Kitaaba Mootota ka 2ffaa 3 - Kitaaba Woyyuu

Lola Israa'elii Fi Moo'aabiin Jiddu'utti Taasifame

1Iyyoosaafixi biyya Yihuuda'aa irratti mooyee woggaa kudha saddeetesso'ootitti Iyyooraam ilmi Aki'aabii teessoo ufii Samaariyaa godhatee biyya Israa'elii irratti woggaa kudha lamaa mooye.

2inni cubbuu hojjatee Rabbiin gaddisiise; garuu akka abba'aa fi haadha isaa Eelzaabeelii nama badaa hin turre; waaqa tolfamaa ba'aal jedhamu ka abbaan isaa waaqeffatu'uuf hojjatee ture balleesse;

3kanallee ta'ee waaqeffannaa mooticha Iyyoorbi'aamii ilma Naabaaxii ka worra Israa'elii gara cubbu'uu masakke hordofe malee hin balleessine.

4Mootiin biyya Moo'aabii Moosaan hoolota horsiisa ture; inni rifeensa hoolaa kuma dhibba tokkootii fi ilmoolee hoolotaa kuma dhibba tokkoo mootii Israa'eliitii gabbara kenna'aa ture.

5Garuu haga mootichi Aki'aabi du'een maayessa mootiin biyya Moo'aabii Moosaan Israa'elitti ka'e.

6Hennaa san mootichi Iyyooraam Samaariyaa keessaa bayee banii Israa'elii lolaaf yaase.

7Inni gara Iyyoosaafixii mootii Yihuuda'aa, «Mootichi biyya Moo'aabii natti ka'eeraa na woliin lolaaf biyya Moo'aabii irratti baataa?» jedhee dhaamsa itti erge; innillee, «Ee hin baya; anii fi ati tokko; baniin kiyya banii keeti; faradoon tiyyallee faradoo teeti» jedhee deebiseef.

8Eeganaa «Lolu'uuf karaa kamiin deemna ree?» jedhee isa gaafate.

Mootichi Iyyooraam, «karaa lafa gammoojji'ii ka biyya Edoomiyaasiitiin deemna» jedhee deebiseef.

9Kanaaf mootichi Iyyooraam, mootonni Yihuuda'aatii fi ka Eedoomii duulaaf yaa'an; deemsa guyyaa torbaatiin maayessa bisaan isaan jalaa dhume; loltootaa fi horii fe'aatiifillee bisaan woyiituu hin turre.

10Mootichi Iyyooraam, «Rabbi nu mootota sadan mootii Moo'aabiitiif dabarsee nu kennu'uuf ta'aa nu hobbaasi!» jedhee iyye.

11Mootichi Iyyoosaafixi, «Raattichi karaa isaatiin Rabbiin waa gaafannu as hin jiruu?» jedhee gaafate.

Ajajoota loltoota Iyyooraamii keessaa namni tokko «Eelsaa'i ilmi Saafaaxii ka Eeliyaasiin gargaara'aa ture as jira» jedhee deebiseef.

12Mootichi Iyyoosaafixi, «Ee Rabbi karaa isaatiin hin dubbata» jedhe; kanaan maayessa mootonni sadiinuu gara Eelsaa'ii dhaqan.

13Eelsaa'i mooticha Iyyooraamiin, «Ani wonti si gargaaruuf maali'i? gara raattota abbeetiitii fi haatetii dhaqii isaan gaafadhu!» jedheen.

Mootichi Iyyooraamillee, «Akkasii mitii Rabbi nu sadiinuu akka mootiin Moo'aabii nu mooyatu taasisu'uuf nu waameera» jedhe.

14Eelsaa'illee, «Maqaa Rabbii jiraataa gooftaa banii maraatiin siin jedhaa uduu mootii biyya Yihuuda'aa Iyyoosaafixiin saalfachuu baadhee silaa waan tokkollee si hin godhu ture;

15Amma nama kiraara dhawu naa fidaa'a» jedhe;

namni kiraara dhawu kiraara dhoofnaan hunni Rabbii Eelsaa'iin irratti bu'ee akkana jedhe;

16«Rabbi akkana jedha, ‹Dhooqa goge kanniin maraa keessatti boolla bisaanii qotaa'a;

17uduu qilleensaa fi rooba woyiituu hin argin dhoondhi kun bisaaniin guuttama; isin, horiin keessanii fi horiin fe'a'aa keessan maruu bisaan dhuddan gayaa argattan›

18Kun Rabbiin biratti waan diqqa'a; kanaa olitti inni worra Moo'aabii akka mooyattan isin taasisa.

19Qachoota ijaaramte ta isaanii ta filatamte bareedduu dallawa qabdu mooyattanii qabattan; mukkiin isaanii ka daraaraa qabu maraa hin murtan; burqaawwan isaanii hin duuchitan; maasaa isaanii ka qonnaa ka lalise balleessitanii dhagaa itti tuultan.»

20Haga lafti bariitee hennaan ciincaa dhiyeessan gaye; burqaan bisaanii gara biyya Edoomiitii burqee lafa irra gara gale.

21Biyyi Moo'aabii maruu akka mootonni sadan isaaniin lolu'uuf dhufan haga dhagayan worri guraadee hidhatu maruu yaa'anii wol gayanii daangaa biyya ufii irra dhaabatan.

22Ganama subii hirribaa ka'anii hennaa laalan ifti adu'uu ka bisaan irraa dhiiga fakkaatee isaanitti mudhate;

23Kanaafuu isaan laagaa ufii ol qabatanii «Wonti kun dhiiga! loltoonni diintota teenna sadiinii ufumaa wol goorra'aa wol fixaniiranii! eeganaa deemnee qe'ee isaanii haa saamnuu!» woliin jedhan.

24Hennaa isaan qe'ee worra Israa'elii dhaqan worri Israa'elii ka'anii worra Moo'aabiitiin lolan; isaanillee isaan jalaa dheessan; worra Moo'aabiitiin lolanii biyya isaanii keessa seenan.

25Qachoota isaaniillee diiganii qonna isaanii irratti namni maruu dhagaa tokko tokko buusan; burqaa bisaanii maraa hin duuchan; muka daraaru maraa hin muran; qachattii guddoo Qirhaaresii callaa dhiisan; qachattii isaan dhiisan san worri dhagaa furaanfurrisaan darbatu marsanii dhayan.

26Mootiin biyya Moo'aabii akka lolli isatti hammaate haga arge namoota dhibba torbaa ka guraade'een lolan fudhatee isaan gara mootii Eedoomiyaasii ceeyuu yaalan; isaan garuu hin dandeenne.

27Kanaaf ilma isaa ka hangafaa ka bikka isaa mootii ta'u fuudhee kaloo irratti ciinca'aaf dhiyeesse; waan kana irratti worri Israa'elii guddisanii waan aaraniif qachattii san dhiisanii gara biyya ufii deebi'an.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help