Gara Worra Qorontoosii 2ffaa 10 - Kitaaba Woyyuu

Phaawuloos Tajaajila Ufiitiif Falmate

1 Qor. 1ffaa 2:3 Ani Phaawuloos hennaa isin bira jiru nama kaso'o jedhame; hennaa isin biraa fagaadhu ammo nama ija jabaatu jedhame; gara laafumma'aa fi fayyaalummaa Kiristoosiitiin isin gorsa.

213:1-10; 1:12,17; Qor. 1ffaa 4:21 Worra akka waan aadaa biyya lafaatitti jiraannuu nu laakkayanitti amanee ija jabeennaan worra gari'itti dubbachuu yaaleera. Amantii kanaan ammo isin birattillee akka waan ugguutitti akka na hin laakkoofne isin kadhadha.

3Yoo ka akka adaa namaatitti jiraannu ta'ellee akka adaa namaatitti hin lolu.

4Efe. 6:13-17 Meeshaan keenna ka lolaa ka foonii waan hin taaneef kushee nama dhossu diigu'uuf ammo Rabbiin afo'otti cima'a.

5Isa. 2:12-17; Rom. 15:18 Yaada namaallee ka beekkumsa Rabbii irratti kakka'u waan ol ka'e maraa hin diinna. Kiristoosiif ajajamu'uun sammuu maraa boojina.

6Hennaa ajajamtan, ajajamuu diduu mara haluu bayu'uuf qophoofneerra.

7Ka isin afoo jiru laalaa'a. Eennullee yoo ka Kiristoosii ta'uu ufii hubate, nullee ka isaa ta'uu keenna haa hubatuu. Akkuma inni ka Kiristoosii ta'e, nullee akkasuma ka isaati.

8Kanaafuu baallii Gooftaan nuu kenneef yoo guddaa uf jajellee itti hin saalfadhu. Baalliin kun isin ijaaru'uuf malee isin diigu'uufii miti.

9Ergaa kiyyaan waan isin naasisu isinitti hin fakkaatin.

10«Ergaan sunniinillee ulfaata'aa fi jaba'a; nafti isaa ammo yoo laalan dadhaba'a. Dubbiin isaallee tuffatama'a» waan jedhaaniif.

11Hennaa fagoo jirru, karaa dhaamsa keennaatiin dubbi'iinillee akkuma dubbanne hennaa afoo jirru huji'iinillee akkasuma akka taane haa hubatanii.

12Worra uf galatoonfatan gari garii woliin uf laakkayuu yookaan isaaniin wol bira uf qabuu waan hin uggineef, haa ta'uu ammo isaan uf woliin yoo uf madaalan ufumaa wol bira qabanii uf waan laalaniif hin hubatan.

13Rom. 12:3 Nu ammo akka Rabbi nuu murteesse haga isin bira geennuufillee hulee tajaajila Rabbi nu kenneetitti uf ijaarra malee, hagaa olitti hin boonnu.

14Qor. 1ffaa 9:2 Nu hennaa gara keessan dhufne hulee nuu kenname waan hin lufneef Dubbii Nagayaa ka Kiristoosii lallaba'aa isin bira geenne.

15-16Dadhabbii namoota biraatiin hagaa olitti hin boonu. Haa ta'uu ammo amantaan keessan yoo guddate biyya isiniin gama jirtutti haga lallabnutti hujiin keenna eda'a'aa gara keennaan isin biratti akka kabajjamnu abdii goona. Waan garee biraatiin hojjatameen hin boonnu.

17-18 Erm. 9:23-24; Qor. 1ffaa 1:31 «Ka boonu ammo Goofta'aan haa boonuu» ka Rabbi galatoonfatuun malee, Ka uf galatoonfatu ammo inni ka qoramee bayu waan hin taaneef.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help