1Rabbi madaala sobaa hin jibba;
safartuun sirri'ii garuu isa gammachiisa.
2Uf jajuun yoo dhuftu salphinnillee duukaa deemti;
ogummaan garuu nama kasoo biratti argamti.
3Qajeellota sirrii ta'uun isaanii isaan masakkiti;
worri sobu garuu soba ufiitiin badan.
4Guyyaa dheekkamsaa qabeenni faayidaa hin qabu;
balchummaan garuu du'a oolchiti.
5Namoota mudaa hin qabne
balchummaan isaanii karaa isaanii qajeelchiti;
hammeeyyiin garuu hammeenna ufiitiin kufan.
6Qajeellota balchummaa isaaniititu isaan oolcha;
worri sobu garuu hawwuu hammeenna ufiitiin badan.
7Namni hamaan yoo du'u abdiin isaa duwwaa taati;
ka hunna isaa hedatu maruu akka hin jirree ta'a.
8Balchaan rakkoo jalaa oola;
rakkoon caala'atti hamaa irra gaya.
9Namni hamaan hiriyyaa ufii afaanuma ufiitiin balleessa;
balchoonni garuu beekkumsaan jalaa bayan.
10Balchootaa yoo tolu qacha'atu gammada;
hammeeyyiin yoo badan hin ililfatama.
11Eebba balchootaatiin qachaan ol guddatti;
arraba hammeeyyi'iitiin garuu hin baddi.
12Namni madaala dhidhu'uu hiriyyaa ufii diqqeessa,
namni hubatu garuu arraba ufii tooyata.
13Namni hamatu dhossaa hin eegu;
amanamaan garuu dhossaa eega.
14Dhidhinna masakku'uutiin mootummaan hin kufa;
baay'inna worra gorsuutiin garuu mootee mirkaneeffata.
15Namni nama hin beennee wobii ta'u
rakko'otu isa irra gaya;
nama wobii ta'u'uuf harka hin dhoofne garuu
womaa irra hin gayan.
16Dubartiin garaa laaftu ulfinna argatti;
worri hunnaan namatti ka'an garuu
durummaa callaa argatan.
17Namni mishaan uf fayyada;
garjabeessi garuu rakkoo ufitti fida.
18Nama hamaa hujiin isaa bu'aa hin qabu;
ka balchummaa facaasu garuu gatii amansiisaa argata.
19Balchaan dhuga'aa jireenna argata;
ka hammeenna duukaa bu'u garuu
gara du'a ufii deema.
20Rabbi worra onnee micciirama'aa hin jibba;
namoota karaa ufiititti mudaa hin qabnetti garuu hin gammada.
21Hamaan uduu hin adabamne akka hin hafne beeki;
balchoonni garuu nagayaan jiraatan.
22Akkuma qubee worqi'ii ka funyaan booyye'eetitti godhaniititti;
dubartiin bareeddu ta hubannaa hin qabnellee akkasuma.
23Hawwiin worra balcha'aa hennaa maraa dhumti isaa bareeda'a;
abdiin hammeeyyi'ii garuu lolaan dhumata.
24Tokko arjumma'aan kenna; kennullee caalaa argata;
kuun hagaa ol dodhooma; garuu hin hiyyooma.
25Ka kennu hin durooma;
ka kaawwan dheebuu baasu ufii dheebuu baya.
26Banii dhossa'atti midhaan kuusu hin abaara;
ka baasee gurguru garuu eebba argata.
27Ka waan mishaa jabaatee barbaadu waan misha'atu isa eeggata;
ka waan hamaa barbaadu garuu hama'atu isa argata.
28Ka qabeenna ufii hedatu maruu hin kufa;
worri balchaan garuu akka baala magariisaatitti lalisan.
29Namni maatii ufii jeequ qilleensa dhaala;
namni gowwaan garuu ogeessaa garbicha ta'a.
30Daraaraan balcha'aa muka jireennaati;
namni barsiisee lubbuu namaa deebisu ogeessa.
31Worri balchaan hujii lafa irratti hojjataniif gatii harka ufii ka argatan yoo ta'e,
ka worra hammeeyyi'iitii fi ka worra cubbamtootaa hagam caalinna laata?
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.