1Kanaan maayessa ijoolleen Moo'aabiitii fi ijoolleen Amoonii worri Mi'uunootaallee Iyyoosaafixiin lolu'uuf yaa'an.
2Namoonni oduu odeessan dhufanii Iyyoosaafixiin «Galaana gama biyya Eedoomiitii loltoonni jajjaboonni baay'een dhufanii Haseboonii Taamaarii ta Ayingaad jedhamtu keessa jiran» jedhanii itti himan.
3Iyyoosaafixi guddisee waan sodaateef akka Rabbi fedha ufii itti mudhisuuf biyya Yihuuda'aa maraa keessatti soomanii akka Waaqa kadhatan labsii labse.
4Namoonni biyya Yihuuda'aa maruu akka Rabbi isaan gargaaruuf Waaqa kadhachu'uuf dafanii gara Yerusaalemii dhaqan.
5Iyyoosaafixi banii Yihuuda'aatii fi banii Yerusaalemii jidduu mana Rabbii keessa hulee itti gad bayan haarawa irra dhabatee,
6«Yaa Waaqa abboota teennaa! Waandhi samii jiru si'ii mii? mootummaa worra Yihuudota hin taaneellee ka bulchu si'ii mii? Hunnaa fi dandeettiillee hin qabda; ka si mooyachuu danda'u hin jiru.
7Yaa Waaqa keenna! worra Yihuudota hin taane ka biyya kana keessa jiran banii kee Israa'eliin ariitee ka Abrahaamii jaalalloo keetiif baraa haga bara baraa fiixaa kennite si'ii mii?
18Kanaan maayessa Iyyoosaafixi kallachaan gad jedhee sagade; biyyi Yihuuda'aatii fi worri Yerusaalemiin keessa jiraatan maruu Rabbiin afo'otti kufanii Rabbii sagadan.
19Worri leewwotaa ijoolleen Qaatiitii fi ijoolleen Qore'ee laagaa ufii ol qabatanii dhaabatanii Rabbii Waaqa Israa'elii galatoonfatan.
20Bariisaa san ka'anii lafa gammoojji'ii Teequhee dhaqu'uuf hennaa ka'an Iyyoosaafixi ka'ee dhaabatee «Isin baniin Yihuuda'aatii fi baniin Yerusaalemiin keessa jiraattan na dhagayaa'a! Rabbii Waaqa keessan amanaa'a; wonti maruu isinii qajeelaa» isaaniin jedhe.
21Inni banii woliin mari'atee uffata worri faarfattootaa ka hennaa ayyaanaa uffatan uffatanii faaruu «Jaalalli isaa baraa haga barabaraa waan ta'eef Rabbiin galatoonfadhaa'a!» jedhu faarfata'aa loltoota afoo akka deeman ajaje.
22Hennaa faaruu faarfatanii Rabbiin galatoonfatuu jalqaban ijoollee Amooniitii fi ijoollee Moo'aabii ta gaara Seeyirii irraa dhufanitti loltoota dhossa'aan isaanitti fidee isaan dhaye.
23Ijoolleen Amooniitii fi ijoolleen Moo'aabii worra gaara Seeyirii gubbaa jiru sirima dhayanii isaan balleessu'uuf isaanitti ka'an; haga banii san fixaniin maayessa ufumaa wolitti gara galanii wol fixan.
24Namoonni Yihuuda'aa hennaa gara lafa gammoojji'ii dhufanii diintota ufii laalan reeffa namootaa lafatti argan; achi keessaa namni tokkollee hin hafne.
25Kanaan maayessa Iyyoosaafixii fi baniin dhufanii boojuu booji'u'uuf hennaa dhufan horii baay'e'ee fi mi'a gara garaa, uffataa fi mi'a guddisee bareedu arganii saaman; waan saaman kana baadhachuu dadhaban; wonti isaan booji'an waan baay'ee ta'eef haga guyyaa sadihii guuratan.
26Guyyaa arfeesso'ootitti hulee «Dhooqa eebbaa» jedhamutti wol gayanii achitti Rabbiin galatoonfatan; Kanaaf huleen sun haga adhaa «Dhooqa eebbaa» jedhame.
27Achiin maayessa baniin Yihuuda'aatii fi baniin Yerusaalemii Iyyoosaafixi isaan masakka'aa waan Rabbi diintota isaanii akka mooyatan isaan taasiseef guddisanii gammada'aa gara Yerusaalemii deebi'an.
28Hennaa achi gayan meeshaa faaruu faarfataniin ka sagalee guddaa kennuun, masiinqo'oo fi xurumbaa afuufa'aa gara mana woyyuu Rabbii seenan.
29Mootonni biyya maraa akka Rabbi diintota Israa'eliitiin lole haga dhagayan guddisanii Rabbiin sodaatan.
30Kanaaf Iyyoosaafixi nagayaan biyya bulche. Rabbillee karaa maraanuu nagaya isaa kenne.
Dhuma Bulchiinsa Iyyoosaafixii(Mot. 1ffaa 22:41-50)31Iyyoosaafixi hennaa mootii ta'e nama woggaa soddomii shanii ture; inni Yerusaalemiin keessa jiraata'aa woggaa diddamii shanii bulche; haati isaa Azubaan mucatti Shilihiiti.
32Iyyoosaafixi akkuma Aasaa abbaa ufii Rabbiin afo'otti waan mishaa hojjate.
33Garuu hulee itti sagadan ka gaara gubbaa jiru hin balleessine; baniinillee gara Rabbii ufii gara Waaqa abboota isaanii onnee ufii guutu'uun hin deebine.
34Iyyoosaafixi bara ufii mooye irraa jalqabee haga dhuma bulchiinsa ufii wonti mishaan inni hojjate maruu kitaaba seena'aa ka Iyyuu ilma Anaanii kitaaba mootota Israa'elii keessatti barreeffameera.
35Kanaan maayessa mootiin biyya Yihuuda'aa Iyyoosaafixi Akaaziyaasii mootii biyya Israa'elii ka hujiin isaa hama'aa woliin wolii gale.
36Isaan lachuu wol ta'anii markaba hedduu ka galaana guddaa Tarseesii ceeyaniin Etsiyoon-Gaabiritti hojjachiisan.
37El'eezer ilmi Doodaya'aa ka biyya Mariisa'aa «Ati waan Akaaziyaasiin wolii galteef Rabbi hujii kee diigeera» jedhee Iyyoosaafixitti haga dubbate markaboonni sunniinillee caccabanii gara Tarseesii deemuu dadhaban.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.