Kitaaba Faaru'uu 53 - Kitaaba Woyyuu

Hammeenna NamootaaBarumsa Daawitii ka bulchaa faarfattootaatitti kenname ka mahalati'iin faarfatamu

1Gowwaan garaa ufiititti, «Rabbi hin jiru» jedha;

worri akkanaa kunniin worra balla'e;

hujiin isaaniillee balfisiisa'a;

ka waan mishaa godhu tokkollee hin jiru.

2Ka hubanna'aan jiraatu;

ka Rabbiin soqu akka jiru laalu'uuf;

Rabbi sami'ii

ilmaan namaa laale.

3Maruu gara waan biraa gara galan;

wolumaan balla'an;

tokkollee

ka waan mishaa godhu hin jiru.

4Akkuma namni buddeena nyaatutti worri

banii kiyya nyaatan;

worri Rabbiin waamanii hin beenne;

worri hammeenna hojjatan sunniin sirima hin baratanii?

5Hulee wonti sodaachisu hin jirretti;

achitti soda'aan liqimfaman;

Rabbi lafee worra sitti duulee hin bittinneesse;

Inni waan isaan tuffateef;

ati isaan saalfachiifte.

6Maal uduu ka Israa'eliin oolchu

Tsiyooniin keessaa bayee!

Hennaa Rabbi boojuu bani'ii deebisu

Yaaqoob haa usheexxu;

Israa'el haa gammadu.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help