Seera Keessa Deebii 16 - Kitaaba Woyyuu

Ayyaana Faasika'aa(Ser. Ba'u. 12:1-20)

1«Jiini Abiibii ka Rabbi Waandhi kee halkaniin biyya Misiriitii itti si baase waan ta'eef ji'a Abiibii kana eegi; Rabbii Waaqa keetiif ayyaana faasika'aa itti ayyaanteffadhu.

2Hulee Rabbiin Waandhi kee maqaa ufii itti Waamsisu'uuf filatetti hoola'aa fi sa'a keessaa ciincaa ayyaana faasika'aa ciincessi;

3buddeena bukkaaye isa woliin hin nyaatin; waan biyya Misiriitii jarjaraan baateef guyyaa biyya Misiriitii itti baate san umurii kee marattuu akka yaadattu buddeena rakko'oo buddeena akka xorosho'ootitti hojjatame haga guyyaa torbaa ciincaa san woliin nyaadhu.

4Haga guyyaa torbaa biyya kee marattuu raacitiin hin argamin; foon guyyaa jalqabaa ciincaye haga boruutitti hin bulin.

5«Horiin ayyaana faasika'aatiif qalamu'uuf qophaaye huleen isin itti sanniin qaltan hulema feetanitti uduu hin taane hulee Rabbi Waandhi keessan isinii kenne calla'atti dhiyeessitan.

6Garuu hulee Rabbi Waandhi kee maqaa ufii itti waamsisu'uuf filate, ji'a Rabbi biyya Misiriitii si baase haga aduun dhiite galgala ayyaana faasika'aatiif ciincessi.

7Hulee Rabbi Waandhi kee filatetti bilcheessitee nyaatta; bariisaa kaatee gara daasee wol gayi'ii deemta;

8guyyaa jahaa buddeena akka xorosho'ootitti hojjatame nyaadhu; guyyaa torbeesso'ootitti Rabbii Waaqa keetiif guyyaa wol gayi'ii kanatti hujii maraa hin hojjatin.Ayyaana Hennaa Midhaan Haamanii(Ser. Ba'u. 34:22; Ser. Lew. 23:15-21)

9«Midhaan gaye guyyaa haamtu irraa jalqabiitii haga torbaan torbaa laakkayi;

10haguma Rabbi Waandhi kee si eebbiseen kennaa fedha keetiin Rabbii Waaqa keetii kennitu fiddee ayyaana hennaa midhaan galfattuu torba Rabbii Waaqa keetii ayyaanteffatta.

11Ati, ijoolleen tee ta dhiiraatii fi ta intalaa, garboonni tee ta dhiiraatii fi ta intalaa, worri Leewwi'ii ka biyya kee keessa jiru, hiyyeeyyiinii fi worri sitti galee si woliin jiraatu, haati hiyyeessaallee hulee Rabbi Waandhi kee itti waaqeffamu'uuf filatetti Rabbii Waaqa kee afo'otti woliin gammaddan.

12Atillee biyya Misiriititti garbicha akka turte yaadadhuutii seera kana eegii raawwadhu.Ayyaana Daase'ee(Ser. Lew. 23:33-43)

13«Oobdii kee keessaa sanyii cuunfaa woyinii keetii hennaa wolitti qabdu guyyaa torbaa ayyaana daase'ee ayyaanteffatta;

14ati, ijoolleen tee ta dhiiraatii fi ta intalaa, garboonni tee ta dhiiraatii fi ta intalaa, worri Leewwi'iitii fi namni sitti galee biyya kee keessa jiraatu, hiyyeeyyiinii fi haati hiyyeessaallee ayyaana kanaan gammadaa'a.

15Rabbi Waandhi kee sanyi'iin, hujii harka keetii maraanuu waan si eebbisuuf hulee Rabbi Waandhi kee filatetti guyyaa torbaa ayyaanteffatta; atillee guddiftee gammachu'uun ayyaana kabajjita.

16«Woggaa keessatti guyyaa sadihii ayyaana xorosho'oo, ayyaana hennaa midhaan haama'aa, ayyaana daase'ee guyyaa torbaaf ayyaanteffattan; ijoolleen dhiiraa tee maruu hulee Rabbi Waandhi kee filatetti haa mudhatanii; afoo Rabbiillee harka duwwaa hin dhufin.

17Akkuma eebba Rabbi Waandhi kee sii kennetti namni martinuu waan hunna ufii haa kennuu.

Akkaataa Murtii Qajeelaa Itti Kennan

18«Biyya Rabbi Waandhi kee sii kennetti bulchoonni gosaa maruu akka gosa keetiitiin abbootii murti'iitii fi bulchoota muudi; isaan bani'iif murtee qajeelaa haa murteessanii;

19nama laaltee murtii hin dabsin; fuula laaltee wol hin caalchin; gatiin dhossa'aan kennamu ija beettotaa waan jaamsuuf; dubbii qajeellotaa waan dabsuuf nama irraa gabbarsuu hin fudhatin.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help