Raajii Hose'ee 7 - Kitaaba Woyyuu

1«Ani banii kiyya Israa'eliin fayyisu'uu fi akka durooman hennaa godhuu barbaade yakki bani'iitii fi hammeenni Samaariya'aa ifa ta'ee mudhata; isaan soba wolitti dubbatan; mana cabsa'aa hatan; gare gare'een ta'anii kara'atti baya'aa saaman.

2Garuu akka ani hammeenna isaanii kana maraa qaabadhu sirima hin hubatan; sababaa kanaaf cubbuu ufiitiin marfamaniiran; hujiin hammeenna isaanii maruu ka na jalaa dhokatee miti.

Daba Mana Mootumma'aa Keessatti Hojjatame

3Rabbi akkana jedha, «Isaan mootii ufii hammeenna ufiitiin, worra jajjabaa sobaan gammachiisan.

4Isaan maruu hin seebaran; namni daabboo godhu haga dukkuussiin dukkuufame sun bukaawutti ibidda jala tuquun hin barbaachifne akka gaamsee oo'eeti.

5Worri jajjabaan guyyaa ayyaana mootii isaanii daadhii woyini'ii guddisanii dhuganii machaayanii dhibaman ka daabboo godhu namoota baldanitti mudhisu'uuf harka ufii kaase.

6Daba hojjachu'uuf garaan isaanii akka gaamse'ee oo'a; lolli isaanii halkan guutuu uduu aaru bula; yoo lafti bariitu ammo akka ibidda bobayuutitti mallisa.

7Isaan maruu akka gaamse'eetitti lolaan oo'anii bulchoota ufii fixan; mootota ufiillee kore kore'een fixan; hennaa wonti kun maruu ta'u isaan keessaa namni tokkollee ka gargaarsa na gaafate hin jiru» jedha.

Baniin Israa'elii Worra Yihuudota Hin Taanetti Makaman

8Rabbi akkana jedha, «Baniin Israa'elii worra Yihuudota hin taanetti makaman; isaan sababaa kanaaf akka xoroshoo gara hin gallee worra bu'aa hin qabne ta'aniiran.

9Worri ormaa hunna isaanii fixan; isaan ammo hin hubanne, arrii babbaasaniiran; isaan ammo hin hubanne.

10Banii Israa'elii dhaaduun isaaniituu isaanitti rageessa; kun maruu ta'ee isaan gara ana Waaqa isaanii hin deebine, sirimaa na hin sondhe.

11Baniin Israa'elii akka handari'ii gara laafeyyi'ii fi worra sammuu dhidhu'uu ta'aniiran; kanaafuu isaan gargaarsa argachu'uuf hennaa tokko gara biyya Misirii iyyatan; hennaa tokko gara mootii Asoorii fiigan.

12Hulee isaan itti naannayan marattuu siiboo kiyya diriirsee akka simbiraatitti isaan qaba; hujii hammeennaa ka isaan hojjataniifillee isaan adaba.

13Isaan waan na irraa fagaatanii deemaniif isaan hobbaas! isaan waan na dhibaniif badiin isaanitti haa dhuftu; ani isaan oolchuu barbaadee ture, isaan ammo na irratti soba dubbatan.

14Isaan siree ufii irra ciisanii iyyan malee gara'aan na hin kdhatan; isaan midhaanii fi daadhii woyini'ii argatu'uuf jedhanii nafa ufii cicciran; natti ka'an.

15Ka isaan leenjisee fi ka hunna isaanii jabeesse ana; isaan daba natti yaadan.

16Na irraa fagaatanii gara waaqeffannaa duwwa'aa deebi'an, akka buundhee waan itti bikkatan dhabee baduu ta'aniiran; bulchoonni isaanii sababaa waan hamaa dubbataniif guraade'een dhayamanii du'an; isaan worra biyya Misirii biratti worra kolfaa ta'an.»

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help