Raajii Hose'ee 13 - Kitaaba Woyyuu

Murtii Dhumaa Ka Israa'elitti Murtaaye

1Bara gofti Efreemii banii Israa'eliititti boonan worri waan isaan dubbatan dhagayan maruu hin hollatan; maayessa ammo waaqa tolfamaa ba'aal jedhamuu sagada'aa waan cubbuu hojjateef du'aan adabaman.

2Isaan ammallee ogummaa ufiitiin fakiiwwan baffamanii fi waaqolee tolfamaa meetii irraa hojjataman hojjata'aa cubbuu irratti cubbuu eda'atan, kunniin maruu hujii harka namaati; hujii harka namaa kanniinii ciincaa dhiyeessaa'a jedhan namoonnillee waaqolee tolfamaa bifa waatiyyo'ootiin hojjatamaniif sagadan.

3Sababaa kanaaf isaan akka hurrii ganamaatitti aaranii badan; akka fixeensa ganamaatittillee hin harca'an; akka habaqii bubbeen oobdii irraa haruu yookaan akka aara hulee aarri bayuutiin bayee dhumatuu ta'an.

4Rabbi akkana jedha, «Rabbi Waandhi keessan ka biyya Misiriitii isin baase ana; anaa achi Waaqa biraa hin qabdan; ka isin fayyisullee ana.

5Ona gammoojji'ii keessatti ka isin kunuunse ana.

6Haga gara biyya michu'uu galtan ammo akka quuftanitti nyaattanii guddiftanii uf jajjanii na irraanfattan.Kes. Deb. 8:11-17

7Ani sababaa kanaaf akka leencaatii fi Qeerransa karaa irra riphuu isinitti ta'a.

8Akka ilmoolee doobbaa jalaa fudhatame gootuu ani balaa isinitti buusa; isin ciccira; akka leenca nama nyaatuu isinitti ta'a; akka bineensa hamaa nama cicciruutitti isin ciccira.

9«Banii Israa'elii! lafa keessan irratti waan natti kaataniif ani isin balleessa;

10Isin akka ani mooti'ii fi bulchoota isinii kennu na gaafattanii turtan, eeganaa amma mootiin isin oolchu, bulchoonni waa isin irraa dhooggan eessa jiran?Sam. 1ffaa 8:5-6

11Ani aaree mootota isinii kennee ture; ammo dheekkamsa kiyya gudda'aan isaan balleesse.Sam. 1ffaa 10:17-24; 15:26

12Cubbuunii fi yakki Israa'elii barreeffamee tuulameera.

13Israa'el abdii jiraachu'uu qaba; garuu akka daa'ima hennaan dhalatu gayee gadaamessa haadhaatii bayuu hin barbaanneetitti gowwaa ta'eera.

14Ani hunna ibidda asaabaa jalaa isaan oolchaa? du'a jalaa isaan baasaa? du'a! balaawwaa kee meeti? ibidda asaabaa! ka nama balleessituun meeti? ani garaa isaanii hin laafu.Qor. 1ffaa 15:55

15Inni yoma obboleewwan ufii jiddu'utti ka bu'aa qabu ta'ellee qilleensi baya biiftu'uu ka Rabbi ittiin waa adabu lafa onaatii ka'ee dhufa; burqaan isaa hin dhaabata; lanni isaallee hin goga; qilleensi meeshaa isaa ka gatii mi'a'aa maraa jalaa fudhata.

16Samaariyaan waan natti kaatee yakka hojjatteef hin gaafatamti; baniin isi'ii lolaan dhuman; daa'imma lafa irratti dhuman dubartoota ulfaa garaan hin baqaqa.»

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help