Raajii Amootsii 3 - Kitaaba Woyyuu

Raaga Israa'elitti Raagame

1Banii Israa'elii! dubbii Rabbi isin banii guddaa biyya Misiriitii isin baasetti dubbate kana dhagayaa'a;

2«Banii adunyaa keessa jiraatan maraa keessaa worri ani filadhe isin calla'a; wonti ani cubbuu isin hojjattan maraaf isin adabuuf kanaaf.

3Namoonni lamaan woliin deemu'uuf yoo wolii haaganfatanii achi woliin deemuu danda'anii?

4Leenci bosona keessa dhadhoolee uduu hin arganne akkanumaan aadaa?

leenci darmiin uduu waan tokkollee dhadhoolee hin qabne hulee jiraatutti laagaa ufii hin dhageessisaa?

5Simbirti uduu woshaadoon hin dhaabamne qabamuu dandeettii?

siiboon uduu wonti tokko hin tundhe akkanumaan filliidamaa?

6Qachaa keessatti xurumbaan akka lolaaf qophaayan hennaa afuufamu baniin sodaatee hin hollanne hin jiraa?

Uduu Rabbi hin eeyyamne wonti hamaan hin dhufaa?

7Rabbi Gooftaan uduu firrisee raattota isa tajaajilanii hin ibsine womaa hin godhu.

8Hennaa leenci aadu dhagayee ka hin sodaanne eennu?

Rabbi Gooftaan yoo waan dhossa'aa ibseef ka raaga hin dubbanne eennu?

Samaariyaan Kufte

9Worra kusheewwan biyya Ashdoodiitii fi biyya Misirii jiran keessa jiraatan marattuu «Gaara Samaariya'aa irratti wol gayaa'a; miidhaa achi keessatti raawwatamuu fi raafama jiru laalaa'a» jedha'aa labsaa'a.

10Rabbi akkana jedha, «Baniin kun waan mishaa godhuu hin beekan; qabeenna didda'aa fi miidha'aan fudhataniin kushee ufii guuttatan.

11Kanaafuu diinni biyya isaanii marsee kushee isaanii diigee manniin isaanii saama.»

12Rabbi akkana jedha, «Worri Israa'elii ka Samaariyaa keessa jiraatan siree gudda'aa fi siree gabaabaa fudhatanii dheessan; kunillee tisseen a'oo afaan leencaatii luka lamaa fi gurra diqqoo hafte buusisiisuu danda'u fakkaata.»

13Rabbi Gooftaan Waandhi banii maraa akkana jedha, «Isin waan kana dhagayaa'a; fiixaa Yaaqoobiititti rageessaa'a.

14Guyyaa ani cubbuu isaan hojjataniif banii Israa'elii adabu hulee ciinca'aa ka Beeteeliin keessa jiran maraa hin diiga; gaafni hulee ciinca'aa caccabanii lafatti gad kufan.Mot. 2ffaa 23:15

15Manniin isaan ji'a gannaatii fi ji'a bonaa keessa jiraatan maraa hin diiga; manniin ilkaan arbaatiin ijaaraman maruu hin diiggaman; manniin gugurdaan maruu hin jiga.»

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help