara Baabiloonii fidan; sillee mootiin Baabiloonii qabee hidha; ati sirima isaan jalaa dheessitee hin baatu; qachattii tana ibiddaan gubanii ona taasisan.»
24Sedeqiyaasi akkana jedhee deebise, «Ati akka hin duune waan woliin dubbanne kana eennullee akka hin beenne.
25Worri baallii qaban waan woliin dubbanne kana yoo dhagayan dhufanii maal akka woliin dubbanne si gaafatan waan maraa yoo ati isaanitti himuu baatte si ajjeefna jedhanii si sodaachisan.
26Kanaafuu ‹akka ani achitti hin duune deebitee gara mana Yoonaata'aa na hin deebisin› jedhee isa kadhata'aa ture» jedhii isaanitti himi.
27Achiin maayessa worri baallii qaban dhufanii na gaafatan; anillee akkuma mootichi naan jedhe san isaanitti hime; anii fi mootichi hennaa woliin mari'annu eennullee waan hin dhageenneef gaafii gaafata'aaran dhaaban.
28Anillee haga hennaa Yerusaalem qabamteetitti kutaa worra balbala eeganii ka dallawa mana mootumma'aa keessa jiruu keessatti natti cufanii achuma ture.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.