Kitaaba Iyyoobii 17 - Kitaaba Woyyuu

1«Hafuurri kiyya dadhabeera,

barri jireenna kiyyaa dhumatuu gayeera.

Awwaallillee naa qophaayeera.

2Worri natti baldan na marsan;

Ijji tiyyallee jibba isaanii arga'aarti.

3Waandhana! si caalaa namni naa dhaabatu waan hin jirreef,

atinuu wobii naa ta'i.

4Isaan qoratanii hubachuu akka hin dandeenne

sammuu isaanii cufteerta.

kanaafuu akka mooyicha argatan isaan hin taasisin.

5Namni horii argachu'uuf jedhee goshoo ufii dabarsee kennu,

hammeenni sun ijoollee isaa irra gaya.

6Rabbi akka baniin natti kolfu na taasise;

akka nama namni fuulatti tufuu ta'e.

7Ijji tiyya sababaa gaddaatiin arguu dadhabde;

nafni kiyyallee akka gaaddiddu'uu ta'e.

8Worri dhugaa dubbatan waan kana nayaniiran.

qulqulloonni worra Rabbitti hin amannetti aaran.

9Qulqulloonni garuu karaa dhuga'aa irraa hin goran

namni harki isaa qulqulluu ta'e hunna eda'ata'aa deema.

10Isin maruu uduu deebitanii gara kiyya dhuftanii na mormitanii,

isin keessaa nama waa hubatu tokkollee hin argu.

11«Barri kiyya ka jireennaa dhumateera;

yaanni kiyyaa fi karoorri kiyya duwwaa ta'ee hafe.

12Halkan gara guyya'aa jijjiirama.

Ifnillee waan gara dukkanaa dhiyaate isaanitti fakkaata.

13Hireen ani ammaa achi qabu worra du'etti makamu'u,

dukkana san keessatti afaa tiyya afadha.

14Awwaalaan ‹ati abbaa kiyya› jedhee waama;

Raammoo na nyaataniinillee ‹isin haadha tiyya, obboleettii tiyyalle'e› isaaniin jedha.

15Kanaafuu ani abdii maal qaba?

eentu abdii naa ta'a?

16Yoo ani gara ibidda asaabaa gad bu'u abdiin na woliin gad bu'aa?

woliin gara awwaalaa gad buunaa?»

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help