Kitaaba Weedduu Weedduu Caalu 4 - Kitaaba Woyyuu

Idaayyicha

1Jaalalloo tiyya! Ati attamitti bareedda!

attamitti namatti tolta!

ijji tee akka ija kuula

handari'iititti bareeda

rifeensi kee ka mata'aa

tika re'iinii ta gaara Gila'aadii irraa gad hurriftu fakkaata.

2Ilkaan kee akka hoolota hennaa rifeensi isaanii muramu nafti isaanii dhiqamee bisaan keessaa bayaniiti;

hoolonni tunniin maruu lakku lakkuu dhaluu malee isaan keessa maseenni tokkollee hin jiru.

3Hidhiin tee jirbii diimaa dhiilgee iddame fakkaata;

haasofni kee namatti tola;

boqoon tee lamaan

roomaanii bakka lamatti addaan dhooye fakkaatti;

shaashii ati haguuggatte keessaan mudhatti.

4Mormi kee goom'ee rarraasa'aa ka Daawitii

ka wonteen gugurdaan kumni tokko itti fannifamu

ka wonteen goototaa hundinuu itti rarraafaman fakkaata.

5Guntunni kee lachuu akka ilmoolee borofaa ta lakkuu dhalattee

abaaboo suufi'ii keessa dheedduu fakkaata.

Faaruu arfeesso'oo

Tokkummaa Fuudhaa Fi Heerumaa

6Ani uduu lafti hin gagaarranne

uduu aduunillee hin baane,

gara gaara karbeen irratti biqiluu,

gara gaara hixaanaallee hin dhaqa.

7Jaalalloo tiyya qaamni kee guutuun bareeda;

mudaa takkallee hin qabdu.

8Idaayyittii tiyya! Libaanoosiin irraa gara kiyya koottu;

Ee gara kiyya koottu;

goda leencaa, gaara qeerransaa,

Roggee Eermoonii irraa, qaccee Saanerii irraa

Roggee tulluu Amaana'aa irraa gad bu'i.

9Obboleetti tiyya idaayyaa jaalallo'oo

ati midhuu takkatti'iin, dirata morma keetiitiinillee

laphee na raafte.

10Obboleettii tiyya idaayyaa jaalallo'oo,

jaalalli kee attam nama gammachiisa!

jaalalli kee daadhii woyini'ii caalaa nama gammachiisa;

urgaan urgooftuu keetii urgooftuu maraa caala.

11Idaayyittii tiyya! hidhii kee irraa nadhii dammaatitu coccopha;

afaan kee keessaa aannanii fi dammatu burqa;

urgaan uffata keetii akka urgoo Libaanosii urgaaya.

12Idaayyittii tiyya,

ati akka hulee dhaaba abaabo'ootii fi

akka burqaa waan biraatiif qophaayeeti.

13Karaan ati luftuun akka hulee daraaraa mi'aayu

ka roomaani'ii, ija mukaa filatamaa Heenna'aa fi

naardoos keessa guuteeti.

14Akkasuma Naardoosii fi agamsa, hinaari'ii fi qarafaa,

munni gara garaa ka hixaanaa,

munni qumbi'iitii fi munni sabiri'ii

urgooftuun maraa caalullee achi keessa jira.

15Ati akka burqaa hulee dhaaba biqiltu'uu jiruu,

boolla bisaan taliilli keessaa yaa'uu,

akka bisaan Libaanosiin irraa yaa'uuti.

Idaayyittii

16Qilleensa kaabaa! ka'i!

atillee qilleensa kibbaa as koottu!

gara hulee biqiltuu kiyyaa bubbisi;

qilleensillee urgaa misha'aan haa guuttamu;

jaalalloon kiyya gara hulee dhaaba biqiltuu ufii seenee

daraaraa mishaa haa nyaatuu.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help